Labsii Yakka Namaan Daldaluu Fi Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu Ittisuu Fi Too’achuuf Bahe (Labsii 1178/2012)
Labsii Yakka Namaan Daldaluu Fi Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu Ittisuu Fi Too’achuuf ▇▇▇▇ (Labsii 1178/2012)
(Moojulii Sagantaa Leenjii Hojiin Duraa fi Hojii Irraatiif Qophaa’e)
Qopheessitoonni:
1. Nooh Taakkalaa
2. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇
Fooyyeessitoonni:
1. ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇
2. Kababbaw Birhaanuu
Gulaaltonni:
1. Addamuu Dhufeeraa
2. Geetuu Gaddafaa
3. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇
Caamsaa 2013
Adaamaa
Baafata Fuula
1.1. Maalummaa Yakka Namaan Daldaluu fi Nama Seeran Ala Daangaa Ceesisuu 6
1.1.1. Maalummaa Yakka Namaan Daldaluu 6
1.1.2. Maalummaa Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu 8
1.1.3. Namaan Daldaluu fi Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesiisuu 9
1.2. Sababoota Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu fi Namaan Daldaluu 11
1.3. Miidhawwan Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu fi Namaan Daldaluun Hordofsiisu 14
1.3.1. Miidhaa Gama Itti Fayyadama Humna Godaantotaatiin 14
1.3.2. Miidhaa Lubbuu, Qaamaa fi Xiinsammuu 15
1.3.3. Miidhaa Bilisummaa Saalquunnamtii 16
1.3.4. Miidhaa Loogiif Saaxilamuu 17
1.4. Haguuggii Seerota Idil-addunyaa 17
1.4.1. Koonvenshinii Idil -addunyaa 18
1.4.1.1. Sanadoota Eegumsa Waliigalaa 18
1.4.1.2. Sanadoota Dhimmoota Addaa ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇
1.4.2. Waliigalteewwan Ardii Afrikaa 21
1.4.3. Waliigalteewwan Gam-▇▇▇▇▇ 22
LABSII YAKKA NAMAAN DALDALUU FI NAMA SEERAAN ALA DAANGAA CEESIISUU
2.1. Kaayyoo Labsii Lakk. 1178/2012 30
2.2.1. ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ Labsichaa 30
2.2.2. Hiika Jechoota fi Gaaleewwanii 31
2.3. Yakkoota Namaan Daldaluu, Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesiisuu, Hojiif Seeraan ala Biyya Alaatti Erguu Fi Yakkoota Hidhata Qaban 32
2.3.1.1. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ Daldaluu 33
2.3.1.2. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ Daldaluu Gargaaruu 42
2.3.1.3. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ Namoota Biroo Irraa Faayyadamuu 43
2.3.2. Yakka Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu 44
2.3.2.1. Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu 44
2.3.2.2. Seeraan Ala Namni Biyya Keessa Akka Turu Gargaaruu 46
2.3.2.3. Sanada Yakka Nama Seera Ala Daangaa Ceesiisuu Raawwachuuf Oolu 47
2.3.3. Yakka Nama Seeraan Ala Hojiidhaaf Biyya Alaatti Erguu 55
2.3.3.1. Karaa Seeraan Ala ta‟een Nama Hojiif Biyya Alaatti Erguu 56
2.3.3.2. Yakka Kenniinsa Tajaajila Nama Biyya Alaatti Erguu Waliin Walqabatu 57
2.3.4. ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ Qaban 57
2.3.4.1. Yakka Gabaasuu/ Beeksiisuu Dhabuu 58
2.3.4.2. Namoota Eeruu Kennanii Fi Ragaalee Irratti ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ 59
2.3.4.3. Ragaa Mancaasuu, Miidhuu ykn Dhoksuu 60
2.3.4.4. Shakkamaan Akka Hin Himatamne Gargaaruu 60
2.3.4.6. Itti Gaafatamummaa Yakkaa Jaarmiyaalee Namummaan Seeraan Kennameef 61
2.4.1. Namoota Balaaf Saaxilaman Baraaruu 63
2.4.2. Qabeenya Yakka Waliin Walqabatu Ugguruu fi Qabuu 64
2.5. Miidhamtootaaf Eegumsa Taasisuu, Deebisanii Dhaabuu Fi Beenyaa 68
2.7. Mana ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇, Gahee Dhaabbilee Garaagaraa fi Tumsaa Idil-addunyaa69
2.7.1. Mana ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇: Hojii fi Itti Gaafatamummaa Isaa 70
2.7.2. ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇’▇▇▇▇▇ Biyyaaleessa fi Waajjira Isaa 70
▇▇▇▇▇▇▇
S/Y – Seera Yakkaa
S/D/F/Y – Seera Deemsa Falmii Yakkaa
RDFI – Riipabilika Dimokiratawaa Federalawaa Itiyoophiyaa Lakk - Lakkoofsa
L/G/M/M – Lakkoofsa Galmee Mana Murtii Kwt – Keewwata
MMWO – Mana Murtii Waliigala Oromiyaa IOM - International Organization for Migration ILO - International Labour Organization
A/A - Abbaa Alangaa
A.L.A - Akka Lakkoofsa Awurooppaa UN - United Nation
ICCPR- International Convention on Civil and Political Rights
A.L.I - Akka Lakkoofsa Itiyoophiyaa MMO - Mana Murtii Ol‟aanaa
Seensa Waliigalaa
Yakkoonni namaan daldaluu, seeraan ala nama daangaa ceesiisuu, seeraan ala hojiidhaaf biyya alatti erguu fi yakkoonni isaan waliin walitti hidhatiinsa qaban yakkoota bilisummaa dhala namaa irratti raawwatamanii fi miidhaa hamaa lammiilee irrati geesisanii fi geesisaa jiraniidha. Yakkooni kunniin nama dhuunfaa fi ▇▇▇▇▇ yakka raawwachuuf gurma‟▇▇ ▇▇▇ raawwataman ▇▇▇ ▇▇‟u, yakkoota baala sammuu nama hadoochuu daddabarsuu fi meeshaa waraanaa daldaluutti aansuun akka idil addunyaatti sadarkaa sadaffaa irratti kan argaman ta‟uu akkasumas waggaatti maallaqni doolaran miliiyoona 11 hanga 12 tti tilmaamamu kan ittiin socho‟u ta‟uu qorannoon ni agarsiisa.1
Yakkoota kanneen ittisuu, too‟achuu fi gochoota kanneen yakka taasiisuun seeraan tumuu akkuma jirutti ta‟e tumsaa fi qindoomina biyyoota kan barbaadu ta‟u sanadoonni idil- addunyaa ni ibsu. Waan ta‟eefis, miidhaa yakkoonni kunniin geessisanii fi geessisaa jiran ittisuu fi too‟chuuf konveeshinii fi pirotokooliiwwan gargaaran sadarkaa idil addunyaatti bahanii jiru.
Biyyi keenyaas miidhaa yakkoonni kunniin lammiilee irraan gahaa turanii fi geessisaa jiran ittisuu fi too‟achuuf Pirotokoolii lama „‟ Protocol To Prevent, Suppress And Punish Trafficking In Persons Especially Women And Children & Protocol Against The Smuggling Of Migrants By Land, Sea And Air, Supplementing The United Nations Convention Against Transnational Organized Crime „‟ jedhamuun beekaman qaama seera biyyattii taasiisuun raggaaftee jirti.2
Kana malees, biyyi ▇▇▇▇▇▇ yakkoota kanneen ittisuu fi too‟achuuf tumaalee gargaaran heeraa RDFI kwt 18(2), Seera yakkaa RDFI kwt.243, 596, 597, 598, 599 fi 600, 634-638
; Labsii Seeraan ala Namoota Daddabarsuu fi Godantoota Seeraan ala Daangaa Ceesiisuu Ittisuu fi Too‟achuuf ▇▇▇▇ Lakk. 909/2007, Labsii 632/2011 (akka fooyya‟etti)3 fi Labsii Imigireeshinii Lakk. 354/1995 kwt 20(2) keessatti tumuuf yaaltee jirti. Haa ta‟u malee, seeroonni kunniin qaawwa kan qaban ta‟uu, keessattuu labsiin 909/2007 iftoomina dhabuu,
1 International Organization for Migration (IOM), 2019
2 Protocol Against the Smuggling of Migrants by Land, Sea and Air Ratification Proclamation No. 736/2012; Protocol to Prevent, Suppress and Punish Trafficking in Persons Especially Women and Children Ratification Proclamation No. 737/2012 ; dabalataan, labsiileen kunniin ▇▇▇▇▇ Hojii Abbaa Alangaa Federaalaa qaamoole dhimmi ilaallatu waliin atoomuudhaan pirotokooliiwwan kanneen hojiirra akka oolchu aangeessanii jiru. Labsii 736/ 2012 fi 737/2012 kwt 3 ilaalaa!
3 Ethiopia‟s Overseas Employment Proclamation No. 923/2016
heeraa fi pirotokoolii biyyattiin raggaafte waliin wal simuu dhabuun, rakkinichaaf furmaata gahaa ta‟e kennuu dhabuun, yakkoota kanneen ittisuu, too‟achuu, itti gaafatamummaa mirkaneessuu, miidhamtootaaf eegumsa taasiisuu, deebisuun dhaabuu fi yakkoota kanneen ittisuu, too‟achuu fi itti gaafatamummaa yakkaa mirkaneessuu keessatti tumsa idil addunyaa waliin taasifamuun walqabatee hanqina kan qaban ta‟uu waan hubatameef labsiin 1178/2012 haqinoota kanneen ▇▇▇▇▇ furuun danda‟uun tumamuun ittiin hojjetamaa jira.
Bu‟uuruma kanaan labsiin lakk.1178/2012 ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ RDFI kwt 18 (2) fi pirotokoloota ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ raggaafteen walsimuun keewwatoota 47 fi kutawwan torba qabachuun kan bahee ▇▇▇ ▇▇‟u, seeroota duran bahan irratti jijjiirama bu‟uura taasisee jira. Labsiin kun maqeeffama labsii 909/2007, jechootaa fi gaaleewwaan qabiyyee labsichaa keessatti hojjiirra turan, qabiyyee tumaalee yakka namaan daldaluu, nama seeraa ala daangaa ceesiisuu fi yakkoota isaaniin walqabatan, tumaalee yakka ittisuu fi qabeenya yakkaan walqabatan uguruu fi dhaaluu, miidhamtoota deebisanii dhabuu fi beenyaa, fandii hundeessuu fi gahee qaamoolee garaagaraa ilaalatan, maqeeffama jaarmiyaa fi qooda fudhatootaa garaagaraa fooyyeessuun, haaraa dabaluun akkasumas kaan immoo haquun bahee jira. Fakkeenyaaf, labsiin tajaajila namoota hojiif biyya alaatti erguu kennamu too‟achuuf ▇▇▇▇ lakk. 923/2008 ▇▇▇▇ yakka hundeesuu waan hin qabneef ▇▇▇▇ yakka nama seeraan ala hojiidhaaf biyya ala erguu ilaalatu akka haaraatti hundeessuun tumee jira. Itti dabaluun, labsiin 1178/2012 dhimmoota qorannaa yakkaa: maloota qorannoo addaa fayyadamuun ragaa sassaabuu ( kwt 18), bakka bu‟ummaa ▇▇▇▇▇ Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaa fi Komishiniin Poolisii Federalaatiin Mana Hojii Abbaa Alangaa fi Komishii Poolisii Naannootiif kennamu ( kwt 47), madaallii ragaa fi dirqama ragaa hubachiisuu (kwt 21/2), darbiinsa yeroo yakka namaan daldaluu fi nama seeraan ala daangaa ceesiisuun walqabatu ( kwt 25), himatamaa ragaa barbaachisaa ta‟e kenne himannaa irraa bilisa gochuu fi adabbii hir‟isuu ( kwt 23), mirga wabii fi kkf labsii 909/2007 tiin tumaman SDFY fi ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ fuula ▇▇▇▇▇▇▇ bahu keessatti ni hammatamu jedhamee waan yaadameef hambiseera. Kana malees, tumaa yakka daddabalamaa ilaallatu (kwt 46); sababoota adabbii cimsu: riikardii (kwt. 5/2) hambiseera.
Gama biraatin, labsichi labsii 909/2007 fi tumaaleen Seera yakkaa kwt.243 (2) (3), 596, 597, 598, 599 fi kwt.634-638 haqeera. Seera yakkaa kwt.243 (1)(b) fi labsii Imigireeshinii 354/1995 kwt 20(2) immoo gar-tokkeen fooyyeessee jira.
Haa ta‟u malee, moojuuliin ammaan duraa leenjifamtoota leenjii hojiirraa yeroo gabaabatiif labsii 909/2007 irratti qopha‟ee fooyya‟iinsa bu‟uura labsii 1178/2012 taasifame kanneen hin hammatu. Inni biraa labsiin 1178/2012 ▇▇▇ ▇▇▇▇ yeroo dhiyoo as ta‟uu irraa kan ka‟e hubannoon ogeessonni qaamolee haqaa fi uummanni labsii kana irratti qabu kan cime hin fakkaatu. ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇, qo‟annaa sirna sagantaa leenjii hojiin duraa fi hojiirraa yeroo dheeraa irratti gaggeefamee labsiin 1178/2012 ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ keessatti ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ irratti kennamuu akka qabu waan akeekeef labsiin ▇▇▇ ▇▇▇▇ duree leenjii tokko ta‟ee sirna leenjii hojiin duraa fi hojiiraa yeroo dheeraa keessatti hammatameera. Waan kana ta‟eef, moojuulii kun akkaataa leenjifamtoota sagantaa leenjii hojiin duraa fi sagantaa leenjii hojiiraa tajaajiiluu danda‟uun fooyya‟ee qopha‟eera.
Bu‟uuruma kanaan leenjifamtoonni fooyya‟iinsa labsii 1178/2012 tiin taasifame irratti beekumsaa fi dandeettii barbaadamu gonfachuun yakka namaan daldaluu, seera ala daangaa ceesiisuu fi seeraa ala hojiidhaaf biyya alaatti erguu ittisuu, too‟achuu, itti gaafatamummaa seeraa mirkaneessuu keessatti qooda isaanii ni gumachuu jedhameeti eeggama.
Moojulichi boqonnaa lama akka qabaatu taasifameera. Haaluma kanaan, boqonnaa tokkoffaa keessatti dhimmoota waliigalaa yakka namaan daldaluu fi nama seeraan alaa daangaa ceesisuu walqabatan ni dhiyaatu. Maalummaa fi qabiyyee isaa, sababoota yakkoota kanneeniif ka‟uusa ta‟an, miidhaa hordofiisanii fi haguuggiin seeraa idil- adunyaa fi Heeraa RDFI gabaabinaan ni ibsama.
Boqonnaa lammaffaan labsii lakk. 1178/2012 irratti kan ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇ ▇▇‟u, boqonnaan kana keessatti kaayyoo labsichaa, dhimmoota waliigalaa, yakka namaan daldaluu, seeraan ala daangaa ceesiisuu, seera ala hojiidhaaf biyya alatti erguu fi yakkoota isaan waliin walitti hidhamiinsa qaban, yakkoota kanneen ittisuu, namoota balaaf saaxilaman baraaruu, qabeenya yakkaan walitti hidhamiinsa qaban ugguruu, qabuu fi dhaaluu , miidhamtootaaf eegumsa gochuu, deebisanii dhaabuu fi beenyaa kaffaluu, fandii hundeessuu, hojii fi itti gaafatamummaa ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ biyyaleessaa, qaamoleen garaagaraa fi tumsi idil addunyaa yakkoota kanneen ittisuu fi too‟achuu keessatti qabanii fi tumaaleen adda addaa ni tumaalee seerichaa irratti hunda‟uudhaan ni xiinxalamu. Itti dabaluun, gaaffilee marii fi dhimmoonni murtii argatan irratti hunda‟uudhaan gaaffileen hubannoo leenjifamtootaa cimsuuf gargaaran dhiyaatanii jiru.
▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ Leenjiifamtoonni:
✓ Maalummaa namaan daldaluu fi nama seeraan alaa daangaa ceesisuu irratti hubannoo gahaa ni argatu,
✓ Ulaagaawwan gurguddoo akka addunyaatti jiraachuu yakka namaan daldaluuf barbaachisan gocha raawwatame, tooftaa fi kaayyoo bira gahamuu barbaaddame (act, means, and purpose) adda baasanii ni ibsu;
✓ Yakka namaan daldaluu fi nama seeran ala daangaa ceesisuu jidduu addaa addummaa fi wal fakkeenya jiru adda baasuun ni hubatu;
✓ Xiyyeeffannoo yakkoonni namaan daldaluu fi seeran ala daangaa ceesisuu seerota idil addunyaa jalatti qaban adda baasuun ni agarsiisu;
✓ Xiyyeeffannoo yakkoonni namaan daldaluu fi seeran ala daangaa ceesisuu ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ jalatti qaban adda baasuun ni xiinxalu.
✓ Sababoota ykn hanqinoota fooyya‟uu labsii 909/2007 ni hubatu,
✓ Kaayyoo fi galma labsii 1178/2012 ni hubatu,
✓ Labsiin 1178/2012 dhimmoota fooyyesse, haaraa dabalee fi hambise ilaalchisee hubannoo ni argatu,
✓ Maalummaa yakka namaan daldaluu, seeraan ala daangaa ceesiisuu fi seeraan ala hojiidhaaf biyya alatti erguu fi yakkoota isaaniin walqabatan irratti hubannoo qaban ni gabbifatu,
✓ Tarkaanfiiwwan yakkoota kanneen ittisuu fi qabeenya dhaaluun walqabatee fudhataman irratti hubannoo isaanii ni cimsatu
✓ Miidhamtootaaf eegumsa taasiisuu fi deebisuun dhaabuu fi beenyeessuu irratti hubannoo ni argatu,
✓ Waa‟ee fandii namoota yakkaan miidhaman ykn saaxilaman kunuunsuuf ykn deebisanii dhaabuuf oolu ilaalchisee beekumsa dabalataa ni argatu.
✓ ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇, Dhaabbilee Garaagaraa fi Tumsi idil addunyaa yakkoota kanneen ittisuu fi too‟achuu keessatti qaban adda ni baafatu.
BOQONNAA TOKKO DHIMMOOTA WALII GALAA
Yakki namaan daldaluu fi nama seeran ala daangaa ceesisuu yakkoota yeroo ammaa kana akka addunyaattis ta‟ee biyya keenyatti yaadoo ta‟an keessa isaan adda durummaan ka‟anii dha. Yakkoota baala sammuu namaa adoochuu fi daldala meeshaa waraanaatti aanuun sadarkaa 3ffaa irra jira. Waggaati maallaqa dolaara miliiyoona 11 hanga 12‟tti tilmaamamu sochoosa. (IOM, 2019)
Yakkoonni kanneen mirgoota fi bilisummaa namaa sarbaa jiru. Keessattu dubbartoonni, dargaggoota fi daa‟imman miiidhaa jiru. Yakkoota kanneen ittisuu fi too‟achuuf hawaasni idil-addunyaa tarkaanfiiwwan garagaraa fudhachaa jira. Kutaa kana jalatti carraaqqii hawwaasni addunyaa yakka kana ittisuu fi too‟achuuf taasise, hiikkoo addunyaawaa yakka namaan daldaluu fi seeran ala daangaa ceesisuu, akkaataa itti mirgi namoomaa miidhamtootaa yakka namaan daldaluun miidhamu, ▇▇▇▇▇ itti daldaltoonni namaa itti hojjatanii fi wantoota namoota yakka namaan daldaluu fi daangaa ceesisuuf akka saaxilamoo ta‟an taasisan gabaabinaan kan itti laallaman ta‟a.
Bu’uruma kanaan xummura boqonnaa kanaa irratti leenjifamtoonni:
⮚ Maalummaa namaan daldaluu fi nama seeraan alaa daangaa ceesisuu irratti hubannoo gahaa ni argatu;
⮚ Ulaagaawwan gurguddoo akka addunyaatti jiraachuu yakka namaan daldaluuf barbaachisan gocha, tooftaa ittiin raawwatamuu fi kayyoo (act, means, and purpose) adda baasanii ni ibsu;
⮚ Yakka daldala namaa fi nama seeran ala daangaa ceesisuu jidduu addaa addummaa fi wal fakkeenya jiru adda baasuun ni hubatu;
⮚ Kutaa hawaasaa yakkoota daldala namaa fi nama seeran ala daangaa ceesisuuf saaxilamoo ta‟an adda baasanii ni xiinxalu;
⮚ Xiyyeeffannoo yakkoonni namaan daldaluu fi seeran ala daangaa ceesisuu seerota idil addunyaa jalatti qaban adda baasuun ni agarsiisu;
⮚ Xiyyeeffannoo yakkoonni namaan daldaluu fi seeran ala daangaa ceesisuu ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ jalatti qaban adda baasuun ni xiinxalu jedhameeti eeggama.
1.1. Maalummaa Yakka Namaan Daldaluu fi Nama Seeran Ala Daangaa Ceesisuu
1.1.1. Maalummaa Yakka Namaan Daldaluu
Nama naannessuun ▇▇▇▇ daldalaa kaayyoo humna namaa dirqiin fayyadamuuf (forced labour), ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ quunnamtiif garboomsuuf (sexual slavery), ykn daldala saal quunnamtii dirqiif (commercial sexual exploitation) akka hojjatan taasisuuf ilmoo namaa irratti raawwatamuu dha.4 Namni bu‟▇▇ ▇▇▇▇▇ kanarraa argamuun fayyadamu nama ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ (the trafficker) ykn nama biraa ta‟uu danda‟a. Yakki namaan daldaluu ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ namatti ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ nama filuu, geejjibuu, tursuu, ykn fudhachuuti.5 Daldaltoonni namaa miidhamtoonni yakkichaa hojii humnaa ykn tajaajila saal quunnamtii, fi yeroo tokko tokko kutaa qaama isaanii akka ▇▇▇▇▇▇ taasisuuf sodaachisuu, humnatti fayyadamuu, dirqisiisuu, itti fakkeessuu, ykn mala biraa fayyadamuu danda‟u.6
Hiikoo yakka kanaaf hanga ammaa kennamee ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ biyyoota addunyaa kanaa, biyya teenya Itiyoophiyaa dabalatee, 117 ta‟anii fi hayyoota hedduun fudhatama argate hiikkoo „ The United Nations' Trafficking in Persons Protocol, also known as the Palermo Protocol‟n laatamee jiruu dha. Sanadni kunis ▇▇▇▇▇ ibsa yakkichaaf armaan olitti laatameen wal fakkaatuun yakka namaan daldaluu kwt 3(a) jalatti
The recruitment, transportation, transfer, harbouring or receipt of persons, by means of the threat or use of force or other forms of coercion, of abduction, fraud, of deception, of the abuse of power or of a position of vulnerability or of the giving or receiving of payments or benefits to achieve the consent of a person having control over another person, for the purpose of exploitation. Exploitation shall include, at a minimum, the exploitation of the prostitution of others or other forms of sexual exploitation, forced labour or services, slavery or practices similar to slavery, servitude or the removal of organs.
jechuun hiikoo kenneefii jira.7
Hiikkoo sanada kanaan laatame irraa akka hubachuun danda‟amutti gochi namoota sodaachisun, humnaan ykn, butuun, dabaan (sadoon), gowwoomsuun, kennaa adda addaa
4 ▇▇▇▇▇://▇▇▇.▇▇▇.▇▇▇/▇▇▇▇-▇▇▇▇▇▇▇▇/▇▇▇▇-▇▇▇▇▇-▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇, gaafa 23/07/13 kan ilaallame.
5 Kanuma
6 Kanuma
7 The Protocol to Prevent, Suppress and Punish Trafficking in Persons, Especially Women and Children (“Palermo Protocol”), Art 3
▇▇▇▇▇▇▇, sossobuun iddoo tokkoo gara iddoo biraatti godaansisuun hordofii fi to'annoo isaani jala gochuun miidhamtoota madda galii gochuun itti fayyadamuun akka namaan daldaluutti kan fudahatam ta‟uu isaati. 8
Bu‟uura tumaa sanada kanaan yakki namaan daldaluu jira jechuuf ulaagaawwan sadii guutamaani jiraachuu qabu. Isaaniis ulaagaa gocha (an act, what is done), tooftaa (the means, how it is done) fi kaayyoo saaminsaati (exploitative purpose) dha.9
Kana irraa kan ka‟e bu‟uura tumaa sanada kanaatiin yakki namaan daldaluu jira jechuuf jalqaba irratti ulaagaan gochaa (actus reus) guutuu qaba. Jiraachuun ulaagaa gochaa immoo kan ifu adeemsa filannoo miidhamaa raawwachuun (recruitement), keessummeessuun (harboring), iddoodhaa iddootti sochoosuun (moving), fudhachuun (obtaining) fi tursuun (maintaining a person) dha.10
Inni ▇▇▇▇▇▇▇ immoo jiraachuu ulaagaa tooftaati. Ulaagaan tooftaa jiraachuu yakka namaan daldaluuf barbaachisu jira jechuuf bu‟uura tumaa sanadichaa olitti dhiyaateen tooftaa itti aananaa kanneen keessaa tokko jiraachuu qaba. Kunis tooftaa humna, sodaachisuu, dirqisiisuu, ykn gowwoomsuutti fayyadamuun gochicha raawwachuudha. 11
Ulaagaan inni sanaffaan ulaagaa yaada sammuuti. Yaadni sammuu ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ daldaluu ▇▇▇▇▇ gahaa ta‟een mirkanaa'uu qaba. Kunis yaadni miidhamaa kanatti fayyadamuu nama ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ daldaluu mirkanaa'uu qaba jechuu dha. Waan ta‟eef yakki namaan daldaluu jira jechuuf ulaagaawwan yakkicha hundeessuuf barbaachisan kunniin guutanii argamuu qabu jechuu dha.12
Dabalataan akka tumaa sanada mootummoota gamtoomanii kana kwt 3/b irraa hubachuun danda‟amutti ulaagaawwan jiraachuu yakka namaan daldaluuf barbaachisan kunneen guutanii argamnaan dhimmi fedha qabaachuu miidhamaa jiraachuu yakkichaa irratti dhiibbaa hin uumu. Yaada kana sdfy kwt 70 faana akkamiin ilaaltu?
Yakki namaan daldaluu iddoo kamitti iyyuu raawwachuu danda‟a. Biyya keessattis raawwachuu danda‟a; akkasuma daangaa biyyaa ce‟uun sadarkaa addunyaatti raawwachuu danda‟a. Haayyoonni raawwattoonni daldala namaa nama lammii biyya tokkoo ta‟e tokko
8 Hiikkoon Kan qopheessitoota moojuulichaati.
9 Palermo Protocol, art 3
10 Kanuma
11 Kanuma
12 Kanuma
kaayyoo saamichaaf gara biyya biraa ▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ namaan daldaluu idla addunyaatti ilaalu. Namni karaa seera qabeessaan ykn seeraan alaan akka biyya alaa deemu taasifamuu mala. Garuu immoo hojiin jedhame biyya deemu kana dhuguma jiraachuu isaa wanti beeku hin jiru. 13
Gama biraan yakkichi yakka daangaa biyyuma tokkoo keessatti raawwatamu ta‟uu danda‟a. Yakki namaan daldaluu daangaa biyya kamiituu osoo hin qaxxaamurin guutumaan guututti daangaa biyyuma tokko keessatti kan raawwatame ▇▇▇ ▇▇‟e yakka namaan daldaluu biyya keessaa jedhama. Miidhamaan yakkichaa lammii, barataa, jiraataa dhaabbii, nama daawwiif biyya seene, ykn hojjataa yeroo ta‟u illee hanga ulaagaan yakka namaan daldaluu hundeessuuf barbaachisan guutanii argamanitti fi daangaa biyya tokkoo keessatti raawwatametti yakkichi yakkuma namaan daldaluu biyya keessaa ta‟a. 14
Dhimmi dabalataan asitti ka‟uu qabu yakki namaan daldaluu yakka qofa akka hin taanee dha. Yakka akka malee (a gross violation) mirga namoomaa miidhuu dha. ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ yakka kanaa kunniin miidhamtoota akka meeshatti ilaalu; mirgoota bu‟uuraa, bilisaan socho‟uu, eessa akka hojjatan murteeffachuu fi eenyuuf maal hojjachuu filachuu miidhamtootaa akka fedhanitti sarbuun fedhii isaanii guuttatu. Kana irraa kan ka‟e hojiin yakka namaan daldaluun wal qabatee hojjatamu kamuu ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ namoomaaf iddoo ol aanaa lateen akka kabajaa fi nageenya miidhamtoota yakkichaa iddootti deebisuu danda‟uun hojjatamuu qaba.15
1.1.2. Maalummaa Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu
Maalummaa nama seeraan ala daangaa ceesiisuu hubachuuf pirotokoolii gocha kana ittisuu fi too‟achuuf ▇▇▇▇ ilaaluun barbaachisaadha. Naman seeraan alaa daangaa ceesisuu (Smuggling of migrant) ilaalchisee UN Protocol (2000) kwt 3 jalatti akka armaan gadii kanaan kaa'a.
"…the procurement, in order to obtain, directly or indirectly a financial or other material benefit, of the illegal entry of a person into a state party of which the person is not a national or a permanent resident."16
Hiikaa kana irraas gabaabinaan namoonni karaa seeraa alaa ta'een lammummaa yookiin eeyyama jireenyaa biyya itti godanaanii osoo hin argatiin, haal ▇▇▇▇▇▇ guutamuu qabu osoo
13 Kanuma
14 Kanuma
15 Kanuma
16 Kan armaan olii miiljalee lakk. 7 irraa.
hin guutamiin karaa kallattiin yookiin al-kallattiin qarshii fi faayidaa qabatamoo adda addaa barbaacha biyya biraa seensisuu yookiin baasuu ta'uu isaa ni ibsa.
Gocha tokkoon nama seeraan alaa daangaa ceesisuu ittiin jechuuf akka qabiyyee keewwata kanaatti qabxiin sadii wal-faana guutamee argamuu qaba. Kunis
1. Nama seeraan ala seene simachuu, dhoksuu, kaa'uu,
2. Daangaa biyya tokkoo osoo lammii yookiin dhaabbiin jiraataa biyya sanii hin taane seenuu,
3. Fayyidaa maallaqaa yookiin faayyidaa qabatamaa biraa argachuuf ▇▇▇▇▇ ▇▇▇ raawwatame ta'uu dha.
Dabalataan, Pirotokooliin namaan seeraan ala daangaa ceesisuu ittisuu fi to‟achuuf ▇▇▇▇ biyyoonni gocha kana yakka taasiisuun seeraan tumuu akka qaban kwt 6 jalatti tumee jira. Pirotokoolichi , biyyoonni waliigaltee kana raggaasan kallattiin ykn al-kallattiin faayidaa maallaqaa ykn faayidaa qabatamaa biraa argachuuf yaaduudhaan nama seeraan ala daangaa ceesisuu, kaayyoo nama daangaa ceesiisuu galmaan gahuuf ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ imalaa ykn waraqaa eenyummaa waliin dhahame qopheessuun , sanadoota kanneen argachuun, dhiyeessuu/kennuun ykn qabatanii argamuun raawwatamu, ykn mala seeraan alaa kanneen biroo fayyadamuun nama lammii ykn dhaabbataan jiraataa biyya tokkoo hin taane seeraan ala biyya keessa akka turu taasiisuu, nama seeraan ala daangaa ceesiisuuf yaaluu, miiltummaa yakka kana irratti hirmaachuu, namoota yakka kana raawwatan gurmeessuu ykn hoogganuu, lubbuu fi nageenya namaa balaaf saaxiluu, ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ jabeenyummaa akka garamalee namatti fayyadamuu raawwachuu seeraan yakka taasiisuun tumuu akka qaban akka qaban tumee jira. Kana malees, biyyoonni ▇▇▇▇▇ qabatamaa isaanii irratti hunda‟uudhaan yakka nama daangaa ceesifamu irratti raawwatamu danda‟an seeraanm tumuu akka danda‟an aangeessee jira.
1.1.3. Namaan Daldaluu fi Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesiisuu
Maalummaan namaan daldaluu fi nama seeraan ala daangaa ceesiisuuti aansuun walfakkeenyaa fi garaagarummaa gochoota kunniin qaban mee haa ilaaluu.
Yakkin namaan daldaluu fi namoota seeraan alaa daangaa ceesisuu wal-fakkeenya hedduu kan qaban ▇▇▇ ▇▇‟u, namoonnis adda baasuu ▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ ni ▇▇▇'▇▇▇. Fakkeenyaaf, yakkoonni kunniin faayidaa argachuuf yaadamee neetiwarkii uumuun yakka
raawwatamatamiidha. Haa ta'u malee, yakki kunniin lamaan garaagarummaa gurguddaa ta'es ni qabu.17
Kayyoon yakka namaan daldaluu namatti garmalee tajaajilamuu ( exploitation) ▇▇▇ ▇▇‟u, akeekni ykn yaadni nama ( smuggler) namoota seeraan ala daangaa ceesiisu daangaa erga ceesiisee booda garmalee fayyadamuu itti fayydamuu miti. Yeroo baay‟ee namni karaa seera ala ta‟een daangaa ce‟e nama ceesiiseef kaffaltii durseetti kaffala. Hima biraatiin seeraan ala daangaa erga cehee booda hariiroon nama daangaa cehee fi nama ceesiise gidduu jiru adda cita. Namaan daldaluu ilaalchisee garuu faayidaan garmalee namatti garmalee fayyadamuu irraa madda. Namatti garmalee fayyadamuun bara dheeraaf turuu danda‟a.18
Namoota daangaa ceesiisuu amala idil-addunyaa qaba. ▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ danda‟a.19 Hima biraatiin, hunda nama seeraan ala daangaa biyya tokkoo qaxxaamurutu jira. Namni daangaa qaxxaamursiifamu kun fedha isaan daangaa biyya biraa ce‟a; nama ykn ▇▇▇▇▇ biraa waliin akka gargaaraan walii galeeti ce‟a. Kana irraa kan ka‟e yakki nama seeraan ala daangaa ceesisuu yakka biyya irratti raawwatamuu dha. Yakka seera daangaan biyya tokkoo ittiin seenamu cabsuun raawwatamuu dha.20 Kaayyoon nama seeraan ala daangaa ceesiisuu namni seeraan ala biyya biraa keessa akka seenu ykn turu taasiisuudha. Namaan daldaluunis seeraan ala namoota biyya biraa ceesiisuu ykn akka turan taasiisuu ta‟uu danda‟a. Haa ta‟u malee inni kun yeroo hunda ta‟uu dhiisuu mala. Gochi namaan daldaluu namoota karaa seera qabeessa ta‟een geejjibuu fi biyya biraa akka turan taasiisuun raawwatamuu ni danda‟a. Kana malees, namaan daldaluun yeroo baay‟ee namoota daangaa osoo hin ceesisin biyya keessatti raawwatamuu danda‟a. 21
Gochi nama seeraan ala daangaa ceesisuu dirqama miidhaa geessisuun raawwatamuu dhiisuu ni danda‟a. Gochi kun fedhii nama daangaa ceesifamuu irratti hunda‟ee raawwatama. Haa ta‟u malee yakkoonni biroo akka miidhaa qaamaa ykn lubbuu nama daangaa ceesifamu balaaf saaxiluu adeemsa nama seera ala daangaa ceesiisuu keessatti raawwatamuu ni danda‟u. Kanaaf, namni daangaa ceesifamu yaada isaa jijjiiruu danda‟a. Yeroo yaada isaa jijjiiru namoonni seeraan ala daangaa ceesiisan akka deemu dirqisiisuu ni danda‟a.
17 ▇▇▇▇▇://▇▇▇.▇▇▇▇▇.▇▇▇/▇▇/▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇/▇▇▇▇▇/▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇.▇▇▇▇, gaafa 24/08/2013 kan laallame.
18 United Nations Office On Drugs and Crime (UNODC), A Short introduction to migrant smuggling, Fuula 11
19 United Nations Office On Drugs and Crime (UNODC), A Short introduction to migrant smuggling, Fuula 11 20 ▇▇▇▇▇://▇▇▇.▇▇▇▇▇.▇▇▇/▇▇/▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇/▇▇▇▇▇/▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇.▇▇▇▇, gaafa 24/08/2013 kan laallame.
21 United Nations Office On Drugs and Crime (UNODC), A Short introduction to migrant smuggling, Fuula 11
Fakkeenyaaf, birdiruu caccabaa ykn bidiruu humna ol nama feetetti hin seenu jedhee yoo dide dirqsiisuu danda‟u. Yakki namaan daldaluu garuu yeroo hunda miidhamaa irratti raawwatama. Yakka fedhii miidhamaa irratti hunda‟ee raawwatamu miti. Miidhaman jalqaba fedhii qabatuu illee namoonni ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ daldaluu raawwatan adeemsa keessaa tooftaalee akka goowwomsuu ykn miidhaa irraa gahuu fayyadamuun fedhii miidhamaa argachuu ni danda‟u.22 Gara iddoo ykn biyya barbaadamu erga gahamen booda iddoo fedhanitti akka socho‟an, akka barbaadaniin akka socho'an godaantotaaf hin ayyamamuuf. Fedha isaanii alatti dirqiisifamanii nama saniif akka dalagan ykn tajaajila gatii geejjibaa ▇▇▇▇ qarshiin kaffalu qaban dachaa oliin akka laatan dirqisiifamu (Bonded Labor). Hojii isaan hojjatanis fedhii isaani ala hojii kamuu (Forced Labor) ta'u mala. Fakkeenyaaf hojii sagaaggalummaa ykn gumnummaa, hojii humnaa fi kkf akka hojjetan ni dirqsiifamu.
1.2. Sababoota Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu fi Namaan Daldaluu23
Yakki namaan daldaluu biyyoota addunyaa kanaa hunda keessatti bifa gara garaan yakka muudatuu dha; sababoonni gurguddoon raawwatamuu yakka kanaa duuba jiran garuu wal fakkaatu. Yakkichi naanna‟ee naanna‟ee nama humna namaa saamuuf, daldala saalquunnamtii irratti dirqiin nama bobbaasuuf, daa‟immaniin daldaluuf, afaan biraan nama garboonfachuuf yakka raawwatamuu dha. Biyyoota adda addaa sababni qunnamu adda adda ta‟u illee sababni bu‟uura yakka kanaa akka addunyaatti jiru wal fakkaata. Sababoota yakki kun raawwatamuuf isaan ijoon akka itti aanu kanatti gabaabinaan dhiyaatu. Isaaniis:
a) Hiyyummaa 24
Hiyyummaan raawwatamuu yakka namaan daldaluuf sababa isa ijoo dha. Namoonni yakka namaan daldaluu keessatti akka hirmaataniif ofitti hawwata; maatiin ijoollee isaanii ykn miseensa maatii kan biroo akka garbummaatti gurguratan dirqisiisa. Galiin dhugaa isaan uumaniif kan hin jirree fi erga miidhamaa of harka galfatanii akka garbaati kan qaban ta‟u illee, daldaltoonni namaa hawaasa hiyyummaa keessa jiru maallaqa isiniif kennina, madda galii isinii uumna jechuun irratti xiyyeeffachuun hojjatu. Hiyyummaan uumamuu sababoota biroo daldala namaaf karaa banan kanneen akka godaansa ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇, barachuu fi hojii seera
22 United Nations Office On Drugs and Crime (UNODC), A Short introduction to migrant smuggling, Fuula 11
23 ▇▇▇▇▇://▇▇▇.▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇.▇▇▇/▇▇▇▇▇▇/▇▇-▇▇▇▇▇▇-▇▇-▇▇▇▇▇-▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇/, gaafa 6/08/2013 kan laallame.
24 Kanuma
qabeessa argachuu dadhabuu, miidhaa waraannii fi balaan uummamaa geessisu irraa akka hin dandamanne gochuu fi kanneen biroof sababa isa ijoo dha. 25
b) Barachuu Dhabuu
Barachuu dhabuun carraa hojii argachuuf namni tokko qabu gadi buusa; beekumsa inni mirgoota inni qabu irratti qabu illee gadi buusa. Kun immoo of jiraachisuuf galii namni tokko argachuu qabu akka argachuu hin dandeenye taasisa. Kun immoo saaxilamummaa namni tokko faddaaltota daldala namaaf qabu ▇▇ ▇▇▇▇▇. Lammiin ▇▇▇▇▇▇ garuu ofiifis hin gowwoomu; hawwaasa isaa illee faddaaltota daladala namaan akka hin gowwoomne taasisa.26
c) Humna Namaa Rakasaa/Saal Qunnamtii
Beekumsa saayinsii diinagdee isa bu‟uuraa irraa akka beeknu, jireenya gabaaf dhiyeessii fi fedhiin jiraachuu qaba. Qaamni humna namaa rakasa ta‟e barbaaduu fi daldalli quunnamtii saalaa jira ▇▇▇ ▇▇‟e daldaltoota namaaa carraa saamiinsa humna namaa uuma. Daldaltoonni namaa oomisha adda addaa humna namaa rakasaan ykn bilisaan oomishanii akka gatii guddaatti gurgurataniif ▇▇▇▇▇ mijataa uumaf. Daldalli saal quunnamtii daldaltoonni namaa miidhamtoota isaanii irraa qophaa isaanii bu‟aa kana hin jedhamnee fi hin ▇▇▇▇▇▇ akka argatan taasisa. 27
d) Kabajamuu Dhabuu Mirga Kutaa Hawaasaa Saaxilamtootaa
Biyyoota hedduu keessatti, kutaan hawaasaa mooggeeffamoo„marginalized‟ ta‟an mirga namoomaa sirnaan deeggarame hin qaban. Kun immoo akka daldaltoota namaan xiyyeeffataman taasisa. Yakkamtoonni yakka namaan daldaluu kutaan hawaasaa kun eegumsa qaamolee nageenyaa, maatii isaanii fi hawaasa keessa jiraatanii waan hin qabneef baay‟ee itti xiyyeeffatu. Haaluma wal fakkaatun biyyootni seerota bu‟uraa mirga namoomaaf eegumsa taasisan kan hin qabne ▇▇▇ ▇▇‟e daldaltoota namaaf carraa gaarii uuma. Seeronni mirga namoomaaf beekkamtii ▇▇▇▇▇▇ hin jiru ▇▇▇ ▇▇‟e gochi namaan daldaluu akka yakkaatti hin ilaallamu.28
25 Kanuma
26 Kanuma
27 Kanuma
e) Carraa Diinagdee Haqa Qabeessa Ta’e Dhabuu
Namni carraa diinagdee haqa qabeessa ta‟e hin qabne daldala namaaf saaxilamaa dha. Keessattuu godaantonni hayyama hojii hin qabne, namni hin barannee, namni naannoo baadiyyaa carraan hojii hin jirre jiraatu, akkasumas dubartoonnii fi kutaan hawaasaa sababa loogiin carraa hojii argachuu hin dandeenye yakka kanaaf akka malee saaxilamoo dha. Daldaltoonni seeraan alaa namoota carraa hojii argachuu hin dandeenye hojii seera qabeessa fakkaatu fuul dura qabuun yakka saamicha humnaa fi garboomsuu, hojii dirqamaa, gabaa sagaagalummaa, hojii hidhamaa fi kanneen biroo kiyyoo raawwachuuf isaan gargaaru keessa galfatu.
f) Dhiibbawwan Hawaasummaa fi Barmaatilee Miidhaa Geessisan
Biyyoota hedduu keessatti barmaatileen wal qabatanii fi dhiibbaan hawaasummaa daldala namaaf sababoota ijoo dha. Iddoo tokko tokkotti hojii hojjachuuf qabdii of qabsiisuun karaa ittiin liqiin kanfalamu isa beekkamaa dha. Iddoo tokko tokkotti immoo daa‟ima daldaltoota namaatti gurgurachuun, keessattuu hawaasa hiyyeessa baadiyyaa biratti, barsiifata. Biyyoota akka Mauritania keessatti amma illee abbaan garbaa fi garbi jira. Biyyoota akka Uzbekistan keessatti immoo dirqiin hojjachuun sirnaan kan deeggaramee dha. Yeroo jirbiin gahee funaannamutti gaheessii fi daa‟imni biyya sanaa hanga oomishni funaannamee xummuramutti dirqama lafa qonna irratti hojjachuu qaba. Kana malees aadaa fi dhiibbaan hawaasummaa miidhamtoonni yakkichaa yakkichi irratti raawatamuu isaa dubbachuuf akka rakkatan ykn eenyu yakka kana irratti akka ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇, keessattuu kutaa hawaasaa eegumsa mirga namoomaa sarbaman keessaa ▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇, ni rakkatu.
g) Waldhabdee fi Balaa Uumamaa
Iddoo wal dhabdeen fi balaan uumamaa heddumatutti diinagdeen tasgabbii dhaba; mirgi namoomaa balaaf saaxilama; kun immoo uummata caalaatti saaxilamaa taasisuun daldaltoota namaaf ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇. Zooniiwwan wal dhabdee fi lolaa tokko tokko keessatti gareen humna diddaa ykn loltuu tokko tokko ijoollee gaa‟ilaaf hin geenye loltummaaf filu; nama fedhii saalaa isaaniif guutu qabu. Dabalataan, wal dhabdeenis ta‟e balaan uumamaa ummanni akka iddoo jireenyaa isaanitii buqqa‟an, biyya isaaniitii bahan taasisa. Kun immoo akka daldaltoota namaaf saaxilaman taasisa. Kana waan ta‟eef, iddoo haalli diinagdee tasgabbii hin qabne jirutti daldaltoonni namaa carraa hojii sobaan nama sossobuun daldala namaaf kiyyeessuu argatu. 29
h) Bu’aan Namaan Daldaluun Guddaa Ta’uu
▇▇▇▇▇▇▇ ijoon babal‟achuu yakka namaan daldaluu inni biraa bu‟aan maallaqaa yakkicharraa argamu guddaa ta‟uu isaati. Kun jajjabeessituu yakkamtoonni yakkicha keessa akka turan taasisu isa ijoo dha.
i) Mala Godaansaa Biroo Dhabuu
Namoonni sababa rakkoo nageenyaaf ykn diinagdeef biyya isaaniitii bahan carraa daldaltoota namaaf saaxilamuu ol aanoo ta‟e qabu. Daldaltoonni namaa yakka seeran ala daangaa ceesisuu fayyadamuun namoota kiyyoo saaxilamummaa daldala namaa keessa galchuu danda‟u. Daldaltoonni namaa namoota hojii biyya alaatii argachuuf barbaadan, akka kiyyoo daldala namaa keessatti kufaniif hojii seera qabeessa fakkaatu kennuuf. 30
1.3. Miidhawwan Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu fi Namaan Daldaluun Hordofsiisu31
Gabaasni IMO akka ibsutti, Itoophiyaa irraa waggaatti lammiilee 20,000-25,000 ol ta'an rakkoo godaansa seeraan alaaf akka saxilaman ibsa. Godaansa seeraan ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ kan miidhaman baay'een isaanii hubannoo gahaa kan hin qabneefi baay'een isaanii barattoota sadarkaa 2ffaa ti.
Hojii fooyya'aa, jireenya fooyya'aa, kkf argattu jedhamaanii gowwoomfamanii dubartoonni gara biyyoota baha gidu-galeessaatti ergaman mindaa gad-aanaan hojii adda addaa irratti bobaa'anii argamu. Kanas gabaasa IOM yeroo adda addaa baasu irraa hubachuun ni danda'ama. Oddeeffannoo sobaan ammas gara biyyoota Arabaatti godaanuun babal'achaa akka jiru IOM gabaasa isaa keessatti kaa'ee jira.
Dubartoota hojii fooyyee qabu arganna jedhanii deeman keessaa 83.9% ol ▇▇▇ ▇▇▇▇▇ hojjattuu manaa tahaanii kan hojjatanii dha. 1.9% keessumeessitoota Hoteelaa 4.1% eegduu suuqii, 10.1% hojii adda addaa irratti bobaa'anii argamu. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ keessaa hojii wal-quunnamtii saalaa irratti ▇▇▇ ▇▇▇▇▇'an hedduu dha.
1.3.1. Miidhaa Gama Itti Fayyadama Humna Godaantotaatiin
Biyya godaananitti, dubartoonni mirga isaanii kan itti dhaban keessaa tokko itti fayyadama humna isaanii gar-maleedha. Kunis hojii dirqii (debt bondage), garmalee namaan tajaajilamuufi garbummaa tiin kan ibsamu dha.
30 Kanuma
31 Kutaan kun moojuulii duraan qophaahee kanaan fooyya‟e irraa fudhatame.
Hojjechiistoonni hojjettuu sana argachuuf maallaqa guddaa tiikeettii xiyyaaraaf, viizaaf, tajaajila ejeensiif, kkf baasnee jirra jechuun hojjettoota kana akka qabeenya dhuunfaa isaaniiti ilaalu. IOM bara 2006 A.L.A tti qorannoo ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ „Assessment of Trafficking in Women and Children in and from Ethiopia‟ jedhu jalatti gaggeesseen hojjettoonni waliigaltee hojii kana addaan kutuu ▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ illee doolaara Ameerikaa 3000 kaffaluu qabu ykn waggaa lamaa fi walakkaa hojjechuu akka qaban dursa waliigaltee waan mallatteessaniif gad-lakkisuu hin danda'an.
Inni biraa garmalee namaan tajaajilamuu dha. Biyyoota Baha Gidugaleessaa keessatti dubartoonni lammii Itoophiyaa hojii mana keessaa hojjetan keessaa 57.5% kan ta'an guyyaatti sa'a 9-16, akkasumas 14.6% kan ta'an sa'a 16 ol boqonnaa malee akka hojjetan kan godhaman tahuu isaa qo'annoo „Assessment of the magnitude of women and children trafficked within and outside Ethiopia-‟ "AGRINET" gaggeesse irraa hubaachuun ni danda'aama.
Bu'uura qorannoo IOM gaggeesseen guyyaatti sa'a 18 ol waggoota sadiif walitti aansuun boqonnaa malee hojjettuu manaa tahaanii kan hojjetaa turan akka jiraniifi 40% ol ▇▇▇ ▇▇▇▇▇ boqonnaa malee hojjechaa jiran tahuu mirkaneessera. Kun immoo garbummaa jala jiraachuu isaanii ni mirkaneessa jedha qo'annoon kun.
Bu'uura waliigaltee hojii qabaninii fi mirgi namoomaa isaanii kabajamee hojjechuu osoo qabaanii, hojjettoonni hojii mana keessaa irratti bobba'an hedduun hiriyootaafi maatii hojjechiisaa isaaniif ergisamanii tolaan akka hojjetan dirqisiifamu. 66% kan ta'an hojii dirqii akkasii irratti akka ramadaman qo'annoon IOM kun ni kaa'a.
Mindaa xiqqaa kaffalamuuf kanas sababa adda addaa uumuun mindaa irraa hir'isuu, yeroon kaffaluu dhiisuu, mindaa malee humnaan tola akka dalagaan gochuu, mana itti hojjetan keessaa akka hin baane gochuu, hojiif ▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ kutaa tokko keessatti itti cufamee akka ta'an gochuu, kkf akka mul'atu qo'annoon armaan olii kun ni mirkaneessa.
1.3.2. Miidhaa Lubbuu, Qaamaa fi Xiinsammuu32
Dubartoonni Itoophiyaa hojjettuu manaa tahanii biyyoota Baha Gidugalleessaa keessatti dalagan miidhaa lubbuu, qaamaa fi xiinsammuu adda addaatiif akka saxilaman ni beekama. Kunis hojjechiistootaan, Ejeensiiwwanii fi Poolisootan akka ta'e qo'annoowwaan adda addaa ni mul'iisu.
Miidhaan kunis kan akka arrabsuu, meeshaa itti nyaatan adda baasuun, nyaata hafaa kennuu, bifa xiinsammuu isaanii miidhuun yaalii fayyaa irra deddeebiin akka taasisan dirqisiisuu fi kkf miidhaa xiinsammuu keessatti kan hammataman ▇▇▇ tahu, reebicha, qaama hir'isuu, nyaata gahaa dhawwachuu, iddoo boqonnaa mijaa'aa hin taane kennuu, boqonnaa dhowwachuu, nama waliin akka wal hin quunnamne dhoorkuu, ajjeechaa fi kkf akka irraan ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇'eera. Qorannoo "AGRINET" gaggeeseen 45% iddoo hojiitti miidhaan qaamaa akka irra gahu ▇▇▇ ▇▇'u,▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ keessaa 22.8% ▇▇▇ ▇▇▇▇▇ irra dedeebiin akka irratti raawwatamu hubatameera. Gama raawwattoota miidhaa kanaan 69.7% hojjechiistoota dubartootaan akka ta'e ▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇,15.2% ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇'eera.
Buufata Xiyyaaraa Boolee Internashinaal (quarantine office) irraa oddeeffannoo argameen bara 1996-1999 A.L.A tti reeffi dubartoota lammii Itoophiyaa 67 akka gara biyyaatti ▇▇▇▇ beekameera. Haalumma wal-fakkaatuun bara 1999-2005 A.L.A tti Jiiddaa irraa Reeffa 58, Dubaay irraa reefa 21 fi Beerut irraa reeffa 50 kan dubartoota Itoophiyaa xiyyaaraan gara biyyaatti seenuu isaa beekameera.
Sababiin du'a isaaniis of-fannisuu, gamoo irraa darbatamuufi meeshaa waraanaan lubbuu isaanii kan dabarsan ta'uu ragaa du'aa reeffa duukaa dhufe ni mirkaneessa. Haa ta'u ▇▇▇▇▇ ▇▇▇ gochii ajjeechaa irratti raawwatamuun isaa hin oolu jedhamee shakkamus keessa jiraachuun isaa hubatameera.
1.3.3. Miidhaa Bilisummaa Saalquunnamtii33
Amala hojichaa irraa kan ka'e hojjetoonni hojii manaa keessaa wal-quunnamtii saalaafi dirqiin gudeeddiif kan saaxilaman tahuun isaa ni beekama.43.7% ▇▇▇ ▇▇▇▇▇ dubartoonni Itoophiyaa biyyoota Baha gidu-galeessaa jiran dirqisiisanii gudeeddiif kan saxilaman tahuun isaanii ▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇'u, kanneen hafan immoo gocha sagagalummaa adda addaaf saaxilamu.
Raawwattoota yakkichaa yoo ilaallu, 58% hojjechiisaa dhiiraan,29.6% hojjechiistuu dubartiin,9.9% Ejeensiin, 2.5% immoo buufata poolisiitti poolisootaan akka ta'e mirkanaa'eera. 56.9% irra deddeebiin akka gocha kanaaf saaxilaman beekameera. Rakkoo kana jalaa miliquuf yoo yaalanis paspoortii malee mana hojjechiisaa waan badanif rakkoo kanaaf saxilamuun isaanii hin oolu, saaxilamas jiru,dubartoonni 10,000 ▇▇ ▇▇▇▇▇ hojii sagaagalummaatiin jireenya isaanii kan gaggeessaa jiran tahuu qorannoon ni mul'isa.
1.3.4. Miidhaa Loogiif Saaxilamuu34
Namoonni godaansa seeraan alaaf saaxilaman kun yeroo itti gochaa loogiif saaxilamantu mul'ata. Kunis seerota biyyoota sanii irraa kan madduu dha.
Seera hojjetaa fi hojjechisaa biyyoota baha gidduu galleessaa hedduu keessatti hojiin mana keessaa lammiilee godaanan kanaan hojjetamuu hin hammatamne. Kanaaf mirgoota seerri kun hayyamu ykn eegumsi seerri ▇▇▇ ▇▇▇▇ mindaa hanga gad-aanaa, wabii hojii irraa, beenyaa hojii gad-lakkisuu, Inshuuransii fayyaa, boqonnaa waggaa, iddoo hojii mijataa, fi kkf hin kabajamuuf.
Gara qaamolee haqaa biyyoota kanaatti ragaa qabatamaa osoo jiruu haqa argachuuf yoo deemanis orma (illegal aliens) jechuun gara mana hidhaatti darbatamu. Haa ta'u malee "the International Convention on the Protection of the Rights of All Migrant Workers and Members of Their Families" mirgoonni olitti kaasne kabajamuu akka qabu kaa'us homaa jijjiiramni gama kanaan dhufuu hin dandeenye.
1.4. Haguuggii Seerota Idil-addunyaa
Yakki namaan daldaluu fi seeraan alaa nama daangaa ceesisuu rakkoo addunyaawa dha. Kana irraa kan ka‟e falli isaa illee akkasuma tumsa hawaasa addunyaa waan barbaaduuf hawaasni addunyaa yeroo ammaa kana dhimmicha irratti waliin hojjachaa jira. Kaayyoon tumsa kanaa immoo yakkoota kana ittisuu fi qorachuu, yakkamtoota seeratti dhiyeessuu fi miidhamtoota deebisanii dhaabuun mirga dubartootaa, daa'immanii, namootaafi uummataa eegssiisuu irratti kan xiyyeeffatee dha. Kaayyoo kana galmaan gahuufis sadarkaa idila addunyaatti yeroo adda addaa seeroonni adda addaa, koonvenshinoonni adda addaa fi sanadoonni adda addaa mallattahani bahanii hojii irra olaaniiru. Iddoo yakkoonni kunniin sirna seeraa Idil-addunyaa keessatti qaban ilaalchisee toliinsaaf Walii galteewwan Idil Addunyaa, Waliigalteewwan Sadarkaa Ardii Afrikaatti jiranii fi Waliigalteewwan Gam Lameetti adda qooduun akka itti aanu kanatti ▇▇▇▇▇ kaayyoo barreeffama kanaaf ta‟utti gabaabinaan dhiyaatee jira. 35
34 Kanuma
35▇▇▇▇▇://▇▇▇.▇▇▇▇▇.▇▇▇/▇▇▇▇▇▇▇▇▇/▇▇▇▇▇▇/▇▇▇▇▇/▇▇▇▇/▇▇▇▇▇▇▇▇▇/▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇
sons_Aug2014.pdf, gaafa 24/08 /13 kan ilaallame.
1.4.1. Koonvenshinii Idil -addunyaa
Yakki namoota seeraan alaa daangaa ceesiisuu fi ittiin daldaluu yakka daangaa hin qabnee dha. Iddoo kamittiiyyuu raawwatamuu danda‟a. Tumsa yakkamtoota kutaa addunyaa kana adda addaa irratti bittinaa‟anii jiran garuu immoo kaayyoo tokkoof tumsaniin raawwatama. Yeroo tokko tokko immoo gochoota daangaa biyyoota adda addaa keessatti raawwatamantu walitti dhufee yakka guutuu ta‟a. Kana irraa kan ka‟e dhimmichaaf fala waarawaa kaa‟uun kan danda‟amu tumsa addunyaawaan yoo itti deemmame qofaa dha. 36
Dhugaan jiru kana ta‟u illee baroottan dheeraaf yakkoota kanneen ittisuuf biyyoonni dhuunfaa dhuunfaa isaaniin carraaqqii adda addaa yeroo dheeraaf taasisuu irra darbanii akka addunyaatti tokkummaan fala adunyaawaa kaa‟uuf itti deemaa hin turre. Dhimmichaaf fala addunyaawaa barbaacha akka addunyaatti biyyoonni waliin yakka kana ittiisuuf yaaliin kan eegale yeroo jalqabaaf Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanitinii dha. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii seerota idil addunyaa yakkoota kana irratti hojjachuuf gargaaran hedduu baasuun hojiirra oolchee jira. Dhugaa kana ilaalchisee hayyuun ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇
37
Over the past decade, human trafficking has moved from the margins to the mainstream of international concern… We have witnessed the rapid development of a comprehensive legal framework that comprises international and regional treaties, as well as a broad range of soft-law instruments relating to trafficking. These changes confirm that a fundamental shift has taken place in how the international community thinks about human exploitation.
jechuun kaa‟ee ture.
1.4.1.1. Sanadoota Eegumsa Waliigalaa
Seerota kanneen keessaa warri ijoo jedhaman isaannan itti aanan kanneenii dha. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ immoo inni baay‟ee murteessaa ta‟e ‘the Palermo Protocol, a supplement to the UN Convention against Transnational Organized Crime (2000) „dha. Tumaan sanada kanaa kwt‟n 5 biyyoonni yakka namaan daldaluu raawwatame, yaallame, fi hirmaannaa nama
36 Kanuma
37 ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇, United Nations High Commissioner for Human Rights. Foreword to the Commentary on the Recommended Principles and Guidelines on Human Rights and Human Trafficking.
dhuunfaa ykn dhaabbataa addunyaawaa yakka namaan daldaluu raawwatamu kamiyyuu yakka jechuuniin adabuu akka qaban kaa‟a. 38
Konveenshinoon dhaabbata hojjataa fi hojjachiisaa lama’ the ILO Forced Labour Convention (Convention No. 29 of 1930) and its newly adopted Protocol, which defines forced or compulsory labour‟, fi „ the ILO Abolition of Forced Labour Convention (Convention No. 105 of 1957)‟ dirqiin hojjachiisuu ykn tajaajila kennisiisuu irratti xiyyeeffatu.39
Konveenshiniin garbummaa ‘The Slavery Convention (1926)’ maalummaa garbummaa ibsa; Sanadni konveenshinii garbummaa deeggaruuf ▇▇▇▇ „ Supplementary Convention‟ gochoota garbummaan wal fakkaatu “practices similar to slavery,” kanneen akka liqiif of qabdeessuu‟debt bondage‟, fi hojmaataa fi barmaatilee dubartootaa fi dhiira jidduutti garaagarummaa uumaniif ibsa kennu. 40
Haaluma wal fakkaatuun ‘The UN Convention for the Suppression of the Traffic in Persons and of the Exploitation of the Prostitution of Others (1949)’ biyyoonni nama gocha daldala saal quunnamtii nama biraa irraa bu‟aa( saaminsa/explotation) argatu akka adabuu qaban gaafata.41
Ibsi mirgoota siivilii fi siyaasaa (ICCPR) barmaatilee kallattiin daldala namaan wal hidhatan kanneen akka, daldala garbaa, dirqiin tajaajiluu fi hojjachuu dhorkee jira.
1.4.1.2. Sanadoota Dhimmoota Addaa Ilaalatan
a) Sanadoota Dubartootan Daldaluu Ilaallatan
Walii galteen mootummoota gamtoomanii ‘The Convention on the Elimination of All Forms of Discrimination against Women’ biyyoonni walii galticha mallateessan daldala namaa dubartoota irratti raawwataman kamiyyuu dhaabsisuuf tarkaanfii barbaachisaa ta‟e kamiyyuu fudhachuu akka qaban gaafata. Dabalataan ibsi mootummoota gamtoomanii „General recommendation No. 19‟ dubartootaan daldaluun dubartoota balaa fi qabiinsa hin malleef waan saaxiluuf akka gocha loogii dubartoota irratti raawwatamuutti fudhata. 42
38The Palermo Protocol, a supplement to the UN Convention against Transnational Organized Crime (2000), kwt 5
39 The ILO Abolition of Forced Labour Convention (Convention No. 105 of 1957)
40 The Slavery Convention (1926)
41 The UN Convention for the Suppression of the Traffic in Persons and of the Exploitation of the Prostitution of Others (1949)
42 The Convention on the Elimination of All Forms of Discrimination against Women, art 19
b) Sanadoota Daa’immaniin Daldaluu Ilaallatan
Sanadoonni idil addunyaa tokko tokko daa‟immaniin daldaluu ilaalchisee tumaawwan addaa hammatanii jiru. Sanadoonni Idil addunyaa kanneen akka ‟The Convention on the Rights of the Child (1989), and the Optional Protocol on the Sale of Children, Child Prostitution, and Child Pornography (2000),‟ kaayyoo kamiifiyyuu daa‟imaan daldaluun akka hin danda‟amne kaa‟u. Dhimmoota seerota idil addunyaa kanneenin dhorkaman keessaa immoo saaminsi humnaa fi kan biroo daa‟imman irratti raawwataman warra ijoo dha. Akka konveenshinii mirga daa‟immanii kwt 39 irraa hubachuun danda‟amutti biyyoonni, miidhaa qaamaa fi xiinsammuu daa‟▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ sababa daldala namaan, qabiinsa hin malleen, xiyyeeffannoo malu dhorkachuuni fi saaminsa bifa kamiiniyyuu gahu irraa akka dandamataniif xiyyeeffannoon irratti hojjachuu akka qaban kaa‟a. Kana malees tumaalee sanada kanaa kwt‟n 24 fi 28 irraa hubachuun akka danda‟amu biyyoonni mirga barachuu daa‟immaniif beekkamtii akka kennuu qabani fi bu‟uraalee misoomaa fayyaa daa‟immanii fi deebisanii dhaabuu irratti hojjatan guutuu akka qaban qajeeltoo kaa‟u.43
Dabalataan , walii galteen dhaabbata hojjetaa fi hojjachiisaa addunyaa „ the ILO‟s Worst Forms of Child Labour Convention (Convention No. 182 of 1999)‟ jedhamu daldaltoonni namaa daa‟imman umuriin isaanii waggaa 18 hin guunne gochoota garbummaa fakkaataniif, daldala namaaf, qabdii liqiif, akka tajaajilaniif, dirqamanii akka hojjataniif,fi daldala saal quunnamtiif dhimma itti bahuu akka hin dandeenye ▇▇▇▇. Tumaan walii galtee kana kwt 7(2)(b) fi (c) biyyoonni daa‟imman yakka kanaaf saaxilaman dafanii ▇▇▇▇▇ gahaa ta‟een deebisanii akka dhaaban, wal‟aanan, barnootaa fi leenjiiwwan adda addaa argachuu akka danda‟aniif ▇▇▇▇▇ mijeessuu akka qaban ifatti kaa‟a.44
c) Waliigalteewwan Miidhamtoota Lammiilee Biyya Alaa Ta’an Ilaallatan
Sanadoonni idil addunyaa tokko tokko fedha addaa lammiilee biyya alaa biyya biraa keessa jiraatanii galmaan gahuuf addatti tumaalee addaa hammatanii argamu. Tumaan „Palermo Protocol‟ kwt‟n 7 biyyoonni haalota namoota daldala ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ daangaa isaanii seenan ittiin yeroof ykn dhaabbiin biyya isaanii keessa tursuu danda‟an mijeessuu qabu jedha. Kana malees namoonni biyyaa bahanii yakka namaan daldaluuf saaxilaman biyyatti deebi‟u ▇▇▇ ▇▇‟e sababa sanyiin, amantaan, lammummaan, miseensa kutaa hawaasa ykn dhaaba siyaasaa ta‟e tokkoo waan ta‟aniif yakkaan himatamuu akka danda‟an raga gahaan kan jiru ▇▇▇ ▇▇‟e
43 ‟The Convention on the Rights of the Child (1989), and the Optional Protocol on the Sale of Children, Child Prostitution, and Child Pornography (2000), kwt‟n 24, 28, fi 29
44 the ILO‟s Worst Forms of Child Labour Convention (Convention No. 182 of 1999), kwt 7/2(b) fi (c).
bu‟uura „the Convention relating to the Status of Refugees (1951) „ fi „ its 1967 Protocol‟ tiin eegumsa baqattoota addunyaaf laatamu argachuu danda‟u . Bu‟uura tumaa „the Palermo Protocol „ kwt 8 ▇▇▇▇▇ itti miidhamtoonni yakka namaan daldaluu gara biyya isaanitti itti deebi‟uu danda‟an ilaallata. Biyyoonni gaafa miidhamtoota kanneen deebisan garuu nageenya isaanii ilaalcha keessa galchuu qabu. Kan deebi‟anis fedhii yoo qabaatan ta‟uu akka qabu kaa‟a. Mirgi namni biyya isaatti deebi‟uuf qabu walii galtee idil addunyaa siivilii fi siyaasaatiinis kan mirkanaa‟eedha. 45
Dhimmi ammas taanan asitti ka‟uu qabu garuu dhimma seeronni idil addunyaa kunniin gahaa dha jedhuu dha. Seeronni addunyaa dhimmichaan wal qabatanii jiran ifa ta‟an illee raawwii isaaniin wal qabatee hanqinatu jira. Pirotokooliin Paaleermoo yakka kana fuul dura dhaabbachuuf addunyaan tokkummaan dhaabbachuu akka qabdu akeeku illee hanga ammaatti ▇▇▇▇▇ guutuu ta‟een hojiirra hin oolle. Biyyoonni yakkicha kallattii godaansa namootaan ykn yakkaan qofa ilaaluun irratti hojjatu. Biyyoonni yakkicha qixa sirriin dura dhaabbachuun seerota addunyaa hunda fudhachuun hojiirra oolchuu qabu. Haaluma wal fakkaatuun hojiin yakkichaan wal qabatee hojjatamu kabajama mirga namoomaaf iddoo ol aanaa kennuun hojjatamuu qaba.
1.4.2. Waliigalteewwan Ardii Afrikaa
Sadarkaa Ardii Afrikaatti mirga namoomaa kabachiisuuf ▇▇▇▇▇ Gamtaan Afrikaa waliigalteewwan bu'uuraa ta'an adda addaa akka mallattaa'aan tasifamaniiru. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ tokko kan bara 1981 A.L.A tti kan mallattaa'e "The African Charter on Human and Peoples Rights" dha. Chartariin kun kallattin waa'ee godaansa seeraan alaa dubbachuu baatus, karaa al kallattiin ni ibsa. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇"Condemns all forms of exploitation and degradation particularly slavery, slave trade, torture, cruel, inhuman or degrading punishment and treatment" jedhu kan keewwata 5 jalatti kaa'ame irraa hubachuun ni danda'ama.46
Karaa biraan Gamtaan Afrikaa bara 2003 A.L.A "The Protocol to the African Charter on Human and People's Rights on the Right of Women” raggaasiseera. Prootokoolli kun dubartoota Afrikaaf mirgoota akka sivilii, siyaasaa, hawaasummaa, aadaafi diinagdee kan kennu ta'uu isaa ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇, sadarkaa Idila Addunyaatti koonveshinoota mirga namoomaa dubartootaa kabachiisuuf ragga'an kan fudhatuufi mirkaneessuu dha. Kun immoo
45 The Convention relating to the Status of Refugees (1951) „ and „ its 1967 Protocol.
46 The African Charter on Human and Peoples Rights, kwt 5
▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ irra qaqaban ittisuufi dhorkuuf yaaliiwwan godhamaniif ka'umsa seeraa ta'a.47
Keewwata 4(2) "States parties shall take appropriate and effective measures to prevent and condemen trafficking in Women, prosecute the perpetrators of such trafficking and protect those women most at risk." kan jedhu kana akka fakkeenyatti kaasuun ni danda'ama. Sadarkaa Afrikaatti waliigalteewwan godaansa seeraan alaa irratti taasifamanii hojii irra oolaan keessaa biyyi ▇▇▇▇▇▇ Itoophiyaan fudhatee kan raggaasifte 'The Africans Charter on Human and People's Rights kan ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ dha.48
1.4.3. Waliigalteewwan Gam-▇▇▇▇▇
Godaansa seeraan alaa ittisuuf kan gargaaraan bu'uura seeraa kaa'uun alatti, ▇▇▇▇▇ hojii biyya alaa ilaalchisee waliigalteewwan gar-▇▇▇▇▇ gochuun kallatti sirriin akka hogganamu gochuun rakkoo gama godaansaan jiru hir'isuu irratti shoora ol'aanaa akka qabaatu ni amanama. Gama kanaan biyyi ▇▇▇▇▇▇ sochii adda addaa gootus bu'aan barbaadamu hin argamne. Bara 2006
A.L.I tti biyyi ▇▇▇▇▇▇ Itoophiyaan biyyoota Arabaa muraasa waliin waliigaltee mallatteessuun ishii ni yaadatama. Waliigalteewwan kun yaalii biyyi ▇▇▇▇▇▇ yakka namaan daldaluu fi seeraan ala nama biyya alaatti ceesisuu gama ittisuun gochaa jirtu ni gargaara jedhamees ni amanama.49
Heerri Mootummaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa mirgoota namoomaa jalatti keewwatoota kaa'e keessaa tokko namaan daldalu kan dhorkuu dha. Keewwata 18(2) jalatti"Namni kamiyyuu, garbummaadhaan yookiin dirqamaan akka tajaajilu to'atamuu hin danda'u. Kaayyoo kamiifiyyu, gochi namaan daldaluu dhorkaa dha. Heerri mootummaa mirga bilisummaan naannawuu, fi iddoo jireenyaas hundeeffachuu, akkasumas yeroo barbaadetti biyyattii keessaa bahuuf mirga akka qabu keewwata 32 jalatti tumeera.50
47 The Protocol to the African Charter on Human and People's Rights on the Right of Women, kwt 2
48 Kanuma
49 Mojuulii fooyya‟erraa kan fudhatame.
50 Kanuma
Gaaffilee ▇▇▇▇▇
1) Maalummaa, tokkummaa fi garaagarummaa yakkoota nama seeraan ala daangaa ceesisuu fi namaan daldaluu adda baasuun irratti ▇▇▇▇‟▇▇▇▇.
2) Walitti dhufeenya yakki namaan daldaluu yakkoota nama garboomsuu, dirqisiisanii hojjachisuu, sanada sobaa qopheessuu, yakkoota qorichoota sammuu namaa hadoochan, yakka daangaa biyyaa se‟achuu fi yakkoota miidhaa qaamaa fi sammuu faana qabu adda baasuun irratti mari‟a dha.
3) Ulaagaan yaada sammuu yakka namaan daldaluu guutuu ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ kamiin mirkaneessina? Agarsiistuuwwan jiraachuu kutaa yaada sammuu yakka namaan daldaluu agarsiisaan kaasuun irratti mari‟adha.
4) Yakki nama seeraan ala daangaa ceesiisuu sanda imaalaa ykn waraaqaa eenyummaa sobaa fayyadamuun ykn tooftaalee seera ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ (other illegal means) fayydamuun raawwatamuu akka danda‟u Pirotokooliin nama seeraan ala daangaa ceesisuu ittisuu fi too‟achuuf bahee tumee jira. Tooftaalee seeraan alaa kenneen biro yakki kun ittiin raawwatamuu maal fa‟aa? Fakkeenya qabatamaa kaasuun irratti mari‟adhaa!
5) Pirotokooliin nama seeraan ala daangaa ceesisuu ittisuu fi too‟achuuf ▇▇▇▇ namni seeraan ala daangaa ceesifame yakkaan kan hin gaafatamne ta‟uu kwt 5 jalatti tumee jira. Lammiin biyya Suudaan tokko Itiyoophiyaa keessa jiraachuudhaaf hayyama osoo hin qabaatiin sanada imala sobaa qabachuun biyya ▇▇▇▇▇▇ keessaa osoo jiraatuu osoo qabame seeraa isa kamiin gaafatamaa? Seera rogummaa qabu bu‟uura godhachuu irratti mari‟adhaa!
6) Gahee tumsi hawaasa addunyaa yakka namaan daldaluu hambisuuf carraaqqii taasifamu keessatti qabu sababa isaa faana adda baasuun irratti mari‟a dha.
7) Caalaan jiraataa Magaalaa Adaamaa ▇▇▇ ▇▇'u umuriin ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ 35 dha. Hojii dhaabbii ta'e tokko hin qabu. ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ hojii guyyaa ijaarsa gamoo keessatti hojjachuun galii muraasa argata. Garuu galiin kun isaaf, haadha warraa fi daa'imma isaa jiraachisuu hin dandeenye.▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ osoo jiruu nama kalee bitaa fi gurgurtaa raawwatuu waliin wal-barata.Bu'uuruma kanaan biyya Dubaay deeme nama kanatti kalee isaa tokko qarshii kuma dhibba sadiin (300,000) gurguruuf walii galu baasii geejjibaas nami kun akka haguugu waliigalu.
Akkatuma waliigaltee isaaniin Viizaa fi paspoortiin qophaa'▇▇ ▇▇▇▇ biyya Dubaaytti xiyyaaraan ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ booda gara mana xiqqoo tokkootti geeffamee,dura waadaan kan galameef hooteela gaariitti akka boqotu ta'us kan quunname garuu faallaa kanaa ture.▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ mana kana keessaa akka hin baane dhorkame erga turee booda gara kutaa xiqqaa tokkootti geeffamee waliigaltee ingiliffaan barraa'ee maal akka jedhu kan hin beekne erga mallatteesee booda kaleen isaa tokko baqaqsanii hodhuun akka bahu taasifame.
Caalaan torbaan tokkoof akka bayyaannatu erga taasifamee booda qarshii kuma kudhan (10,000) qofatu kennamef.Caalaan gocha kanatti bayyee aaree maallaqa isaa gaafatus deebii inni argate qaama ofii gurguruun yakka cimaa dha,kanaaf gara poolisii yoo deemte hidhamtee maallaqa tokko illee hin argatu kan jedhu dha.Dabalataanis, waliigalteen Caalaan ingiliffaan osoo hin beekne mallatteesse fira isaaf kalee isaa tokko tolaan kan ▇▇▇▇▇ ▇▇'uu ibsa.Kanaaf Caalaan abdii kutee maallaqa qarshii kuma kudhani (10,000) fudhaatee gara mana isaa Adaamaatti erga deebi'ee booda dhukkubsataa ta'eera.
a) Gochi kun godaantota seeraan alaa daangaa ceesisuuti moo namaan daldaluu dha?
b) ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ raawwatame maal maali?
c) ▇▇▇▇▇ (toftaan) yakka namaan daldaluu raawwachuuf barbaachisu dhimma kana keessatti hojii irra ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇?
d) Gochi kun kaayyoo maaliif raawwatamee?
8) Dhimma Marii 1ffaa
Dhimmi yakkaa kun dhimma Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Wallaggaa Bahaati aangoo duraatiin Lakk. Galmee 53433 irratti murtii argateedha. Dhimma kanaaf ka‟uumsa kan ta‟e himannaa Abbaan Alangaa himatamtoota ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ faa (n- 3) irratti dhiyeessee ▇▇▇ ▇▇‟u, himatamtoonni waliin ta‟uun nama seeraan ala daddabrsuuf yaadanii ▇▇▇▇▇▇ Wallaggaa Bahaa Magaalaa Naqamtee ganda 02tti himatamttuu 1ffaan miidhamtuu sossobdee qabeenyaan ▇▇▇▇▇ ▇▇▇ maal siif ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ deemne warshaa keessa qarshii 2000 hojjenna jettee erga sossobdee jalqaba magaalaa Shaambuu deemne achumaan Finfinnee deeman jettee fuutee ▇▇▇▇▇▇
Horroo Guduruu Aanaa Jimmaa Gannattii ganda Lalis Biyyaa jedhamutti geessitee mana abbaa himatamtuu 1ffaati oggaa qabamtu himatamtuu 2ffaa immoo akka
himatamtuu 1ffaa fuutee deemtuuf bajaajii qabdee fiddee oggaa geggeessitu himatamtuu 3ffaa immoo himatamtuu 1ffaa mana ▇▇▇▇▇ bulchitee deeggarsa ▇▇▇▇▇▇ gaggeessuutiin yeroo maatiin miidhamtuu ▇▇▇▇▇ gaafatan akka isheen fuutee sokkite waan dhoksiteef yakka waliin ta‟uun nama seeran ala daddabarsuutiin labsii 909/2007 kwt 3 (2-A) jalatti himatmanii jiru.
Himatamtoonni himannaan isaan dhaqabe abukaatoo isaanii ▇▇▇▇ ▇▇▇▇‟atanii boodaa gocha ittiin himataman kan hin raawwannee ta‟uu ibsuun waakkatanii jiru. ▇▇▇▇▇ Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Wallaggaa Bahaas ragaa Abbaa Alangaa ergaa dhagahee booda jala murtii kennee jira. M/Murtii kunis jala murtii kenneen himata Abbaan Alangaa dhiheesseen himatamtoonni S/Y kwt 32(1) fi labsii 909/2007 kwt 3 (2-A) irra darbuudhaan himatamtuu 1ffaan miidhamtuu sossobdee ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ deemnee qarshii 2000 warshaa keessa hojjenna jettee, himatamtuu 2ffaa ammo bajaajii qabdee fiddee waan geeggeessiteef, himatamtuu 3ffaan ammo mana ▇▇▇▇▇ bulchitee deeggarsa ▇▇▇▇▇▇ geeggeessuun maatiin miidhamtuu yeroo gaafatan waan dhoksiteef jechuun himatamaniiru. Haa ta‟u malee akkaataa keewwanni himanni ittiin dhiyaateen ragooleen seeraa kan ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ miidhamtuun ofii isheetiin fedhii isheetiin hojii argachuuf kan deemte ta‟uu kan mirkaneessan ta‟uu; ▇▇▇ ▇▇▇‟ima umuriin hin geenye ta‟e ta‟uu isheef fedhii ibsachuu kan hin dandeenye ta‟uu isheef kan himataman ta‟e ammo umuriin miidhamtuu ragaa mana yaalaan deeggaramee dhiyaachuu kan qabu ta‟uuf karaa Abbaa Alangaa mirkanaa‟ee hin dhiyaanne; inumaayyuu miidhmtuun yeroo umurii ▇▇▇▇▇ himattu akkaataa kaardii mana barumsaatiin himate malee umurii ▇▇▇▇▇ ▇▇▇ dhugaa ibsite; ragaa 3ffaan umuriin miidhamtuu mana yaalaatti ilaalchisanii waggaa 18 ol ta‟uu ▇▇▇▇▇ ▇▇▇ mirkeessan waan ta‟eef, erga umuriin ▇▇▇▇▇ waggaa 18 ol ta‟e immoo akka fedhii ▇▇▇▇▇ kennuu dandeessuutti kan tilmamamuu waan ta‟eef erga mana baatees miidhaan miidhamtuu irra gahe jiraachuu isaaf ragaan tokkoyyuu kan mirkaneessan kan hin qabne ta‟uu ; gama birootiin himatamtoonni human miidhamtuutti fayyadamuuf jedhanii itti yaadanii kan raawwatan ta‟uu isaaniif daddabarsa namaa taasisuun qarshiidhaan ykn faayyidaa kan itti argatanii kan raawwatan ta‟uu ragaan hin mirkanoofne; miidhamtuun kan manaa baatee deemte faayidaa miidhamtuu ta‟uu isaaf ykn faayidaa nama biroo ta‟uu isaaf addatti wanti mirkana‟ee hin jiru waan ta‟eef humna namaatti seeraan ala akka malee fayydamuun faayidaa itti argachuu bu‟uura keewwata himamanni ittiin dhiyaateen raawwatameera jechuun waan hin danda‟amneef himatamtoonni ofirraa ittissuu osoo hin
barbaachisiin bu‟uura S/D/F/Y kwt 141 tiin yaada tokkoon bilisaan geggeessuun murteessee jira.
Gaaffilee ▇▇▇▇▇
a) ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ raawwatame maal maali?
b) Malli (tooftaan) yakka namaan daldaluu raawwachuuf barbaachisu dhimma kana keessatti hojii irra oolee kami?
c) Gochi kun kaayyoo maaliif raawwatamee? Ykn akaakuun namatti garmalee fayyadamuu (exploitation) miidhamatuu irratti raawwatamuuf yaadame jiraa? Hin jiru ▇▇▇ ▇▇‟e maaliif?
d) Pirotokooliin Namootaan daldaluu ; keessattuu dubbarootaa fi Daa‟immaniin Dldaluu Ittisuu, Too‟achuu fi Adabuuf ▇▇▇▇ kwt 3 (b)(c) jalatti gochi namaan daldaluu raawwachuu keessatti toofataan nama sodachisuu ykn humnatti fayydamuu, goowwomsuu ( of fraud, of deception) … yoo jiraate miidhaman ( gaa‟eessa ykn daa‟ima ta‟e) fedhii isaa kennuun itti gaafatamuummaa yakkaa jalaa akka nama hin baafne akka itti aanutti tumee jira. Bifuma walfakkaatuun labsiin 1178/2012 gochi namaan daldaluu tooftaa kwt 3(2) jalatti tumame fayyadamuun kan raawwatamu ▇▇▇ ▇▇‟e miidhamaan ( ga‟eessa ykn daa‟ima) gochichaan waliigaluun ykn fedhii kennuun nama gochicha raawwate itti gaafatamummaa yakkaa jalaa kan is hin baasine ta‟uu kwt 3(3 (4) jalatti tumee jira.
(b) The consent of a victim of trafficking in persons to the intended exploitation set forth in subparagraph(a) of this article shall be irrelevant where any of the means set forth in subparagraph (a) have been used;
(c) The recruitment, transportation, transfer, harbouring or receipt of a child for the purpose of exploitation shall be considered "trafficking in persons" even if this does not involve any of the means set forth in subparagraph (a) of this article;
▇▇▇▇▇▇ olitti ibsame keessatti miidhamtuun gaaffii qaxamuraa gaafatamtee ‘’ fedhii kootiin alatti wanti raawwatame hin jiru garuu jechi ▇▇▇▇▇ natti fakkateen duukaa demeera. Jechi himatamtuu miidhaa marraan geessiseera. Miidhaan narra ga’e maatiikoo biraa deemuudha…’’ jechuun ragaa baatee jirti. Gaaffii keessa deebii keessatti immoo ‘’ … ▇▇▇▇ ▇▇▇ deemte waggatti birrii 24,000 (kuma diigdamii afur) argatta. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ isa hojjetu
qabeenya abbaakee abbaamakee biratti hafa. Isaa ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ hojjettu osoo ofiikee qabda ta’e ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇’’ ▇▇▇▇▇▇▇ ragaa baatee jirti.
Jala murtii mana murtii fi ▇▇▇▇▇ ragummaa miidhamtuu bu‟uura pirotokolichaa fi labsii 1178/2012 kwt 3(3)(4) tiin xinxaalaa!
e) ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ jala murtii keessatti „‟himatamtoonni humna miidhamtuutti fayyadamuuf jedhanii itti yaadanii kan raawwatan ta’uu isaaniif daddabarsa namaa taasisuun qarshiidhaan ykn faayyidaa kan itti argatanii kan raawwatan ta’uu ragaan hin mirkanoofne…’’ jechuun jala murtii kennee jira. Jala murtii kana bu‟uura labsii 1178/20012 kwt 6 tiin akkamiin madaaltu?
f) Pirotokkolichi kwt 5 (2) (b(c) jalatti mootummoonni namoota yakka namaan daldaluu irratti miiltummaadhaan hirmaatan yakkaan akka gaafataman seeraan tumuu akka qaban akka itti aanutti tumeera. (b) Participating as an accomplice in an offence established in accordance with paragraph 1 of this article;
Hirmannaa dhiyaatee fi jala murtii himatamtoota 2ffaa fi 3ffaa irratti kenname bu‟uura tumaa pirotokolichaan xiinxalaa!
BOQONNAA LAMA
LABSII YAKKA NAMAAN DALDALUU FI NAMA SEERAAN ALA DAANGAA CEESIISUU ITTISUU FI TOO’ACHUUF ▇▇▇▇
Seensa
Yakkoota namaan daldaluu fi nama seeraan ala daangaa ceesisuu ittisuu, too‟achuu fi namoota yakka kana irratti hirmatan himachuu, miidhamitootaaf eegumsa gahaa taasiisuu, ▇▇▇▇▇‟iinsaa fi tumsa biyyoota jajjabeessuuf pirotokoolota konveeshinii ▇▇▇▇▇ yakka gurmuun daangaa ce‟uun raawwatamu deeggaruuf sadarkaa idil addunyaatti kan bahan ta‟uu boqonnaa tokko jalatti ilaallee jira. Boqonnaa kana jalatti immoo dhimmoota kanneen ilaalchisee seeroota biyyi ▇▇▇▇▇▇ baaste, haqinaalee fi hojiirra oolmaa isaanii kan ilaallu ta‟a.
Biyyi ▇▇▇▇▇▇ pirotokoolota idil-addunyaa kanneen labsiidhaan raggaasitee jirti51. Kana malees, yakkoota kanneen to‟achuu fi ittisuuf tumaalee gargaaraa seera yakkaa RDFI 52 fi labsii 909/2007 tiin tumuuf yaaltee jirti. Haa ta‟u malee, ibsi barreeffamaa wixinee labsii 1178/2012 irratti kenname hammattoon seeraa kanneen rakkinaaleen yakkoota kanaan walqabatan bal‟aa, gad fagoo fi walxaxa waan ta‟aniif furuu kan hin dandeenye ta‟uu, keessattuu labsiin 909/2007 iftoomina dhabuu, seera yakkaa waliin walsimuu dhabuu, dhimmoota saaxilamummaa lammiileetiif sababa ta‟an furuuf hammattoo gargaaru kaa‟uu dhabuu, hammattoowwan seeraa gochoota kanneen bulchan bibittinaa‟aa ta‟uun seera raawwachisuu keessatti gufuu ta‟uu fi qulqullina seeroota irratti dhiibbaa uumuun isaa seera rakkinaalee kanneen furuu baasuun barbaachisaa akka ta‟e ibseera.
Bu‟uruma kanaan labsiin 900/2007 labsii 1178/2007 tiin kan fooyya‟e jira. Labsiin inni jalqabaa keewwatoota 50 kan qabu ▇▇▇ ▇▇‟u, 1178/2012 keewwatoota 47 fi kutaalee torba qaba. Labsiin kun kutaa tokko jalatti tumaalee waliigalaa kan tume ▇▇▇ ▇▇‟u, ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ labsichaa, jechootaa fi gaaleewwan qabiyyee labsichaa keessatti hojiirra oolanii fi hiika barbaadan; kutaa lama jalatti tumaalee yakkoota namaan daldaluu, seeraan ala nama daangaa ceesiisuu, nama seeraan ala hojiidhaaf biyya alatti erguu fi yakkoota kanneen waliin yakkoota walitti hidhamiinsa qaban kutaalee xiixxiqqaa afur jalatti tumee jira. Kutaa sadi jalatti tumaalee yakka ittisuu fi qabeenya dhaaluu; kutaa afur jalatti miidhamtootaaf eegumsa taasiisuu fi deebisuun dhaabuu fi beenyaa tumaalee ilaallatan; kutaa shan jalatti
51 Labsii lakk. 737/1999 fi 736/1999
52 Yakkoonni namaan daldaluu fi namoota seeraan ala biyyaa baasuu ykn biyya keessa galchuu yakkoota bilisummaa nama irratti raawwataman ta‟uun Seera Yakka RDFI kwt 596- 600 jalatti tumamanii jiru.
fandii namoota yakkaan miidhaman ykn saaxilaman kunuunsuuf ykn deebisanii dhaabuuf oolu tumaalee hundeessan; kutaa jaha jalatti tumaalee mana marii biyyaaleessaa, gahee dhaabbilee garaagaraa fi sirna tumsa idila addunyaa ilaallatan fooyyeessuun tumee jira. Kutaa xumuraa jalatti immoo tumaalee addaa addaa: tumaalee ce‟uumsaa, guutumaan guutuutti haqamanii fi raawwatiinsa hin qabane akkasumas gar-tokkeen fooyya‟an tumee jira.
Boqonnaa kana jalatti kaayyoo labsii lakk. 1178/2012 irraa jalqabee qabiyyee tumaalee kutaalee torba jalatti tumaman xinxalamanii jiru. Kanaafuu leenjifamtoonni qabiyyee labsichaa fi fooyya‟iinsa taasifame irratti hubannoo gahaa horachuun labsicha raawwachiisuu fi hiikuun walqabatee qooda isaanii ni gumaachu jedhametti abdatama.
▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ leenjifamtoonni:
⮚ Kaayyoo labsii 1178/2012 irratti hubannoo ni qabaatu,
⮚ Maalummaa yakka namaan daldaluu fi seeraan ala daangaa ceesiisuu irratti hubannoo qaban ni gabbifatu,
⮚ Maalummaa yakka nama seeraan ala hojiiidhaaf biyya alaatti erguu irratti hubannoo ni argatu,
⮚ Yakkoota yakkoota namaan daldaluu, seeraan ala nama daangaa ceesiisuu fi seeraan ala namoota hojiif biyya alaatti erguun waliin hidhata qaban irratti hubannaa dabalataa ni argatu,
⮚ Yakka ittisuu fi qabeenya yakkoota kanneen olitti ibsaman waliin walitti hidhamiinsa qaban ugguruu, qabuu fi dhaaluun walqabatee tarkaanfiilee fudhatamuu qaban adda baasuun ni hubatu,
⮚ Miidhamtootaaf eegumsa taasiisuu fi deebisuun dhaabuu fi beenyeessuu irratti hubannoo ni argatu,
⮚ Fandii namoota yakkaan miidhaman ykn saaxilaman kunuunsuuf ykn deebisanii dhaabuuf oolu ilaalchisee beekumsa dabalataa ni argatu.
⮚ Gahee mana ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇, dhaabbilee garaagaraa yakka namaan daldaluu, seeraan ala daangaa ceesiisuu fi nama seeraan ala hojiif biyya alatti erguu ittisuu fi to‟achuu qaban adda ni baafatu.
⮚ Dhimmoota tumsi idil addunyaa irratti taasifamuu qaban adda ni baafatu,
⮚ Tumaalee labsii lakk. 1178/2012 tiin guutumaan guutuutti haqamanii fi raawwatiinsa hin qabne akkasumas gar-tokkeen fooyya‟an adda ni baafatu.
2.1. Kaayyoo Labsii Lakk. 1178/2012
Yakkoonni namaan daldaluu, nama seeraan ala daangaa ceesiisuu fi hojiif seeraan ala biyya alaatti erguu qaama, lubbuu fi nageenyaa lammiilee irratti miidhaa ol‟aanaa geesiisaa fi sarbamuu mirga namoomaatiif saaxilaa kan ▇▇▇▇▇ ▇▇‟uu isaan waan hubatameef yakkoota kanneen too‟achuu fi ittisuun barbaachisaa akka ta‟e seensa labsii lakk. 1178/2012 keessatti ibsamee jira. Kaayyoon labsichaa seensa keessatti akka itti aanutti tarreeffamanii jiru.
⮚ Labsiin lakk.909/2007 iftoomina kan hin qabne ta‟uu; seeroota biroo waliin wal simuu dhabuu fi rakkinichaaf deebii gahaa kennuu waan hin dandeenyeef hammattoo seeraa haaraa fi guutuu ta‟een bakka buusuu,
⮚ Heera RDFI kwt 18 (2) namaan daldaluun waan dhorkuuf keessattuu yakka dubartootaa fi daa‟immaniin daldaluu ittisuu, too‟achuu fi namoota ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ adabuuf seera garagaruu tumuu;
⮚ Pirotokoolota biyyi ▇▇▇▇▇▇ raggaafate hojiirra oolchuuf seera gargaaru tumuu,
⮚ Mootummaan mirgaa fi faayidaa lammileen uumamaa fi seeran argatan kabajuu fi kabachiisuuf itti gaafatamummaa waan qabuuf yakka ittisuu, yakka raawwatoota seeraan akka itti gaafatamaan taasiisuu,
⮚ Seeraa fi sirna miidhamtootaa keessattuu kutaa hawaasaa yakkichaaf saaxilamaa ta‟aniif eegumsa taasiisuu fi deebisanii dhaabuuf gargaaru tolchuu fi
⮚ Seeraa fi sirna tumsa ykn ▇▇▇▇▇‟▇▇▇▇▇ idil addunyaa cimsuu diriirsuu kanneen jedhaman kaayyoo labsichaati.
Labsiin 1178/ 2012 kutaa tokko jalatti ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ labsichaa, hiika jechootaa fi gaaleewwanii fooyyeessuun tumee jira. ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ itti aanu jalatti dhimmoota fooyya‟iinsi irratti taasifame kanneen kan ilaallu ta‟a.
Labsiin 1178/2012 ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ labsii 909/2007 „‟ Labsii Namoota Karaa Seera ala Ta‟een Daddaabarsuu fi Godantoota Karaa Seera ala Ta‟een Daangaa Ceesiisu Ittisuu fi Too‟achuuf ▇▇▇▇‟‟ gara „‟Labsii Namaan Daldaluu fi Seeraan Ala Nama Daangaa Ceesiisuu Ittisuu fi Too‟achuuf ▇▇▇▇ „‟ jechuun fooyyeessee jira. ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ maaliif akka jijjiirame ibsa wixinee labsichaa irratti taasifame akkas jedha;
„‟ Namaan daldaluu „‟ gaaleen jedhu heera RDFI kwt 18(2) keessatti tumamee jira. Akkasumas Seerri yakkaa kwt.596, 597 fi 635 gochoota namaan daldaluu ifatti tumee jira. Gochi seera yakkaan tumame kun „‟ protocol to prevent, Supress and punish Trafficking in Persons, Especially Women and Childern‟‟ jedhun keessatti tumameen walfakkaata. Amaloonni yakkichas tokkuma. Waan ta‟eefis gaalee „‟namoota seeraan ala daddabarsuu‟‟ jedhu labsii 909/2007 keessatti fayyadamuun rogummaa hin qabu. Akkaataa heeraan wal- simuun „‟ namoota seeraan ala Daddabarsuu‟‟ gaaleen jedhu
„‟ namaan daldaluu‟‟ kan jedhuun bakka buufamee jira jechuun kaa‟eera.
Kana malees, qorannaa labsii 909/2007 irratti taasifamee fi mariin wixinee labsii 1178/2012 namoota karaa seera ala ta‟een daddabarsuu kan jedhu galee namoota seeraan ala daangaa ceesiisuu jedhuu waliin walfakkaachuu fi burjaaajii uumuun labsicha hojiirra oolchuu keessatti gufuu ta‟uun isaa waan hubatameef; gaalee sirrii fi gochicha ibsu „‟ namootan daldaluu‟‟ jedhuun bakka bu‟eera.
Qabxiin biraa labsiin 909/2007 ▇▇▇▇▇ ‘’ ▇▇▇▇▇▇▇▇’’ fayyadamuun isaa nama godaanaa hin taane karaa seera ala ta‟een daangaa akka ce‟u gargaaruun hin adabsiisu falmii jedhuu uumee jira. Himannaa hundeessuu fi falmii taasiisuu keessatti qormaata guddaa ta‟aa turee jira. Jechi „‟ godaanaa‟‟ jedhu ▇▇▇▇▇ rogummaa qabu waan hin taaneef „‟ Nama‟‟ ▇▇▇▇▇ jedhuun bakka buusuun namni godaanaa ta‟e ykn godanaa hin taane faayidaa argachuuf ▇▇▇▇▇ seera ala daangaa ceesiisuun yakkaan akka adabsiisu gochuun barbaachisaa waan ta‟eef mooggafamni isaa „‟ Nama karaa seeraa ala daangaa ceesiisuu‟‟ ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇‟u ta‟eera.
2.2.2. Hiika Jechoota fi Gaaleewwanii
Labsii 1178/2012 jechootaa fi gaaleewwan qabiyyee labsichaa keessatti hojiirra oolan 13 hiikee jira. Labsiiin kun jechootaa fi gaaleewwan Labsii 909/2007 tiin hiikni kennameef kaan hambisuun, akkuma jiraniitti fudhachuu fooyyeesuun fi haaraa dabaluun tumaa hiika jalatti hiika kennee jira.
Bu‟uuruma kanaan Labsiin 1178/2012 jechootaa fi gaaleewwan labsii 909/2007 hiikni kennameef seeraa ala nama daddabarsa ykn godanoota seeraan ala daangaa ceesiisa, gocha yakka daangaa ce‟uun raawwatamu, garmalee namatti fayyadamuu ( exploitation), idaadhaaf akka qabdiitti qabsiisuu, karaa seeraan ala ta‟een godantoota daangaa ceesiisuu ( smuggling of migrants), misiyoona diplomaasii, baqataa ( refugee) fi Ministeera jedhaman tumaa hiika jalaa baasee jira.
Gama biraatiin labsichi galeewwanii fi jechoota haaraadhaaf kutaa hiika keessatti hiika kenneefii jira. Bu‟uuruma kanaan sagaaggalummaa fi gocha saalqunnamtii Nama biraa irraa fayyadamuu, humna daa‟immaniitti garmalee fayyadamuu, miidhaa qaamaa cimaa, qabeenya yakka waliin walitti hidhamiinsa qabu (property associated with the crime) fi seera yakkaatiif hiika kennee jira. Fakkeenyaaf, qabeenya yakka waliin walitti hidhamiinsa qabu jechuun qabeenya yakka labsii lakka.1178 /2012 keewwata 3, 4, 8, 9, 10 ykn 11 jalatti tumame raawwachuuf oole, qabeenya kallatiidhaan ykn al-kallatiin yakka kanneen irraa argame, bu‟aa yakka irraa qabeenya horatame, yookin qabeenyi yakki itti raawwatame ykn qabeenyi bu‟aa yakkaa ykn bu‟aa yakkaa irraa qabeenyi horatame yoo hin argamne qabeenya raawwataa yakkaa tilmaamni isaa qabeenya kanneen waliin wal-gitu kan hammatu ta‟uu kwt 2(8) jalatti hiikni itti kennamee jira.
Kana malees, labsichi jechootaa fi gaaleewwan labsii 909/2007 hiikni kennameef akkuma jiraniitti fudhachuun fooyya‟iinsa muraasa taasiisuun hiika itti kenne jira. Bu‟uuruma kanaan jechootaa fi galeewwan yakka raawwachuuf gurmaa‟e, garbummaa, tajaajilaa taasiisuu, miidhaamaa, naannoo, daa‟ima, seera yakkaa, Poolisii fi Nama kanneen jedhamaniif hiika kennee jira.
Akka waliigalaatti jechoonni fi gaalewwaan labsichaan hiikni kennameef tumaalee labsichaa hiikuu fi raawwachiisuu keessatti gahee ol‟aanaa waan qabaniif raawwii hojii keessatti xiyyeeffannaa itti kennuun dubbisuu fi hojiirra oolchuun baayyee murteessaadha.
Labsiin 1178/2012 kutaa lammaffaa jalatti kutaalee xixxiqaa afur qaba. Kutaa xiqqaa tokko jalatti namaan daldaluu, kutaa xiqqaa lama jalatti nama seeraan ala daangaa ceesiisuu, kutaa xiqqaa sadi yakka seeraan ala nama hojiif biyya alaatti erguun walqabatuu fi kutaa xiqqaa afur jalatti immoo yakkoota gochoota kanneen faana walitti hidhamiinsa qaban tumeera. ▇▇▇▇ dureewwan itti aanan jalatti tumaalee yakkoota kanneen hundeessan tokko tokkoon kan xiinxalluu ta‟a.
Labsiin 1178 /2012 kutaa xiqqaa tokko jalatti gochoota yakkaa namaan daldaluu waliin wal-qabatan sadi tumee jira. Isaanis: ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ daldaluu, ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ daldaluu gargaaruu fi ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ namootni raawwatan irraa faayidaa argachuu kanneen
jedhamaniidha. Tumaaleen gochoota kanneen hundeessa akka armaan gadiitti xiinxalamanii jiru.
2.3.1.1. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ Daldaluu
Yakki namaan daldaluu yakka mirga namni tokko garboomuu ykn dirqisiifamuu irraa bilisa ta‟uu qabu 53 irratti raawwatamuudha. Labsiin 1178/2012 gochoota yakka namaan daldaluu yakka nama garboomsuu, dubartootaa fi ijoolleen daldaluu, karaa seeraan alaatiin lammiilee Itoophiyaa hojiif biyya alaatti erguu (kwt 596, 597, 599) fi gocha sagaagalummaa nama biroo itti fayyadamaa yeroo maraa taasifachuu, dubartootaa fi ijoollee gaa‟ela hin geenye sagaagalummaaf walitti fiduun daldaluu, sagaagalummaaf dhiheessuuf qophiilee taasifaman fi itti gaafatamummaa yakkaa jaarmiyaa namummaa seeraa kennameef (kwt 634-638) jalatti seera yakkaa RDFI tiin tumamanii fi gochoota namatti gar-malee fayyadamuu akkasumas gochoota yakka namaan daldaluu pirotokoolii54 biyyi ▇▇▇▇▇▇ raggaafteen dhorkaman kwt.3(1) jalatti hammachisuun bakka tokkotti tumee jira. Labsiin kun yakkoota kanneen maaliif bakka tokkotti akka tumee ibsi barruu wixinee labsichaa akka itti aanutti ibsee jira:
Pirotokoolichi adeemsa yakkichaa (kaayyoo garmalee namaan tajaajilamutiif ▇▇▇▇▇ nama filuu, geejjibuu, simachuu) irratti xiyyeefffata. Haa ta‟u male, tumaaleen seera yakkaa adeemsa yakkichaa fi garmalee namaan tajaajilamuu irratti xiyyeeffatu. Akkuma Labsii 909/2007 adeemsa yakkicha irratti xiyyeeffate labsii inni haaraanis adeemsa irratti kan xiyyeeffatu ▇▇▇ ▇▇‟e dhimma tokko irratti seerri lama akka jiraatu taasisa. Adeemsa ▇▇▇ ▇▇‟e labsichatu raawwatiinsa qabaata. Gochi garmalee namaan tajaajilamuu yoo raawwatame immoo seera yakkaatu raawwatiinsa qabata jechuudha. Sababni inni biraa tumaaleen seera yakkaa adeemsa ilaallatan fooyya‟uu qabu. Kunis yakka namaan daldaluu walxaxaa taasiisa. Kaayyoon seera yakkaa fi pirotokoolichaa namoota gocha akkasii irraa eeguu waan ta‟eef hammattoo seeraa tokkoon dhimmicha bulchuun akka danda‟amu tumaaleen seera yakkaa fi pirotokoolichaan tumaman kwt 3 jalatti akka hammataman ta‟eera. 55
Yakki tokko yakka namaan daldaluu jedhamuuf qabxiiwwan sadi : gocha, tooftaa ykn mala ittiin raawwaatamuu fi kaayyoo namaan tajaajilamuu qabachuu akka qabu pirotokoolichi
53 Heera RDFI kwt 18 (2)
54 Protocol to Prevent, Suppress and Punish Trafficking in Persons Especially Women and Children art 3(a) & art .5 (1)(2)
55 Ibsa Barreeffama Wixinee Labsii 1178/2012, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Federalaa ( Afaan Oromootti kan hiikan fooyyeesitoota moojuulii kanaatti)
kaa‟era. Bu‟uuruma kanaan labsiin 1178/2012 kwt 3(2) akkaataa pirotokoolicha kwt.3 waliin wal simuun tumameera.
Ijoowwan yakka namaan daldaluu hundeessan keessa inni tokko kutaa yaadaati. Kutaan yaadaa yakka namaan daldaluu kaayyoo namatti gar-malee fayyadamuu (for purpose of exploitation) akka ta‟e pirotokolichi kwt 3(a) jalatti tumee jira. Raawwii pirotokoolichaa fi labsii 909/2007 ilaalchisee gaaffiin bu‟uura ka‟aa ture keessaa tokko namni tokko tooftaalee garagaraatti ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇-▇▇▇▇▇ namatti fayyadamuuf ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ nama filuu raawwateen balleessaa kan taasifamu yoom? kan jedhu ture. Gochi Namatti gar-malee fayyadamuu osoo hin raawwatamin shakkamaan adeemsa irra osoo jiruu qabamee kaayyoo namatti gar-malee tajaajilamuu jedheetti namoota filate ijoo jedhu hubachiisuun fi balleessaa taasiisuun ulfaataadha. Waan kana ta‟eef, labsii 1178/2012 kwt 6 jalatti gocha kaayyoo namatti gar-malee fayyadamuu kam akka ta‟e ragaa naannoo irratti hunda‟uudhaan tilmaama fudhachuun akka danda‟amu fala ka‟eera.56 Bu‟uuruma kanaan gochoonni nama filachuu, geejjibuu , nama biraatti dabarsuu, dawoo ta‟uun (harbor), dhoksuu ykn simachuu (receive) raawwatamuun ykn gochoota kanneen daa‟imman irratti raawwatamuun ▇▇▇▇ ▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇‟▇▇ ▇▇▇▇▇ kun kaayyoo namatti fayyadamuu isa kamiif akka raawwatamee ragaa naannoo irraa tilmama fudhachuun akka danda‟amu tumee jira.
Labsichi gochoota namaan daldaluu of danda‟anii yakkaan nama gaafachiisuu danda‟an kwt 3 jalatti akka itti aanutti tumee jira.
3 Act of Trafficking in Persons
1/ Any person who holds another person in slavery or practices similar to slavery, servitude or debt bondages; exploited in removing organs or prostitution or other forms of sexual activities of another person; engages another person in forced labor or service, begging or criminal act, forced marriage, surrogacy, or exploited children in labor, or commit exploitation similar to these acts shall be punishable with Seven years to Fifteen years of rigorous imprisonment and fine from Twenty Thousand to One Hundred Thousand Birr.
Haaluma kanaan nama garboomfachuu ykn akka gocha garbummaa fakkaatutti ykn idaadhaaf akka qabdiitti qabaachuu, sagaaggalummaa ykn ▇▇▇▇▇ ▇▇▇-qunnamtii irratti raawwachuu, dirqsiisuun hojii ykn tajaajjila irratti, kadhaa, gocha yakkaa, gaa‟▇▇▇ ykn gadameessa kireessuu irratti bobbaasuu ykn daa‟imman hojii humnaa hojjechisuun
56 Miil jalee 46
garmalee irraa fayyadamuu ykn gochaalee gar-malee fayyadamuu kanneen kana fakkataan raawwachuun of danda‟ee labsii kanaan kan nama gaafachiisu ta‟uu tumaa kana irraa ni hubatama. Tumaan kun gochoota namaan daldaluu hunda osoo hin tarreesine banaa gochuun (not exhaustive list) tumeera. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ banaa gochuun isaa qajeeltooo Seera yakkaa waliin wal-biraa qabuun leenjii keessatti leenjifamtoonni mariin kan gabbisan ta‟a.
Ijoon inni biraa karaa gochi namaan daldaluu ittiin raawwatamu ▇▇▇ ▇▇‟u, kunis kwt 3(2) jalatti akkas jedhame tumameera.
A person who pass through a criminalprocess stipulated under Sub-Article (1) of this Article, whether the exploitation is started or completed, the perpetrator as well as his collaborates shall be punishable with rigorous imprisonment from Seven years to Twelve years and with fine from Forty Thousand to One Hundred Thousand Birr.
Kunis adeemsa yakka garmalee namatti tajaajilamuu kwt 3(1) jalatti tumame keessa nama darbe irratti garmalee fayyadamuun kan raawwatamee ykn kan jalqabamee ▇▇▇ ▇▇‟e namni adeemsa irratti hirmaate ykn gocha garmalee namatti tajaajilamuu raawwate yakkaan kan gaafatamu ta‟uu agarsiisa.
Labsichi karaa gochi kun ittiin raawwatamuuf kwt 3(5) jalatti hiika kennee jira.
For the purpose of this sub-section `means mentioned` means threat or use of force or other means of coercion, or abduction, fraud, of deception, abuse of power or of a position of vulnerability, or by the giving or receiving of payments or benefits to achieve the consent of a person having control over the person.
Karaawwan kunniinis humna fayyadamuu, ukkaamsuu, butuu, sodaachisuu ykn mala dirqisiisuu kanneen biroo fayyadamuu, gowwoomsuu, abdii kennuu, aangootti garmalee fayyadamuu, saaxilamummaa namaatti gargaaramuu ykn fedhii nama miidhamaa bulchuuf itti gaafatamummaa qabu argachuuf ▇▇▇▇▇ kaffaltii ykn faayidaa kennuu ykn fudhachuu akka ta‟an kwt 3(2)(5) irraa ni hubatama. Karaawwan kwt 3(2) jalatti caqafaman keessaa tokko yoo jiraate miidhamaan gochi garmalee namatti tajaajilamuu kan irratti raawwatamu ta‟uu beekuun ykn waliigaluun isaa nama gochicha raawwate itti gaafatamummaa yakkaa jalaa kan isa hin baafne ta‟uu kwt 3(4) jalatti tumamee jira. „4/ If the means mentioned under Sub-Article (2) of this Article have been used, the fact that the victim is consented or have the knowledge to the exploitation shall not relief the perpetrator from criminal liability‟ Sababni isaa namni kamiiyyuu haaloota kanneen keessatti fedhii bilisaa ni ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇
hin tilmamamu. Waan kana ta‟eef, haalli akkasi jiraanan fedhii jiraachuun akka ittisaa ykn facisaatti dhiyaachuu hin danda‟u.
Kana malees, Labsiin 1178/2012 daa‟immaniin daldaluu yakka taasiisuun kwt 3(3) jalatti tumee jira.
3/ The recruitment, transportation, transferring, harboring, hiding or receipt of a child for the purpose of exploitation shall be considered “trafficking in persons” even if this does not involve any of the means mentioned in Sub-article (2) of this Article;
Tumaan kun kaayyoo garmalee itti tajaajilamuuf ▇▇▇▇▇ daa‟imman filuun, iddoo iddootti geejjibuun, nama birootti dabarsuu, dhoksuu fi simachuun ▇▇▇▇▇ addaatiin of danda‟e itti gaafatamummaa yakkaa fiduu akka danda‟u ni ibsa. Yakkoota namaan daldaluu daa‟imman irratti raawwatan ilaalchisee ulaagaan jiru gochaan jirannaan maloota jedhamuun kanneen ibsaman mirkaneessuun barbaachisaa akka hin taane keewwaticha irraa ni hubatama. Kunis haguuggii daa‟immaniif barbaachisu bu‟uura godhachuun daa‟imman fedhii isaanii laattachuuf tasuma kan hin geenye waan ta‟eef mala kamiinuu yoo fudhataman itti gaafatamummaa kan hordofsiisu ta‟uu isaa agarsiisuun barbaadameetu.
Akkasumas labsii 1178/2012 haaloota adabbii yakka namaan daldaluu cimsan kwt 4(1) (2)
(3) jalatti tumee jira.
4. Aggravating Circumstances
1/ where the crime stipulated under Article 3(1) or (2) of this Proclamation is committed:
a) Against a child or mentally ill or physically disabled;
b) by using drugs, medicine or weapons;
c) by a public official or civil servant and the person committed the offence by abusing the powers entrusted to him; or
d) by an organization licensed to conduct domestic or foreign employment services by abusing its license; …
2/ where the crime stipulated under Article 3(1) or (2) of this Proclamation:
a) was committed being a member, a leader or coordinator of an organized criminal group;
b) resulted chronic disease on the victim; or
c) Endangered the life or safety of the victim or caused grave bodily injury to the victim or subjected for inhuman treatment ;
d) Where the offence causes the death of the victim, depending on the circumstances of the case …
3/ where the act committed is child labor exploitation, the aggravating circumstance of being against child stated under Sub Article (1) letter (a) of this Article shall not be applicable for aggravation.
Yakkichi kan raawwatame daa‟imman, dubbartoota ykn namoota sammuun ykn qaamni isaanii miidhame irratti ta‟uu, baala sammuu nama ▇▇▇▇▇▇▇▇, qoricha ykn meeshaa waraanaa fayyadamuun, aangootti garmalee fayyadamuun raawwatamuun akkuma jiranitti labsii 909/2007 irraa fudhachuun sababoota adabbii cimsan taasiisuun tumee jira.
Gama biraatiin hayyama nama biyya alatti erguu ykn biyya keessatti qacarsiisuu dahoo godhachuun raawwachuu; miseensa gareen yakka raawwachuuf gurmaa‟ee ta‟uun ykn qindeessaa ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ta‟uun raawwachuu; miidhamaa dhukkuba fayyuu hin dandeenyeef saaxiluu; ▇▇▇▇▇▇ ykn nageenyi miidhamaa balaaf saaxilamuu ykn miidhaan qaamaa cimaan irra gahuu, miidhamaan akka du‟uu taasiisuun; kanneen jedhamanii immoo sababoota yakkicha cimaa taasiisan gochuun akka haaraatti itti dabalee tumee jira. Sababa abbaa/haadha, obboleessa, guddisa ykn Nama miidhamaa bulchuun raawwatamuu jedhu immoo haqeera.
Akka waliigalaatti labsichi yakki namaan daldaluu kaayyoo namaan tajaajilamuu ▇▇▇▇▇ tooftalee garaagaraatti fayyadamuun fedhii miidhamaa argachuun kan raawwatamu ta‟uu; adeemsa gocha yakkicha keessatti hirmaachuun ykn gochicha raawwachuun kan adabsiisuu ta‟uu, daa‟imman ilaalchisee tooftaan ittiin raawwatamu jiraachuu baatus kaayyoo daa‟immanitti garmalee fayyadamuuf ▇▇▇▇▇ gochicha raawwachuun yakkan kan gaafachiisuu ta‟uu; miidhamaan ( ga‟eessa ykn daa‟ima ) gochich namaan daldaluu ta‟uu beekuun ykn waliigaluun isaa itti gaafatamummaa yakkaa jalaa kan nama hin baafne ta‟uu akkasumas sababoota adabbii cimsan haaraa kan dabalee fi adabbii kan fooyyessee ta‟uu; yakkoota namaan daldaluu seera yakkaa keessatti tumaman kan hammate ta‟uu ▇▇▇▇ yakkicha hundeesse irraa ni hubatama.
Gaaffilee ▇▇▇▇▇
1. Biyyi ▇▇▇▇▇▇ akaakuu namatti garmalee namatti tajaajilamuu (forms of exploitation) pritokoolii namootaan daldaluu ittisuu fi too‟achuuf ▇▇▇▇ keessatti hammataman hunda labsii 1178/2012 kwt 3 jalatti hammachiisuu fi dhiisuu ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ baasaa!
2. Labsiin 1178 kwt 3 gochoota namaan daldaluu hunda osoo hin tarreesine banaa gochuun tumeera. Biyyi Ugandaa nama aarsaaf dhiyeessuu (human sacrifice) fi guddiffachaa seeraan alaa (illegal adoption) namatti garmalee fayyadamuu taasiisuun seera ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ daldaluu keessatti tumtee jirti. Kana malees, Ugaandaa fi Iswiidin daa‟imman loltu ta‟uun akka tajaajilan a gochuun (military service) akaakuu namatti gar-malee fayyadamuu taasiisuun seera ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ daldaluu tiin dhorkanii jiru. ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ kunnin ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ keessatti osoo raawwatamanii bu‟ura kwt 3 tiin himachuu fi murtii kennuu ni dandeenyaa? ▇▇▇▇ kanaa qajeeltoo seerummaa Seera yakkaa waliin wal-biraa qabuun irratti mari‟adhaa!
Dhimma Marii 2ffaa57
Dhimmi yakkaa kun dhimma ▇▇▇▇▇ Murtii ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Harargee Bahaati aangoo duraatiin Lakk. Galmee 48161 irratti murtii argateedha.
▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ kun murtii kenneen Abbaan ▇▇▇▇▇▇▇ himannaa yakkaa jaha (6) himatamtoota 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa himannaa 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa jalatti wal-duraa duubaan S/Y kwt.32(1-A) fi labsii 909/2007 kwt3(2)(a) bira darbuudhaan waliin ta‟uun namoota biyya ala godaansiisuuf itti yaadanii sababa biyya Su‟uud Arabiyaa deematanii hojii argatan jechuun miidhamtoota 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa umuriin isaanii 14 ta‟an himatamaa 1ffaan miidhamtoota naannoo Somaalee Go/Faham Araddaa Oboshaa keessaa bilbilaan yaamuun himatamtoonni 1ffa-3ffaa Bul/magaalaa Baabbilee keessatti waliif beellamanii gaafa 16/2/2012 sa‟aa 8: 00ti wala arguun miidhamtoota fuudhanii mana himatamaa 4ffaa geessanii osoo biyya Su‟uud Arabiyaa geessuuf qophaa‟aa jiranii ragaa Abbaa Alanagaa 1ffa-3ffaatiin waan qabamaniif himatamanii jiru kan jedhuu fi himanni 4ffaan , 5ffaan fi 6ffaan himatamaa 4ffaa irratti kan dhiyaate ▇▇▇ ▇▇‟u kunis gabaabinaan himatamaa 4ffaan labsii 909/2007 kwt 3(3) bira darbuun miidhamtoota ( dubartoota) 1ffaa, 2ffaa, 3ffaa fi 4ffaa umuriin isaa waggaa 14 ta‟an himatamaa 1ffaa-3ffaa irraa fuudhee mana isaatti galchuun dahoo ykn deeggarsa godheefi dhoksuun biyya Su‟uud Arabiyaa geessuuf osoo qopha‟aa jiranii ragaa A/A 1ffaa-3ffaa
57 A/A vs Alamuddiin ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ faa N-4, Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Harargee Bahaa, Lakk. Galmee 48161/2012
▇▇▇▇▇▇▇▇ waan qabamaniif himatamee jira kan jedhu yommuu ta‟u, himatamtoonnis ▇▇▇▇▇ amantaa fi waakii kennataniin gocha ittiin himataman kana hin raawwannee jechuun waakkatanii jiru. Haaluma kanaan ragaan Abbaa Alangaa akka dhagahamu godhamee gochi ittiin himataman kana raawwatan moo miti ykn akka hin raawwatin ofiirraa ittisanii jiru moo miti kan jedhu himannaa dhiyaatee, ▇▇▇▇▇ amantaa waakkii laatamee fi ragaa bitaa fi mirgaa seera rogummaa qabu waliin qorachuun keewwatuma jalatti himataman jalatti balleessaa qabu jechuun murtii balleessummaa bu‟uura S/D/F/Y kwt 149(1) jalatti sagalee guutuun kennee jira.
Murtii adabbii ilaalchisee keewwata ittiin balleessaa jedhamaniif sadarkaa fi gulantaa baasuun himatamtootaa 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa mataa mataan hidhaa cimaa waggaa 15 fi adabbii maallaqaa Qar. ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ (80,000) akka adabaman akkasumas himatamaa 4ffaa adabbii cimaa hidhaa waggaa 10 fi adabbii maallaqaa Qar. Kuma jahaatamatiin (60,000) akka adabamu murteessee jira.
Gaaffilee ▇▇▇▇▇
a) ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ raawwatame maal fa‟a?
b) ▇▇▇▇▇ ykn tooftaan dhimma kana keessatti hojjiira ▇▇▇▇ ▇▇▇▇?
c) ▇▇▇▇▇ ykn tooftaan himatamtoonni fayyadaman ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ irratti raawwatame hundeessuuf akka ulaagaatti ni gargaaraa? Maaliif?
d) Kaayyoo maaliif raawwatame?
e) ▇▇▇▇▇ himatamtoonni raawwatan kaayyoo namatti garmalee fayyadamuuf kan yaadame ta‟uu bu‟uura labsii 1178/2012 kwt 6 tiin tilamamuun ni danda‟ama jettanii yaadduu? Maaliif?
f) Qabiyyee himannaa A/Alangaa fi murtii M/murtii bu‟uura labsii 1178/202 tiin madaalaa!
g) Qabxiiwwan komii ol‟iyyannoo ol‟iyyattoonnii gama Abukaatoo isaanitiin armaan gadiitti kaasan tokko tokkoon sirriitti dubbisuun bu‟uura labsii 1178/2012 qeeqaa!
Abukaatoon himatamtoota 1ffaa fi 2ffaa komii ol‟iyyannoo keessatti:
1ffaa, gochi namaan daldaluu kwt 3 jalatti tumame jiru, kutaan gochaa kanneen akka filachuu, geejjibuu,sochoosuu, dawoo ta‟uu ykn qeebaluu, tooftawwan kwt 3(c) jalatti ibsameen kanneen akka sodachiisuu, humnaan ykn tooftaa biraa fayydamuu, dirqsiisuun, uguruudhaan, butuudhaan, dharaan, gowwomsuun ykn abdii sobaa kennuun, aangoo seeraan alatti fayyadamuun, rakkinaaf saaxilamuu namaatti fayyadamuun, fedhii nama itti
gaafatamuummaa qabu argachuuf faayidaa kennuun ykn fudhachuun ▇▇▇ ▇▇‟ee fi gochoonni kun kutaa yaadaa sammuu garmalee namatti fayydamuuf kan raawwataman ta‟uu yoo mirkanaa‟ee qofa yakki namaan daldaluu akka raawwatame jedhamu tumaa labsii 909/2007 irratti ifatti tumameera. Kutaa yaadaa yommuu ilaallu ragaan tokko illeee gochi raawwatame jedhame kaayyoo garmalee miidhamtootatti fayyadamuuf ykn tajaajilamuuf akka ta‟e kaasee hin jiru, himannaan A/▇▇▇▇▇▇▇ irrattis gochaan himannaan nu irratti dhiyaate ▇▇▇▇▇ sammuu garmalee namatti fayyadamuuf akka raawwanne hin ibsamne. Yakki namaan daldaluu namaaf ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ ykn biyya alattii erguuf qophaa‟uu qofa osoo hin ta‟in iddoo itti geeffamanitti miidhamtootatti garmalee fayyadamuu irraa bu‟aa argamu kaayyeeffachuun yakka raawwatamuudha. Kutaawwan yakka 909/2007 kwt 3 (2-A) fi (3) hundeessa keessa kutaan tokkoo (kutaan yaadaa) waan hir‟▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ yakka kwt 3 ▇▇▇▇ ▇▇▇▇ hin mirkanoofne jechuun murtii mana murtii komatanii jiru.
2ffaa, gochi labsii 909/2007 kwt 3 (1-A) raawwatame jedhamee himannaa keessatti ibsame tooftaawwan kwt 3(1)(c) jalatti jiran fayyadamuun raawwatamuu isaa mirkaneessuun dirqama akka ta‟e tumaa labsichaa irraa hubachuun ni danda‟ama. Fedhii miidhamtoota argachuuf maloota kana fayydamuun ▇▇▇▇▇▇ ragaan nu irratti mirkaneessuu hin dhiyaanne. A/Alangaa jalaa ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ irratti ibsame tooftaalee kwt 3 (1)(c) jalatti fayyadamuun raawwatamuu isaa hin mirkaneessin himata nurratti kwt 3(2-A) jalatti dhiyeessanii fi M/▇▇▇▇▇▇ jalaas adabbii nurratti murteessuun dogoggoora. ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇, miidhamtoonni uumuriin isaanii waggaa 13 fi sani ol waan ta‟eef dargagoota malee daa‟imman kan jedhaman waan hin taaneef kwt 3(3) jalatti himannaa dhiyaatee fi murtii balleessummaa fi adabbii M/Murtii jalaatiin kenname dogogogora waan ta‟eef nu komachiseera jechuun komii isaa dhiyeeffateera.
Dhimma Marii 3ffaa58
Dhimmi yakkaa kun dhimma Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Horroo Guduruu Wallaggaati aangoo duraatiin Lakk. Galmee 25319 irratti murtii argateedha.
Ka‟uumsi dhimma kanaa himannaa Abbaan Alangaa himatamtuu tokko irratti dhiheessee ▇▇▇ ▇▇‟u, himatamtuun labsii 909/2007 kwt 3(2-A) irra darbuun karaa seeraan alaa daa‟▇▇▇ ▇▇▇▇▇ bakkatti nanneessuu fi humna daa‟immanii qisaasuuf itti yaadee daa‟imman afur umuriin isaanii walduraa duuban waggaa 1ffaa (15-16), 2ffaa (17-18), 3ffaa ( 14-15) ta‟an
58 A/A vs Miimmii (Hodee) Dhibba Qecee , Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Horroo Guduruu Wallagaa Lakk.Galmee 25319, 2012
magaalaa Finfinneetii hojii sasalphaa hojjettanii qarshii gaarii argattuu jechuun gowwomsuun , sossobuun, akkasumas daa‟imma 4ffaa umuriin isaa waggaa 10-11 ta‟e dhiirri nu bira hin jiru nu bira teessa jechuun sossobuun Abbaay Coommaa irraa fudhatee magaalaa Finfinnnee geessuuf ganda Suluulaa Fincaa‟aa irraa konkolaataa yaabbachiiftee Aanaa Guduruu Magaalaa Kombolchaa geessitee tikkeettii geejjibaa erga bitteefi booda bakka bultii qabatanii jiraniitti galgala keessaa sa‟aatii 1:30 tti hordoffii taasifameen poolisiin waan qabateef yakka daa‟▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ala daddabarsuu raawwattee jirti jechuun himannaa afuriin himatamtee jirti.
Mana Murtii Ol‟▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ Horroo Guduruu Wallaggaa galmee lakk 25319 ta‟e irratti dhaddacha gaafa 18/03/2012 ooleen ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ Abbaa Alangaa xiinxaluun jala murtii itti aanuu kennee jira. Himatamtuun gochi yakka jedhame raawwatamuun ji’a lamaan dura miidhamtoota 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa hojiin qulqulleessituu biiroo keessa fi keesummeessi qarshii 1500’n jira, biyyicha nan beeka waan ta’eef isinan geessa, deemuuf guyyaa sanbata isiniif mijata, erga achitti hojjetanii ammo dallaalaadhaan biyya alaa deematanii hojjetu jechuun ▇▇▇▇▇ abdii qabu isaanitti dubbatee akka isaan kakaafte fi guyyaa himata abbaa alanagaa keessatti ibsame kanattis isaan ni ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇, miidhamaa himata 4ffaa jalatti maqaan isaa miidhamtuu himata 2ffaa jalatti ibsamteen sossobamee isaan deemsa jalqabnaan isaan waliin gara Finfinneetti qajeelee magaalaa Kombolchaatti akka qabaman ragaan abbaa alangaa dubbateera waan ta’eef himatamtuu himata 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa ▇▇▇▇▇ irratti dhiyaate ilaalchisee sadarkaama ragaan abbaa alangaa ▇▇▇▇▇ irraatti dubbateen bu’uura S/D/F/Y kwt 142(2) tiin akka ofirra ittiftu, himata 4ffaa itti himatamte ammo bu’uura S/D/F/Y kwt 141 tiin bilisaan akka gaggeeffamtu jechuun jala murtii kennee jira.
Abbaan Alangaa jala murtii himata 4ffaa irratti kennamu komachuun ol‟iyyannoo Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddachaa Dhaabbii Lixaatti dhiheessee jira. Abbaa Alangaa tarree komii ol‟iyyannoo keessatti:
- Deebii kennituun yaada tokkon sababa hojii jira isinifan arga jettee abdii kenniteef miidhamtoota afur miidhamaa 4ffaa dabalatee Aanaa Abbaay Coomman irraa gara Aanaa Guduruu Magaalaa Konbolchaa gatii geejjibaa kaffaltee geessitee osoo magaalaa Finfinneetti geejibsiisuuf jettuu kan qabamte ta‟uu ragaan Abbaan Alangaa hubachisee osoo jiru deebii kennituun ▇▇▇▇▇ gowwamsaas ta‟ee abdii kennuu miidhamatti hin dubbannee jechuun bilisa gochuun sirrii miti jechuun komateera.
- Sababa miidhamtuu himata 2ffaa jalatti ibsamteen sossobame ▇▇▇▇▇ ▇▇▇ jedhuuf, ka‟uumsa yakka jedhame kanaf sababa kan ta‟e deebii kennituu akka ta‟e shakkii ol mirkanaa‟ee of irraa ittisi jedhamee osoo jiruu, miidhaa daa‟ima umurii 10-11 jidduu jiruu kanaaf xiyyeeffannoo kennuu dhiisuun haqa daa‟immanii jallisee biraa darbuun sirrii miti jechuun komateera.
Gaaffiilee ▇▇▇▇▇
a) ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ raawwatame maal maali?
b) Malli (tooftaan) yakka namaan daldaluu raawwachuuf barbaachisu dhimma kana keessatti hojii irra oolee kami?
c) Gochi kun kaayyoo maaliif raawwatamee? Ykn akaakuun namatti garmalee fayyadamuu (exploitation) miidhamtoota irratti raawwatamuuf yaadame jiraa? Hin jiru ▇▇▇ ▇▇‟e maaliif?
d) Komii ol‟iyyannoo Abbaa Alangaa bu‟uura labsii 1178/2012 kwt 3 fi 6 tiin madaalaa!
e) ▇▇▇▇▇ murtii jalaa murtii isaa keessatti miidhaamaa 4ffaan himatamtuun hin sossobamne ofiif faana qajeele jechuun himatamtuu himannaa 4ffaa irraa bilisa taasiseera. Fedhiin miidhamaa yakka raawwattuu kana itti gaafatamummaa jalaa bilisa taasisuu ni danda‟a jettuu? Jala murtii M/murtii kenne kana bu‟uura labsii 1178/2012 kwt 3(2)(3) fi kwt.6 tiin irratti mari‟adhaa!
2.3.1.2. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ Daldaluu Gargaaruu
Labsiin 1178/2012 ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ „‟ Namoota seeraan ala daddabarsuu gargaaruu fi ▇▇▇▇▇ mijeessuu‟‟ jedhu ▇▇▇▇ ▇▇▇▇ duree „‟▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ daldaluu gargaaruu‟‟ jedhutti fooyyeessuun kwt 5 jalatti tumee jira. Gocha kana seeraan dhorkuun maaliif akka barbaachise ibsi wixinee labsichaa irratti kenname akka itti aanutti kaa‟eera.
▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ keessatti gochoonni yakka namaan daldaluu akka babal‟ataniif qooda qaban keessaa tokko mana kireessuu fi tajaajila geejjibaa kennuudha; namoonni hojii kana hojjechuuf mirga qabu. Haa ta‟u malee, yakki raawwatamaa jirachuusaa kan beekan ▇▇▇ ▇▇‟e tajaajila akka hin kenine taasiisuuf tumaan kun labsicha keessatti hammatamee jira. Namoonni kun nama yakka muummee raawwatuuf ▇▇▇▇▇ mijeessuun kan tumsan ▇▇▇ ▇▇‟e gargaaraa yakkaa ta‟uun ni gaafatamu.59
59 Ibsa Barreeffama Wixinee Labsii 1178/2012, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Federalaa
Bu‟uuruma kanaan kabsiin 1178/2012 seera yakkaatiin waa‟een miiltummaa (accomplice) akkuma eegametti ta‟ee kaayyoo namaan daldaluuf akka oolu beekaa mana, gamoo ykn dallaa ofii kireessuu ykn akka itti fayyadaman hayyamuu ykn tajaajila geejjibaa kennuu ykn miidhamtoota geejjibuu; sanada imalaa ykn waraqaa eenyummaa waliin dhahamaa, sobaa ykn seeraan alaa qopheessuu, kennuu, dhiheessuu ykn qabaachuun argamuun gochaalee yakka namaan daldaluu gargaaruu (assisting) ta‟uu isaanii kwt.5 jalatti tumee jira.
Adabbii ilaalchisee yakki kun labsii 909/2007 kwt 4 jalatti hidhaa cimaa waggaa 15-25 fi qarshii 150,000- 300,000 adabsiisa ture. Labsii 1178/2012 garuu yakki qabeenyaa ofii namoota yakka namaan daldaluu raawwataniif kireessuu ykn akka itti fayyadaman gochuu hidhaa cimaa waggaa 3-7 fi adabbii maallaqaa qarshii 10,000 – 50,000; yakka sanada imalaa ykn waraqaa eenyummaa waliindhahaman, sobaa qopheessuun, kennuu, dhiyeessuu ykn qabatanii argamuun hidhaa cimaa waggaa 5-15 tin kan adabsiisuu ta‟uu tumeera.
Akka waliigalaatti labsiin kun qabiyyee ijoowwan yakkichaa hundeessanii, adabbii labsii 909/2007 foyyeessuun, miiltummaa ilaalchisee gara S/y ti akeekuun tumee jira.
2.3.1.3. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ Namoota Biroo Irraa Faayyadamuu
Gochi sagaaggalummaa namoota biroo irraa fayyadamuu seera yakkaa RDFI keessatti tumamee kan ture ta‟u illee, labsii haaraa keessatti akka hammatamu maaliif akka taasifame ibsi wixinee labsii 1178/2012 sababoota gurguddoo sadi kaa‟eera.
Tokkoffaa, gochichi yakka namaan daldaluu waliin walitti dhiyaata waan ta‟eef seera yakkaa keessa kaa‟uun burjaajjii uuma. Lammaffaa gocha kana yakka namaan daldaluu irraa wanti adda taasiisu gochichi tooftaa yakki namaan daldaluu ittiin raawwatamu (means) fi namatti garmalee fayyadamuu (exploitation) kwt 3 jalatti tumame hin qabu. ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇-▇▇▇▇▇ namatti fayyadamuu jirachuu ykn dhiisuu isaa dhimma dhimmaan adda baasuu gaafata. Dhimma kana seera lama keessatti kaa‟uu caalaa seera tokko keessatti tumuun faayidaa waan qabuuf labsicha kwt 7 jalatti tumameera.60
Haaluma kanaan labsiin 1178 /2012 ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ namoota biroo irraa fayyadamuu yakka taasiisuu kwt 7 jalatti tumee jira. ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ kwt 3 fi 4 jalatti tumameen alatti gocha sagaaggalummaa ykn safuu-maleessa namoonni biroo raawwatan fayyadamuuf ▇▇▇▇▇ ykn fedhii ▇▇▇-qunnamtii nama biroo guutuu ▇▇▇▇▇ yaaduun nama biroo
60 Ibsa Barreeffama Wixinee Labsii 1178/2012, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Federalaa
sagaaggalummaatti bobbaasuu, walitti fiduu, dhiheessuu, mana sagaaggalummaan itti raawwatamu teechisuu, mana hojii ykn mana jireenyaa ofii guutummaan guutuutti ykn gartokkeen gocha kanaaf oolchuu ykn kireessuu ykn karaa kamiin iyyuu gocha sagaaggalummaa ykn safuu maleessa nama biroo ( benefiting from immorality of another) fayyadama taasifachuun qabachuun hidhaa cimaa waggaa 1-5 fi adabbii maallaqaa 10,000 – 50,000 adabsiisuu akka danda‟u tumee jira.
2.3.2. Yakka Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu
Labsiin 1178/2012 kutaa xiqqaa lama jalatti yakkkota sadi: nama seeraan ala daangaa ceesisuu, seeraan ala namni biyya keessa akka turu gargaaruu fi sanada sobaa nama seeraan ala daangaa ceesiisuuf oolu qopheessuu, qabachuun argamuu, dhiheessuu ykn daddabarsuu tumee jira. ▇▇▇▇ dureewwan itti aanan jalatti tumaalee dhimmota kanneen ▇▇▇▇▇ ▇▇▇ xinxaallu ta‟a.
2.3.2.1. Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu
Labsii 909 /2007 yakka godantoota seeraan ala daangaa ceesiisuu kwt 5 fi 6 jalatti tumee ture. Labsii 1178/2012 immoo maqeeffama ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇, jechoota, qabiyyee fi adabbii irratti fooyya‟iinsa taasisuun kwt 8(1) jalati bakka tokkotti akka itti aanutti tumeera.
Any person who, for direct or indirect financial or material gain for himself or for another person, enables a person to illegally enter into the territory of Ethiopia, exit the territory of Ethiopia, transit through the territory of Ethiopia, or to cause exit of another person from Ethiopian territory make preparation, found in the process, transport or receive shall be punishable with rigorous imprisonment from Five years to Ten years and fine from Ten Thousand to One Hundred Thousand Birr.
Kewwaata 8 irraa akka hubatamutti labsichi ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ godantoota seeraan ala daangaa ceesiisu jedhu nama seeraan ala daangaa ceesiisuu jechuun fooyyeessee jira. Jechi godantoota jedhu hojii keessatti rakkisaa waan tureef ▇▇▇▇▇ Nama jedhuun bakka buuseera. Kanaafuu nama biyya keessa baasuu; ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇, daddabarsuu fi yakkoota kanneen raawwachuuf qophii taasiisuun kan adabsiisuu ta‟uu tumeera.
Kana malees, labsichi keewwata 8(1) kutaa yaadaa fi gochaalee yakka seeraan ala nama daangaa ceesiisuu hundeessan tumee jira. Yakki kun itti yaadamee nama kamiin iyyuu yakka raawwatamuudha. Yakki kun kallattidhaan ykn al-kallattiin faayidaa maallaqa ykn wantoota ofiif argachuuf ykn nama biraatiif argamsiisuuf yaaduun karaa seera ala ta‟een nama biyya Itiyoophiyaa keessa galchuun ykn Itiyoophiyaa keessaa akka bahu taasiisuun,
daangaa Itiyoophiyaa keessa akka darbu taasiisuun ykn namni daangaa Itiyoophiyaa keessaa akka bahu qophii taasiisuu, adeemsa irra osoo jiruu argamuu, geejjibuu ykn simachuun raawwatama.
Itti aansuun labsichi kwt.8 (2a-d) fi 8(3a-d) jalatti haloota raawwii yakkichaa fi miidhamtoota yakkichi irratti raawwate irratti hunda‟uudhaan gochaalee ykn haaloota adabbii yakka nama seeraan ala daangaa ceesisuu cimsan tumeera.
2/ Where the offence stipulated under Sub Article (1) of this Article is committed:
a) against a child, mentally ill or physically disabled;
b) by using drugs, medicine or weapons;
c) by a public official or civil servant and the person committed the offence by abusing the powers entrusted to him; or
d) by an organization licensed to engage in foreign employment services by abusing its license; the punishment shall be rigorous imprisonment of seven years to fifteen years and fine from Twenty Thousand to One Hundred Thousand Birr.
3/ where the offence stipulated under Sub Article 1 of this Article:
a) resulted in grave bodily injury or chronic disease or permanent mental disorder on the victim;
b) Committed by an offender being a member, a leader or coordinator of an organized criminal group; or
c) Endangered the life or safety of the victim or the victim subjected for inhuman treatment; the punishment shall be rigorous imprisonment of ten years to twenty years and with fine from Thirty Thousand to One Hundred Fifty Thousand Birr.
d) has resulted in the death of the victim, depending on the circumstances of the case, the punishment shall be rigorous imprisonment from Fifteen years to Twenty Five years or life imprisonment or death and fine from Fifty Thousand to Two Hundred Thousand Birr
Tumaan olitti ibsame yakka nama seeraan ala daangaa ceesiisuu daa‟imman , namoota dhukkuba sammuu ykn hir‟ina qaamaa qaban irratti raawwachuu, wantoota sammuu
haddoocha, qoricha ykn meeshaa waraanaa fayyadamuu raawwchuu, abbootii taayitaa ykn hojjetaa mootummaa raawwatamu ykn itti gaafatamummaa dahoo godhachuun raawwachuu, hayyama hojiif nama biyya alaatti erguuf kenname ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇, miidhamaa irratti miidhaa qaamaa cimaa, dhukkuba fayyuu hin dandeenye ykn miidhaa sammuu dhaabbataa geesiisuu, yakkichi miseensa ▇▇▇▇▇ yakka raawwachuuf gurmaa‟een ta‟uun, garicha qajeelchuun ykn qindeessuun raawwatamuu ykn lubbuu ykn nageenya miidhamaa balaarra buusuu ykn qabiinsa al-namummaa, gochichi miidhamaa irratti du‟a geesiisuu kanneen jedhamaniidha haalawwan adabbii cimsan taasiisuun tumee jira.
Gama biraatiin, labsiin 909/2007 kwt 5(2) (d) jalatti yakka kanaan dura riikardii qabaachuu akka sababa adabbii cimsutti tumee ture. Labsiin 1178/2007 garuu sababa kana sababoota adabbii cimsan keessaa baaseera. Labsiin kun riikardii akka sababoota adabbii cimisanitti tumuu dhiisuun isa Abbaan Alangaa qabxii kana akka sababa adabbii cimisutti hin kaasuu jechuu miti. Sababni isaa qajeeltoowwan Seera Yakkaa seeroota addaa adabbii tumaniifis raawwatamoo ta‟uu isaanii kwt 3 jalatti tumee jira. Kanaafuu, Abbaan Alangaa himatamaan riikardii kan qabu ▇▇▇ ▇▇‟e akka sababa adabbii cimisutti kaasuu ni danda‟a.
2.3.2.2. Seeraan Ala Namni Biyya Keessa Akka Turu Gargaaruu
Labsiin 1178/2012 ulaagaalee yakka nama seeraan ala biyya keessa akka turu taasiisu hundeessan kwt 9 (1) jalatti akka itti aanutti tumeera.
Assisting Illegal Stay
Whosoever, for direct or indirect financial or material gain for himself or for another person, assists a foreigner to stay or live in Ethiopia knowing that the foreigner does not have a valid residence permit by producing or procuring forged documents, or in any other illegal manner…
▇▇▇▇ kana irraa akka hubatamutti yakki kun nama kamiin iyyuu kallattiin ykn alkallattiin faayidaa maallaqaa ykn wantoota ofiif argachuuf ykn nama biraatiif argamsiisuuf yaaduun yakka raawwatamuudha.
Gama biraatiin kwt 9(2) irraa akka hubatamutti yakki kun faayidaa argachuuf yaadamee raawwatamuu dhiisuu ni danda‟a „Where the offence stipulated under SubArticle (1) of this
Article was not committed for gain, the appropriate provisions of criminal law shall be applicable.‟ ▇▇▇▇▇ ▇▇▇ ta‟e tumaan seera yakkaa rogummaa qabu raawwatiinsa kan qabu ta‟uu keewwanni kun ni agarsiisa. Tumaan seera yakkaa rogummaa qabu immoo kwt 243(1)(b)61 fi labsii Imigreeshinii 354/1995 kwt 20(2) akka ta‟e labsii 1178/2012 kwt 45(3) irraa ni hubatama. Kanaafuu, yakki seera ala namni biyya keessa akka turu gargaaruu yaada sammuu faayidaa argachuu jedhuun hin raawwatamne ▇▇▇ ▇▇‟e kwt 243(1)(b) fi labsii 354/1995 kwt 20(2) raawwatiinsa qabu jechuudha.
Akkasumas labsiin 1178/2012 kwt 9(1) irraa akka hubatamutti nama lammii Itiyoophiyaa hin taane fi Itiyoophiyaa keessa jiraachuuf ykn turuuf hayyama hin qabne daangaa Itiyoophiyaa keessa akka turu sanada sobaa qopheessuun, dhiheesuun ykn karaa seera ala kamiin iyyuu fayyadamuun (in any other illegal manner) gargaaruun kutaa gochaa yakkicha hundeessan ta‟uun tumamee jira. Kunis yakki kun sanada sobaa qopheessuun, dhiyeessuun ykn karaa seeraan alaa kamiiyyuu fayyadamuun raawwatamuu akka danda‟u tumaa kanarraa ni hubatama.
Akka waliigalaatti yakki kun yaada sammuu faayidaa ofiin ykn nama biraatiif argamsiisuun ykn yaada sammuu osoo hin qabaanne namoota biyya Itiyoophiyaa keessa jiraachuuf ykn turuuf haayyama hin qabne sanada sobaa qoheessuun ykn karaa kamiin iyyuu gargaaruun raawwatamuu ni danda‟a.
2.3.2.3. Sanada Yakka Nama Seera Ala Daangaa Ceesiisuu Raawwachuuf Oolu
Labsiin 1178/2012 sanada nama seeraan ala daangaa ceesiisuuf ooluun walqabate gochoota dhorkaman kwt 10 jalatti tumee jira. Yakki kun nama kamiin iyyuu yakka raawwatamuudha. Yakki kun kallattiin ykn al kallattiin faayidaa maallaqaa ykn wantoota argachuuf ykn nama namni biraa akka argatu taasiisuuf yaadamee yakka raawwatamuudha.
Kana malees, labsichi gochoota yakkicha hundeessanis tumee jira. Yakka nama seeraan ala daangaa ceesiisuu raawwachuuf sanada imaalaa ykn waraqaa eenyummaa sobaa qopheessuu, qabachuun argamuu, dhiheesuu ykn daddabarsuu gochoota yakkicha hundeessaniidha.
▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇. Karaa Seeraan Ala Ta’een Biyyaa Ba’uu, Biyya keessa Seenuu Yookiin Biyyattii Keessa Jiraachuu
1. Namni kamiyyuu itti yaadee:
(a) seera mootummichaa darbuun biyyaa kan ba‟e, gara daangaa biyyattii kan seene, yookiin biyyattii keessa kan jiraate ▇▇▇ ▇▇‟e; ▇▇▇▇▇▇▇
(b) Gochoota armaan olitti qubee (a) jalatti ibsaman keessaa tokko akka raawwatamu kan taasise ▇▇▇ ▇▇‟e; ▇▇▇▇▇▇ salphaan yookiin adabbii maallaqaatiin yookiin lamaaniinuu ni adabama.
Akka waliigalaatti yakki sanada yakka nama seeraan ala daangaa ceesiisuuf oolu fayyadamuu faayidaa ofiif argachuu ykn nama biraatiif argamsiisuuf yaaduun sanada ykn waraqaa eenyummaa sobaa qopheessuun ( prepare), qabatanii argamuun (possessing) ykn dhiheessuun ( providing) ykn daddabrsuudhaan ( transfer) yakka raawwatamuudha.
Gaaffilee ▇▇▇▇▇
1. Kutaan yaadaa yakka nama seeraan ala daangaa ceesiisuu, seeraan ala namni biyya keessa akka turu gargaaruu fi sanada yakka nama seeraan ala daangaa ceesiisuuf oolu qopheessuu qabatanii argamuu, dhiheessuu fi daddabarsuu maal? Akkamiitti mirkanaa‟aa?
2. Gochi nama seeraan ala daangaa ceesisuu sadarkaa qophii fi yaaliitti bu‟uura labsii 1178/2012 tiin itti gaafatamummaa yakkaa ni hordofsiisaa? Maaliif?
3. Bu‟uura labsii 1178/2012 namoota yakka nama seeraan ala daangaa ceesiisuu irratti hirmaachuu danda‟an tarreessaa!
4. Nama ofii isaatiin seeraan ala biyya biraa keessa seene ykn darbe ykn ture bu‟uura labsii 1178/2012 tiin yakkaan akka adabamuu taasiisuu ni danda‟ama? Maaliif?
5. Labsii 1178/2012 Godaansa (migration) yakka taasisee jiraa jettanii yaadduu? Maaliif
6. Gochaan daangaa ceesisuu kun faayidaa wantootaa ykn qarshii kamiyyuu argachuuf ▇▇▇▇▇ nama seeraan ala daangaa kan ceesise jechuun kwt.8 (1) jalatti tumaan jiru ni agarsiisa. Kana jechuun gochaan seeraan ala nama daangaa ceesisuu faayidaa qarshii ykn wantootaa osoo hin argatin kan raawwatame ▇▇▇ ▇▇‟e maal ta‟a? Maaliif? ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇, namoota ykn maatii gargaarsaa namoomaa namoota seeraan ala daangaa ceesifamaniif ▇▇▇▇▇▇ irratti itti gaafatamummaa yakkaa bu‟uura labsii 1178/2012 tiin mirkaneessuun ni danda‟amaa? Maaliif?
7. Namoota lammii biyya ala Itiyoophiyaa keessa jiraachuudhaaf hayyama hin qabne waliin gaa‟▇▇▇ sobaa raawwachuun biyya keessa akka turan gargaaran bu‟uura kwt 9(1) tiin yakkaan akka itti gaafataman taasiisuun ni danda‟ama jettanii ni yaadduu? Maaliif?
8. Hojjetaa/ttuu mootummaa ▇▇▇▇▇‟aa fudhachuun lammiin biyya alaa biyya ▇▇▇▇▇▇ keessa jiraachuuf hayyamaa seera qabeessa hin qabne biyya keessa akka turu/ttu ▇▇▇▇▇ mijeesse/tte bu‟uura labsii 1178/2012 kwt 9(1) tiin yakkaan akka itti gaafatamu/ttu gochuun ni danda‟amaa? Maaliif? Faayidaa hin mallee osoo hin fudhanne biyya keessa akka turu/ttu ▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇/▇▇▇▇▇ hoo? Tumaa rogummaa qabuun deeggaruun irratti mari‟adhaa!
9. Garaagarummaan yakka namaan daldaluu fi seeraan nama daangaa ceesisuu bu‟uura labsii 1178/2012 kwt.3 fi 8 irratti hundaa‟uun maal maal akka ta‟an adda baasuun irratti mari‟adhaa? Adeemsa keessa gochaan seeraan ala daangaa ceesisuu kun yeroo inni itti namaan daldaluu ta‟uu danda‟us kaasuun irratti mari‟adha?
10. Dhimma Marii 4ffaa62
Dhimmi yakkaa kun dhimma Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Harargee Bahaati aangoo duraatiin Lakk. Galmee 46489 fi Dhaddacha Dhaabbii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Bahaa, Dhaddacha Yakkaa 2ffaan ol‟iyyannoon Lakk. Galmee 331692 irratti murtii argateedha.
Dhimmi kun jalqaba Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ Bahaati dhiyaate ▇▇▇ ▇▇‟u, murtiif bu‟uura kan ta‟e himannaa Abbaan Alangaa fooyyeessuun himannaa saddeeti dhiyeeffatedha. Himannis gabaabinaan himatamaan himannaa 1ffa- 5ffaa labsii 909/2007 kwt 6 bira darbuun fi himannaa 6ffaa- 8ffaa kwt 3(2) (a) bira darbuun gaafa Ebla bara 2010 keessa Aanaa Gursum Araddaa Daayfaras Ganda Hagoloo bakka jedhamutti miidhamtoota saddetti biyya Su‟ud Arabiyaa isin geessa jechuun miidhamtoota himannaa 1ffaa, 2ffaa, 3ffaa, 4ffaa, 5ffaa , 6ffaa fi 7ffaa keessatti ibsaman irraa qarshii kuma sadi sadi fuudhuun mala geejiba yeroof hin beekamneen erga karaa Wucaaleen Bosaasoo geessee booda maatii miidhatootaa himannaa 1ffaa- 8ffaa tiin qarshii dabalaa jechuun maatii miidhamtuu himannaa 1ffaa irraa qarshii 3000, 2ffaa irraa qarshii 6000, 4ffaa irraa qarshii 8000, maatii miidhamtuu himannaa 5ffaa irraa qarshii 10,000, kan 7ffaa irraa qarshii 9000 fi maatii miidhamtuu himannaa 8ffaa irraa qarshii 8000 ergaa jechuun ergisiisee miidhamtoonni himannaa 1ffaa- 5ffaa keessatti maqaan isaanii ibsame osoo karaa seeraan ala daangaa ceesisaa jiru fi gara Suud Arabiyaa osoo cehaa jiran bidiruun gara galuun galaana Yeeman keessatti waan du‟aniif fi miidhamtoota himannaa 6ffaa-8ffaa erga karaa Wucaalee Bosaasoo geessee deemeenii karaa seeraan alaan daangaa waan ceesiiseef himatameera kan jedhu ▇▇▇ ▇▇‟u, himatamanis ▇▇▇▇▇ amantaa fi waakkii kenneen ani gochaan ittiin himatame hin raawwanne jechuun waakkateera.
M/Murtiii ragaan namaa fi barreeffama dhagahee galmee erga qoratee booda himatamaan gocha ittiin himatame waakkatu illee ragaan lamaanu ▇▇▇▇▇ waldeeggaruun gocha ittiin
62 A/A vs ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇, Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Harargee Bahaa Lakk. Galmee 46489/2012 fi Dhaddacha Dhaabbii MMWO Bahaa, Dhaddacha Yakkaa 2ffaa, Lakk Galmee Ol‟iyyannoo 331692/2012
himatame raawwachuu isaa waan itti mirkaneessaniif sadarkuma ragaan A/Alangaa itti mirkaneessetti himannicha akka ofirraa ittisu jedhamee beellamani lama kennamuuf illee osoo hin dhiheeffatin waan hafeef mirga isaa bira darbameera.
Haaluma kanaan M/Murtii himannaa dhiyaate, ▇▇▇▇▇ amantaa fi waakkii fi ragaa A/Alangaa qorachuun xinxalee jira. Ragaan A/▇▇▇▇▇▇▇ akkaatuma himannaatiin himatamaan miidhamtoota namoota saddeetti biyya Su‟uudiin isin geessa jechuun marsiisee Wucaalee Bosaasoo kan geessee fi maallaqas warri isaanii akka erguuf taasiisuun isaa faayidaa hin malle argachuuf gocha kana kan raawwate ta‟uun kan hubatamu waan ta‟eef ▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ittiin himatame kana raawwachuu isaa irratti mirkanaa‟ee fi gochi himannaa 1ffaa -5ffaa jalatti raawwatanis du‟a lubbuu nama shanii kan hordofsiise waan ta‟eef kun immoo ulaagaa labsii 909/2007 kwt 6 jalatti taa‟e kan guutu waan ta‟eef ▇▇▇▇ kana jalatti balleessa taasiiseera. Himannaa 6-8ffaa jalatti gochi raawwatames du‟a kan hordofsiise ta‟uu baatus bu‟uura keewwata himanni ittiin dhiyaate kwt 3 (2-A) jalatti balleessaa taasiiseera.
Adabbii ilaalchisee M/Murtii yaada adabbii A/Alangaa fi Abukaatoo ittisaa himatamaarra erga fudhatee booda himatamaan gocha godaansa seeraan alaa lubbuu dubara shanii (5) galaafate kan raawwate ta‟uu ilaalcha keessa galchuun dhimmichi kunis yeroo ammma akka biyyaattis ta‟ee akka addunyaatti yaachisaa ta‟ee fi lubbuu baay‟ee galaafachaa jiru waan ta‟eef murtii du‟aan akka adabamu murteessee jira.
Dhimmi kun murtii erga argatee booda ol‟iyyataan komii Dhaddacha Dhaabbii MMWO Bahatti dhiyeesseen, M/murtii jalaa murtii dhimma murtii du‟aa kennisiissuuf tarree ragaa ittisaa galfadhe keessaa afur dhiyyeeffadhee hanga takka nan dhiyeeffadha osoon jedhuu beellama lamatti ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ittisaa koo beellama lafarra harkisa jedhamee bira darbame deeggarsa seeraa hin qabu; tarree ragaa dhiyeeffadheen gama poolisiin akka naaf dhiyatan ta‟e erga dhagahamanii booda murtiin kennamuu qaba; ragaan A/alangaa akka himataatti anarratti hin mirkaneessine ; miidhamtoonni lubbuun hafan ragaa ta‟anii dhiyaachuun akka ragaaniif gaafateera.
A/Alangaa naannoo ragaan Abbaa Alangaa akkaataa himannaa dhiyaateen kan irratti ▇▇▇▇▇ ▇▇‟uu; oliyyaatan mana murtii jalatti sababa ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ittisaa kan hin dhiyeeffanne ta‟uu ibsuun komiin murtii balleessummaa irratti kenname fudhatama kan hin qabane ta‟uu; murtiin adabbii bu‟uura qajeelfama adabbiitiin kan kenname ta‟uu ibsuun murtiin M/murtii jalaa bu‟uura S/D/F/Y kwt 195 (2)(b) (2) tiin akka cimu gaafatanii jiru.
M/Murtii ol‟iyyaatan dhimma ol‟iyyaata dhagahe M/M/O/▇▇▇▇▇▇ Harargee Bahaa Lakk. Galmee 46489 ta‟erratti murtii kenne bu‟uura S/D/F/Y kwt 195(2) (b)(i) tiin diiguun A/seeraa biro dhimmicha dura hin ilaalleen ragaan ittisaa ol‟iyyataan tarree ragaa keessatti caqafate yoo jiraate akka dhagahu; miidhamtoota himata 7ffaa fi 8ffaa ragaa ittisaa ta‟uun kan ol‟iyyataan hin dhiyeeffannee ▇▇▇ ▇▇‟e akka ragaa dabalatatti dhagahamee murtii haqa qabeessa ta‟e akka kennamu jechuun galmee qajeelfamaan gadi deebisee jira.
Gaaffilee ▇▇▇▇▇
a) ▇▇▇▇▇ himatamaan miidhamtoota himannaa 6ffaa-8ffaa keessatti maqaan isaanii caqafame irratti raawwate jedhamee labsii 909/2007 kwt 3(2A) darbe jedhamee ittiin himatame murtii balleessummaa itti kenname ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ daldaluu cimaa ta‟a moo yakka seeraan ala Nama daangaa ceesiisuu cimaa ta‟a? Maaliif? Ulaagaalee gochi tokko yakka namaan daldaluudha jedhamuuf guutuu qabu ykn yakka seeraan ala nama daangaa ceesisuu dha jedhamuuf guutuu qabu jedhamee labsii 1178/2012 tiin tumame bu‟uura godhachuun irratti mari‟adha!
b) Himannaa 1ffaa-5ffaa Abbaa Alangaatiin labsii 909/2007 kwt 6 jalatti dhiyaate fi murtii balleessummaa mana murtiin ▇▇▇▇ kana jalatti kenname ulaagaa gochi tokko gocha nama seeraan ala daangaa ceesisuudha jedhamuun labsii 1178/2012 kwt.8(3-d) jalatti tumame waliin akkamitti ilaaltu?
11. Dhimma Marii 5ffaa 63
Dhimmi yakkaa kun dhimma Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Arsiiti aangoo duraatiin Lakk. Galmee 86811 fi Dhaddacha Dhaabbii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Bahaa, Dhaddacha Yakkaa 1ffaan ol‟iyyaannoon Lakk. Galmee 340521 irratti murtii argateedha.
Dhimma kanaaf ka‟uumsa kan ta‟e himannaa Abbaan Alangaa M/M/O/▇▇▇▇▇▇ Arsii himatamaa irratti dhiyeesse ▇▇▇ ▇▇‟u, himatichis gabaabinaan: himatamaan labsii 909/2007 kwt 3(1-A) darbuudhaan shakkamtoota yeroof harki isaanii hin qabamne Keeyiruu Ahimad fi Hayidar maqaan abbaa isaa hin beekamne waliin ta‟uudhaan faayidaa isaaf hin malle argachuuf yaadee ▇▇▇▇▇▇ Arsii Aanaa Zuwaay Dugdaa Ganda Gannaalee jedhamuu miidhamtoota dhuunfaa himata 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa keessatti maqaan isaanii ibsame biyya Sa‟uudi Arabiyaa isin ergaa qarshii 10,000 mataa amataan qopheeffadhaa jechuun gaafa
63 A/A vs ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇, Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Arsii, Lakk. Galmee 86811 fi Dhaddacha Dhaabbii MMWO Bahaa, Dhaddacha Yakkaa 1ffaa, Lakk Galmee Ol‟iyyannoo 340521/2013
04/13/2011 magaalaa Adaamaa deemanii akka bulan amansiisuun gaafa guyyaa 05/13/2011 nama ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ jedhamutti bilbilaan gara magaalaa Dirree Dawaatti erguun booda inni immoo shakkamaa Hayidar jedhamutti bilbilaan dabarsee guyyuma kana halkan keessaa sa‟aatii 9:00 ▇▇▇ ▇▇‟u namni Hayidar jedhamu kun daangaa Itiyoophiyaa ceesisee gara Magaala Dikil erga geessee booda qarshii 10,000 kaffalaa yoo kaffaluu baatan hin jiraatan asiilee hin deemtan jechuun sodachisuun gara maatii isaanii akka bilbilan gochuun maatiin qarshii 10,000 mataa mataan lakk herreega 1000294348558 ta‟e irratti Baankii Daldala Itiyoophiyaa damee Ogolchoo maqaa keeyiruu Ahimad tiin maatiin miidhamtoota akka galchan taasisee gaafa guyyaa 08/01/2012 daangaa Galana Diimaa geessuun Doonii yaabbachisee Galaana walakkaa erga gahanii booda Poolisoota biyya Jibuutii tiin qabamanii hidhamanii gaafa guyyaa 11/01/2012 gara biyyatti waan deebi‟aniif yakka seeraan ala nama daangaa ceesisuutiin himatameera kan jedhudha.
Himannan himatamaaf kennamee Abukaatoo Ittisaa waliin ▇▇▇▇ ▇▇▇▇‟ate booda himanni dhaddacha irratti dubbifameefii naaf galeera erga jedheen booda mormii akka hin qabne ibsuun ▇▇▇▇▇ amantaa fi waakkii kenneen gocha hin raawwannee jedhe waan waakkateef ragaan abbaan Alangaa dhagahameera.
M/murtii galmee qorachuun himatamaan yakka ittiin himatame raawwachuu isaa waan mirkanaa‟eef himannaa sadeenuu jalatti bu‟uura S/D/F/Y kwt 142 tiin ragaa ittisaa akka dhiyeeffatu ajajeera. Haaluma kanaan himatamaan ragaa ittisaa nama lama dhiyeeffatee ragaa bahanii jiru. M/Murtii ragaaleen ittisaa ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ragaalee A/Alangaa fashaleessuun ykn shakkii keessa galchuun wanti irra ittisan hin jiru jechuun labsii 909/2007 kwt 3(1-a) jalatti himatamaa irratti, murtii balleessummaa sagalee guutuun kennee jira.
Adabbii ilaalchisee M/Murtichaa yaada adabbii gama A/Alangaa fi Abukaatoo himatamaatiin dhiyaate erga dhagahee booda bu‟uura qajeelfama adabbii 2/2006 kwt 19 tiin yakka himaannaan jalatti hundaa‟eef sadarkaa fi gulantaa baasuun ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ yakkichaa, raawwii yakkichaa fi ▇▇▇▇▇ jiruufi jireenya himatamaa yaada keessa galchuun bu‟uura S/Y kwt 188, 179(c) fi 90 tiin adabbii hidhaa cimaa waggaa 10 fi qarshii 5000 tiin akka adabamu jechuun bu‟uura qajeelfama adabbii lakk.2/2006 kwt 12 fi S/D/F/Y kwt 149(5) tiin murtessee jira.
Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii komachuun Dhaddacha Dhaabbii MWWO Bahaatti ol‟iyyannoo dhiyyeeffateera. Dhaaddachi kunis dhimmichi ni dhiyeessisa jechuun
Abbaan ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ komii ol‟iyyannoo irratti deebii akka itti kennu ajajeera. Abbaan Alangaa murtiin balleessummaa fi murtiin adabbii Mana murtii jalaa akka cimuu jechuun falmaniiru. Dhaddachi kunis komii ol‟iyyataa kufaa gochuun murtii M/Murtii jalaa bu‟uura S/D/F/Y kwt 195(2) (B-2) tiin cimseera.
Gaaffilee ▇▇▇▇▇
a) ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ namoonni dhimma kana keessatti taasisan irratti hundaa‟uun itti gaafatamummaa isaanii adda baasaa.
b) Qabiyyeen himannaa Abbaa Alangaa fi keewwanni himannaan jalatti hundeeffame (labsii 909/2007 kwt 3(1-A) yakka namaan daldaluu: hojiif nama biyya alatti erguu) wal-simaa jettanii yaaduu? Maaliif?
c) Dhimma kana yakka namaan daldaluudha moo yakka seeraan ala nama daangaa ceesisuudha jettuu? Maaliif? Ulaagaalee gochi tokko yakka namaan dadaluudha jedhamuuf guutuu qabu ykn yakka seeraan ala nama daangaa ceesisuu dha jedhamuuf guutuu qabu jedhamee labsii 1178/2012 tiin tumame bu‟uura godhachuun irratti mari‟adha.
d) Murtii balleessuummaa Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Arsii fi Dhaddacha Dhaabbii MWWO Bahaatiin sirriidha jettanii yaaduu? Maaliif? Tumaa labsii 1178/2012 rogummaa qabu irratti hunda‟uudhaan mari‟adhaa!
12. Dhimma Marii 6ffaa64
Dhimmi yakkaa kun dhimma Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Harargee Lixaati aangoo duraatiin Lakk. Galmee 51552 ta‟e fi Dhaddacha Dhaabbii MMWO Bahaa Dhaddacha Yakkaa 1ffaan Ol‟iyyannoon Lakk. Galmee 317154 irratti murtii argateedha.
Dhimma kanaaf ka‟uumsa kan ta‟e himannaa Abbaan Alangaa himatamaa tokko irratti dhiyeesseedha. Abbaan Alangaa himannaa 11 ( ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ) himatamaa irratti kan dhiyyeesse ▇▇▇ ▇▇‟u, himannichis gabaabbinaan : himatamaan labsii 909/2007 kwt 3( 1-A) fi 3(2-A) darbuudhaan shakkamaa yeroof hin qabamne jiraataa magaalaa Dirree Dawwaa kan ta‟e maqaan ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ jedhamu waliin ta‟uun hayyama lammii Itiyoophiyaa gara biyya alaa erguu osoo hin qabaatiin badhaadhina isaaf hin malle argachuuf karaa seeraan alaa nama biyya alatti erguuf ▇▇▇▇▇ gaafa guyyaa 4/05/2011 fi 6/05/2011 halkaan keessaa toora sa‟aatii 8:00 yeroo ta‟▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ Harargee Lixaa Aanaa Habiroo magaalaa Galamsoo Ganda 01
64 A/A vs ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇, Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Harargee Lixaa, Lakk. Galmee 51552 fi Dhaddacha Dhaabbii MMWO Bahaa, Dhaddacha Yakkaa 1ffaa, Lakk Galmee Ol‟iyyannoo 317154/2012
miidhamtoota maqaan isaanii himannaa 1ffaa-11ffaa keessatti ibsame mana jireenya dhuufaa isaniiti waamuun magaalaa Galamsoo irraa hanga Jibuuttitti konkolaataadhaan deemtu, Jibuutii irraa kaataanii ammo ▇▇▇▇▇ isiniif mijeessee Dooniidhaan gara biyya Saa‟uud Arabiyaa Deemtu jechuun goowwomsee konkolaataadhaan magaalaa Dirree Dawaa irraa geejjibsiisuun bakka hin malle biyya Jibuuti Gaara keessa kaa‟uun boodarra maatii miidhamtootaa himaannaa 1ffaa- 7ffaa, 10ffaa fi 11ffaa keessatti maqaan isaanii ibsame goowwomsuun mataa mataatti qarshii 10,000 mucaa keessaniifan erga jechuu erga irraa fudhatee booda qarshiin miidhamtoota gahe waan hin jireef hanga har‟atti bakka inni isaan geessee hin beekamne jechuun himatamaan yakka godaansa seeraan alaan himatameera. Kana malees, maatii miidhamtoota maqaan isaanii himannaa 8ffaa fi 9ffaa keessatti caqafame gowwomsuun qarshii 10,000 ijoollee keessaniifan erga jechuun irraa fudhate booda miidhamtoota kanneen qarshiin isaan gahe waan hin jirreef guyyoota soddooma (30) turuun biyya Jibuutii turanii booda biyyatti deebi‟anii waan argamaniif himatamaan yakka godaansa seeraan alaa nama daddabrsuutiin himatamee jira.
Himatamanis Abukaatoo Ittisaa waliin mari‟atee himannaa dhiyaate irratti mormii sadarkaa duraa hin qabu jechuun kan ibsate ▇▇▇ ▇▇‟u, ▇▇▇▇▇ yakka ittiin himatame hin raawwannee jechuun balleessaa hin qabu jechuudhaan himannaa isa irratti dhiyaate waakkateera. Itti fufuun A/▇▇▇▇▇▇▇ himatamaan gocha ittiin himatame raawwachuu isaa ragaa qabna waan jedhaniif ragooleen A/▇▇▇▇▇▇▇ namoonni 11 dhiyaatanii kakuu raawwachuun ▇▇▇▇▇ ragummaa kenanii jiru. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ himannaa fi ragaa dhiyaate qorachuun himatamaa himannaa hundinuu irratti markanaa‟ee waan ta‟eef akka ofirraa ittisu jala murtii kennee jira. Himatamaan ragaalee ittisaa sadi dhiyyeeffachuun ragaa bahaniiru.
M/Murtii falmii gaggeeffame, himannaa dhiyaatee, ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ A/Alangaa fi ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ittisaa seeraa dhimmichaaf rogummaa qabuun wal-bira qabuun qorachuun murtii itti aanuu kennee jira. Ragaan A/Alangaa gocha yakkaa himatamaan ittiin himatame raawwachuu irratti mirkaneessanii jiru. Haa ta‟u malee, ragaan ittisaa ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ A/Alangaa irratti shakkii uumuu danda‟uun himatamaan gocha yakkaa ittiin himatame raawwachuu dhabuu isaa irraa hin ittifine waan ta‟eef himatamaan keewwata ittiin himatame hunda jalatti labsii 909/2007 kwt 3(2-A) jalatti balleessaa qaba jechuudhaan sagalee guutuudhaan murtii balleessuummaa kennee jira. Akkasumas M/Murtii kun himataman hidhaa cimaa waggaa 19 fi qarshii 200,000 tiin akka adabamu murteessee jira.
Itti fufuun himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii komachuun ol‟iyyaannoo Dhaddacha Dhaabbii Bahaa MMWOti dhiyeeffateera. Dhaddachi yakkaa 1ffaa Lakk. Galmee 317154 ta‟e irratti bitaa fi mirga falmsiisuun dhimmicha keessa galee ilaaluuf kan dandeesisu sababin gahaa hin jiru jechuun bu‟uura S/D/F/kwt 195(1) tin komii oli‟iyyannoo dhiyaatee kufaa godheera.
Gaaffiilee ▇▇▇▇▇
a) ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ namoota dhimma kana keessatti taasisan irratti hundaa‟uun itti gaafatamummaa isaanii adda baasaa.
b) Dhimma kana yakka namaan daldaluudha moo yakka seeraan ala nama daangaa ceesisuudha jettuu? Maaliif? Ulaagaalee gochi tokko yakka namaan daldaluudha jedhamuuf guutuu qabu ykn yakka seeraan ala nama daangaa ceesisuu dha jedhamuuf guutuu qabu irratti hunda‟uudhaan himannaa Abbaa Alangaa, Murtii Mana Murtii jalaa fi Mana Murtii dhimmicha ol‟iyyannoodhaan ilaalee qeeqaa!
2.3.3. Yakka Nama Seeraan Ala Hojiidhaaf Biyya ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇
Labsiin 1178/2012 kutaa xiqqaa sadi jalatti nama seeraan ala hojiif biyya alatti erguu yakkaa taasiisuun tumee jira. Gocha kana yakka taasiisuun tumuun maaliif akka barbaachise ibsi barruu wixine labsicha irratti taasifame yaada itti aanu kaa‟eera.
Dhimmi namoota hojiif biyya alaatti erguu labsii 923/2008 tiin hogganamaa kan jiru ▇▇▇ ▇▇‟u, labsiin kun tumaalee yakka hundeessan hin qabu. Yakki namoota biyya alaatti karaa seeraan ala ta‟een erguu labsii 632/2001 haguuggii kan argate ▇▇▇ ▇▇‟u, labsiin ▇▇▇ ▇▇▇▇▇ yakkaa kwt 598 caqasa ture. Haa ta‟u malee, labsii 909/2007 kwt 598 haqee jira. Labsiin 632/2001 dursee kan ▇▇▇▇ ▇▇‟uusaa fi seera yakkaa kan caqasuu ta‟uu fi labsii 909/2007 labsii booda bahee fi kwt 598 waan haqeef lammiilee Itiyoophiyaa hojii karaa seera ala ta‟een biyya alaatti erguun yakkaan kan hin gaafachiifne ta‟ee ture. Kun qaawwa seera guddaadha. Waan ta‟eef qaawwa labsiin 923/2008 qabu guutuuf fi namoota seera ala hojiidhaaf biyya alaatti erguun yakkoota namootaan daldaluu fi daangaa ceesiisuuf waantoota ▇▇▇▇▇ mijataa uuman keessaa tokko waan ta‟eef dhimmi kun labsii 1178/2012 keessatti hagguuggii akka argatu ta‟eera. Dabalataan yakkoota nama hojjetaa fi hojjechisaa walitti fiduuf hayyama qabu ykn hin qabneen raawwatamuu danda‟an tumameera.65
65 Ibsa Barreeffama Wixinee Labsii 1178/2012, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Federalaa
Sababni yakka kana labsicha keessatti akka tumamu taasifameef olitti kan ibsame ▇▇▇ ▇▇‟u, labsichi kutaa xiqqaa kana jalatti yakka nama seeraan ala hojiif biyya alaatti erguu fi yakkoota kenniinsa tajaajila namoota biyyatti erguun waliin walqabatan kwt 11 fi 12 jalatti tumee jira. ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ itti aanu jalatti tumaalee kanneen kan xiinxaalluu ta‟a.
2.3.3.1. Karaa Seeraan Ala ta’een Nama Hojiif Biyya Alaatti Erguu
Labsiin 1178/2012 karaa seeraan ala ta‟een nama hojiidhaaf biyya alaatti erguu yakka taasisuun kwt 11 (1) jalatti akka armaan gadiitti tumee tumee jira.
11 Unlawful Sending of Person Abroad for Work
Apart from the circumstances stipulated under Article 3 and 8 of this Proclamation፡ 1/ Any person who sends person abroad for work without having obtained a license or while the license has been suspended or canceled or send to a country which permission is not granted under the license is punishable with rigorous imprisonment from seven years to twelve years and fine from Twenty Thousand to One Hundred Thousand Birr
Tumaan kun yakki karaa seera ala ta‟een nama hojiif biyya alaatti erguu yakka ▇▇▇▇▇ labsii 1178/2012 kwt 3 fi 8 jalatti tumeen ala yakka raawwatamuu ta‟uu agarsiisa. Hima biraatiin yakki kun yakka namaan daldaluu fi seeraan ala nama daangaa ceesiisuu hin hammatu jechuudha. Kana malees tumaan kun qaama yakka kana raawwachuu danda‟u adda baasee tume jira. Akka tumaa kana irraa hubatamutti yakkichi nama ▇▇▇▇▇▇▇ hin qabnee fi hayyama nama biyya alaatti hojiif ergu qabuu kamiin iyyuu raawwatamuu danda‟a. Hojiidhaaf nama biyya alaatti erguuf hayyama osoo hin qabaanne, haayyamni dhorkamee ykn haqamee osoo jiruu ykn ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ itti hin qabnetti nama hojiidhaaf erguun ▇▇▇▇ kana jalatti itti gaafatamummaa yakkaa ni hordofsiisa.
Akkasums labsichi karaa yakkichi ittiin raawwatamuu danda‟u kwt 11(2) jalatti , „where the crime stipulated under sub Article 1 of this Article is committed with the pretext of visit, medical, educational or similar visas…‟ jechuun tumee jira. Tumaa kan irraa akka hubatamutti yakki karaa seeraan ala ta‟e nama hojiif biyya alaatti daawwannaa, yaalaa, barnoota, ykn viisaa dahoo godhachuun raawwatamu danda‟a.
Dhuma irratti labsichi kwt 11 (3) jalatti haaloota yakkicha cimaa taasiisan tumeera.
Where the person sent abroad, owing to the act stipulated under Sub-Article (1) or (2) of this Article, suffers harm to his human rights, life, body or psychological makeup,
the sender shall be punished with rigorous imprisonment from fifteen years to twenty five years or life imprisonment and with fine from Fifty Thousand to Two Hundred Thousand Birr.
Tumaan kun sababa yakka seeraan ala nama biyya alaatti erguu irraa kan ka‟ee nama biyya alaatti ergame irratti miidhaan mirga namoomaa, lubbuu, qaamaa fi xiinsammuu gahuun haaloota adabbii cimsan taasiisuun kan tume ▇▇▇ ▇▇‟u, yakki kun hidhaa cimaa waggaa 15- 25 ykn umurii guutuu fi adabbii maallaqaa qarshii 50,000 -100,000 tiin nama adabsiisuu ni danda‟a.
2.3.3.2. Yakka Kenniinsa Tajaajila Nama Biyya Alaatti Erguu Waliin Walqabatu
Yakki kenniinsa tajaajila Nama biyya alaatti erguu waliin walqabatee raawwatamu nama tajaajila kana kennuuf hayyama qabuun kan raawwtamu ta‟u labsiin 1178/2012/ kwt 12 ni agarsiisa. Yakki kun tajaajila nama biyya alaatti erguu kennuu sababa godhachuun hojjetaa irraa maallaqa ykn meeshaa fudhachuu, hojjetaan hojiitti osoo hin bobba‟ni dura ykn booda waraqaa eenyummaa, paasportii, sanada imaalaa ykn sanada biraa kamiiyyuu hayyama hojjetaa malee qabachuu ykn dhoowwachuu, gowwoomsuu ykn karaa dirqsiisuu kamiin iyyuu fayyadamuun faayidaa/mirga akka dhiisuu taasiisuu ykn miindaa, qabeenya hojjetaa ykn maallaqa hojjetaan alaa ergu fedhii/ hayyama hojjetaan illee ▇▇▇ ▇▇‟e qabachuun kan raawwatamu ta‟uu ▇▇▇▇ kana irraa ni hubatama. Yakka kana yakka seeraan ala Nama hojiif biyya alaatti erguu irraa wanti adda taasisu Nama hayyama qabuun raawwatamuu isaa akka ta‟e ▇▇▇▇ yakkicha hundeesse irraa hubachuun ni danda‟ama.
Labsiin 1178 /2012 yakkoota yakka namaan daldaluu, seeraan ala Nama daangaa ceesisuu fi seeraan ala hojiif biyya alaatti erguu waliin firooma qaban kutaa xiqqaa afur kwt 13-18 jalatti tumee jira. Dhimmoonni yakkoota kanneen waliin walitti hidhamiinsa qaban Seera Yakkaa RDFI keessatti tumamanii jiru. Haa ta‟u malee, dhimmoonni kunniin labsii kanaa keessatti hagguuggii argatanii jiru. Yakkoonni kunniin labsichaan maaliif akka haguuggii argatan ibsi wixinee labsichaa irratti taasifame akka armaan gadiitti kaa‟a.
Dhimmoonni kunniin seera yakkaa keessatti tumaman illee, yakkoonni namaan daldaluu, seeraa ala Nama daangaa ceesiisuu fi seeran ala hojiidhaaf biyya alaatti erguu hammataa fi walxaxa waan ta’aaniif sirna iftoomina qabu fi adabbii cimaa ka’uun barbaachisaa ta’uu waan itti amanameef labsicha keessatti akka hammataman ▇▇’▇▇▇▇.
▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ itti aanaan jalatti tumaalee yakka beeksiisuu dhabuu, namoota eeruu ▇▇▇▇▇▇ ykn ragaalee irratti yakka raawwatamu, ragaa balleessuu, shakkamaan akka hin himatamne gargaaruu, qabeenya dhoksuu fi itti gaafatamummaa yakkaa jaarmiyaa seeraan beekamtiin kennameef ▇▇▇▇▇ ▇▇▇ xiinxallu ta‟a.
2.3.4.1. Yakka Gabaasuu/ Beeksiisuu Dhabuu
Yakka gabaasuu ykn beeksiisuu dhabuun seera yakka RDFI kwt 39 jalatti tumamee jira. Yakka gabaasuu dhabuun ifatti ▇▇▇ ▇▇▇‟ameen ala bifa walii galaan itti gaafatamummaa kan hin fidne ta‟▇▇ ▇▇▇ tumame ▇▇▇ ▇▇‟u, warreen dirqama gabaafamuu qabu jedhamuun kaa‟amanis ▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ dhiphatee hiikamuu qaba jechuun seera yakka kwt.39 (3) jalatti tumamee jira. Yakka Gabaasuun walqabatee Labsiin 1178/2012 qabiyyee labsii 909/2007 kwt 12 fooyyeessuun yakkoota gabaafamuu qaban adda baasuun tumeera.
Yakka namaan daldaluu (kwt 3, 4), Nama seeraan ala daangaa ceesisuu (kwt 8) ykn nama seeran ala hojiif biyya alaatti erguu (kwt.11) raawwatame ykn raawwatamaa jiru ykn eenyummaa nama yakkicha raawwatu osoo beekuu sababa gahaa osoo hin qabaanne poolisiif ykn qaama seera kabachiisaa rogummaa qabuuf battalumaatti beeksiisuu dhabuu ykn odeeffannoo sobaa kennuun hidha salphaa ji‟a sadi hin caalleen kan adabsiisuu ta‟uu kwt 13 jalatti tumamee jira. ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ▇▇▇ ▇▇‟e immoo hidhaa cimaa waggaaa 1-5 adabsiisa.
Akka waliigalaatti labsii 1178/2012 yakkoota gabaafamuu qaban adda baasuun tumeera. Kana malees, namoota yakka raawwatan qaama dhimmi ilaaluuf gabaasuu ykn beeksiisuu dhabuun itti gaafatamummaa yakkaa kan fiduu ta‟uu; dirqama hubachiisuu labsiin 909/2007, “…sababa humnaa oliitiin ykn sababa amansiisaa ta‟een beeksisuu dhabuu ▇▇▇▇ ▇▇▇ hubachiise malee…” jechuun himatamaarra ka‟e kan fooyyeesse ta‟u tumaa labsichaa irraa ni hubatama.
Gaaffiilee ▇▇▇▇▇
1. Sababoota amansiisaadha jedhamuun himatamaa itti gaafatamummaa kwt. 13 jalaa baasuu danda‟an kaasuun irratti mari‟adha.
2. Yakkoota namaan daldaluu, seeraan ala nama daangaa ceesisuu fi nama seeran ala hojiif biyya alaatti erguu ilaalchisee odeeffannoo kennuun ykn beeksiisuun dirqama maaliif jedhame?
2.3.4.2. Namoota Eeruu Kennanii Fi Ragaalee Irratti ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇
Labsii 1178/2012 eeruu kennitootaa fi ragaa baatootaaf eegumsa godhee jira. Namoonni sababa eeruu kennaniif ykn ragaa ta‟aniif isaan ykn lubbuu maatii ykn qabeenya isaanii balaaf kan saaxilame ▇▇▇ ▇▇‟e bu‟uura labsii 699/2003 tiin eegumsi kan taasifamuuf ta‟uu kwt 25 jalatti tumeera.
Labsichi eeruu kennitootaa fi ragaa baatootaaf eegumsi taasiise akkuma jirutti ta‟ee, namoota kana irratti yakka raawwachuun itti gaafatamummaa yakkaa kan fidu ta‟uu kwt 14 (1) (2)(3) jalatti tumee jira.
Bu‟uuruma kanaan labsichi qaama yakki irratti raawwatamu adda baasuun tumee jira. Yakki kun nama yakka labsicha keessatti tumame ilaalchisee eeruu kennu ykn ragaa ta‟uu danda‟u, ykn ragaa qabu ykn eeruu ykn ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ykn ▇▇▇▇▇ ta‟ee dhiyaate ykn nama inni/isheen waliin walitti dhiyeenya qabu irratti raaawwatamuu danda‟a.
Kana malees, labsichi gocha nama ▇▇▇▇▇ ykn odeeffannoo kennu/kenne ykn ragaa ta‟uu danda‟uu fi isaa waliin walititti dhiyeenya qabu irratti raawwatamuu danda‟u tumee jira. Gochi yakka kun namoonni kunniin odeeffannoo ykn ragaa qaamoolee haqaatiif akka hin kennine ykn qorannaa yakkaa ykn adeemsa falmii keessatti ragaa ta‟ee akka hin dhiyaannee isa irratti ykn nama isa waliin walitti dhiyaatu irratti daba hojjechuu, sodachiisuu, ykn faayidaa hin malle kennuu ykn sossobuu ykn karaa kamiin iyyuu giddu lixuun dhorkuun raawwaatamuu danda‟a. Akkasumas yakki kun nama ▇▇▇▇▇ ykn odeeffannoo kenne ykn ragaa ta‟ee dhiyaatee ykn nama isa waliin hariiroo dhihoo qabu haleeluu, sodachiisuu, ykn miidhaa irraan raawwatamuu danda‟a. Akkasumas yakki raawwatame miidhaa qaama cimaa ykn miidhaan fayyaa ykn du‟a kan hordofsiise ▇▇▇ ▇▇‟e seeroonni yakkoota kana ilaalchisee rogummaa qaban dabalatan raawwatiinsa kan qabu ta‟u kwt 14(3) jalatti tumameera. Kunis tumaaleen Seera yakka waa‟ee ajjeechaa fi miidhaa qaama ▇▇▇▇▇ dabalatan raawwatiinsa kan qaban ta‟uu agarsiisa.
Walumaa galatti yakki kun nama kamiin iyyuu adeemsa qorannaa, himannaa fi sadarkaa falmiitti eeruu kennitootaa fi ragaa baatootaa fi namoota isaan waliin waliitti dhiyeenya qaban irratti kan raawwatamu ta‟uu , akkasumas yakkichi daba hojjechuu, sodachiisuu, ykn faayidaa hin malle kennuu ykn sosobuu ykn karaa kamiin iyyuu giddu lixuun dhorkuun, haleeluu, sodachiisuu, ykn miidhaa qaamaa ykn fayyaa geessuu ykn hanga lubbuu baasutti kan raawwatamu ta‟uu ▇▇▇▇ yakkicha hundeessee irraa ni hubatama.
2.3.4.3. Ragaa Mancaasuu, Miidhuu ykn Dhoksuu
Labsiin 1178/2012 ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ yakka namaan daldaluu, nama seeraan ala daangaa ceesiisuu fi seeraan ala nama biyya alatti erguu hubachisuuf macaasuu, miidhuu ykn dhoksuu yakka taasiisuun kwt 15 jalatti tumee jira.
Yakki kun yakka itti yaaduun raawwatamu ▇▇▇ ▇▇‟u, ▇▇▇▇▇ adeemsa qorannaa, himannoo fi murtii keessatti faayidaarra ooluuf deemu ta‟e jechuun mancaasuu, miidhuu ykn dhoksuun itti gaafatamummaa yakkaa kan fidu ta‟uu tumee jira.
Akkasumas labsichi dhimmoota adabbii cimsan kwt 15(2) jalatti tumeera. Fakkeenyaaf, ragaa ijoo gochaalee kwt 3,4,8 ykn 11 jalatti tumaman hubachiisuuf gargaaru mancaasuun, miidhuu fi dhoksuun akka sababoota adabbii cimsan ta‟anii tumamanii jiru.
Walumaa galatti gochi ragaa mancaasuu, miidhuu ykn dhoksuu adeemsa qorannaa yakkaa, himannaa ykn falmii keessatti ta‟ee jedhamanii kan raawwataman ta‟uu fi hojii qorannaa yakkaa, himannaa, falmii xumuramuu fi himatamaan balleessaa jedhamuun itti gaafatamuummaa yakkaa jalaa kan hin baasine ta‟uu qabiyyee tumaa labsichaa irraa ni hubatama.
2.3.4.4. Shakkamaan Akka Hin Himatamne Gargaaruu
Labsiin 1178/2012 ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ yakka fi yakkamaa jedhu gara shakkamaa akka hin himatamne gargaaruu jedhutti fooyyeessuun kwt 16 jalatti tumee jira. Yakki kun nama kamiin iyyuu raawwatamuu danda‟a. Nama gocha yakkaa kwt 3,4,5,8,9,10 fi 11 jalatti tumameen shakkame ykn himatame dursa akeekkachisuun, dhoksuun, faana balleessuun ykn balleessuun, hojii qorannaa yakkaa dogoggorsiisuun ykn karaa kamiin iyyuu himatamee akka hin dhiyaanne gargaaruun gochoota yakkicha hundeessan akka ta‟an kwt 16(1) irraa ni hubatama.
Kana malees, labsichi himatamaan qabamuun ykn himatamuun ykn hojiin qorannaa yakkaa sirnaan gaggeeffamuu fi xumuramuun nama gochaalee kanneen raaawwate itti gaafatamummaa irraa bilisa kan hin taasifne ta‟uu kwt 16(2) jalatti tumeera.
Qabeenya dhoksuun seera yakka keessatti gocha yakkaa ta‟ee tumameera. Haa ta‟u malee yakkoonni labsii 1178/2012 keessatti tumaman cimaa fi walxaxaa waan ta‟aniif sirna iftoomina qabuu adabbii cimaa ta‟e diriirsuuf yaaduun qabeenya yakkaan walqabatu dhoksuun yakka ta‟e of danda‟ee kwt 17 jalatti tumameera.
▇▇▇▇ kana irra akka hubatamutti yakki qabeenya dhoksuu nama kamiin iyyuu raawwatamuu ni danda‟a. Yakki kun qabeenyi yakkaan walqabatu akka hin dhaalamne taasiisuuf yaaduun raawwatama. Ijoon gochaalee yakka kana hundeessan qabeenya yakkaan wal- qabatan dhoksuu, miidhaa irraan gahuu ykn karaa kamiin iyyuu akka hin beekamne gochuu kanneen jedhamaniidha.
Labsiin kun tumaa haaraa qabeenya seeran ala argame seera qabeessa fakkeessuun dhiheessuu jedhu kwt 17(2) jalatti hammachiseera. Gochi qabeenya dhoksuu qabeenyicha seera qabeessa fakkeessuun dhiheessuuf ▇▇▇▇▇ ▇▇▇ raawwatame ▇▇▇ ▇▇‟e Labsiin Maallaqa Ykn Qabeenya Gocha Yakkaan Argame Seera Qabeessa Fakkeessuun Dhiheessuu Fi Shororkeessuummaa Maallaqaan Gargaaruu Ittisuu fi Too‟achuuf ▇▇▇▇ 780/2005 raawwatiinsa kan qabu ta‟u tumameera. ▇▇▇▇▇▇▇▇, adeemsa qorannaa yakkaa, himannaan, falmii fi murtii kennuu keessatti labsii 780/2005 kwt 29 fi keewwatoota itti aanaan ilaaluun barbaachisadha.
2.3.4.6. Itti Gaafatamummaa Yakkaa Jaarmiyaalee Namummaan Seeraan Kennameef
Itti gaafatamummaa yakkaa jaarmiyaalee namummaa seeraa qabanii seera yakkaa Bara 1996 fooyya‟▇▇ ▇▇▇▇ keewwata 34 fi 23 (3) jalatti tumameera. Qajeeltowwan waliigalaa itti gaafatamummaa yakkaa ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ yakka kwt. 23(2) jalatti ka‟aman keessa jaarmiyaaleen ofii yaaduu (yaada yakka raawwachuu ykn mens rea) qabaachuu waan hin dandeenyeef akkasumas gochoota yakka hundeessan karaa bakka bu‟aa isaanii ykn hojjetaa isaanii ykn ammoo abbaa qabeenyaa ▇▇▇ ▇▇‟e ▇▇▇▇▇ ofii raawwachuu waan hin dandeenyeef kan nama uumamaa irraa addatti ilaalamuu akka qabu seera yakkaa kwt 23(3) jalatti tumameera.
Labsii 1178/2012 jalatti haguuggii yakkoota jaarmiyaalee namummaa seeraa qabaniin raawwatamu ilaalchisee jiru yoo ilaallu kwt.18 jalatti tumamee jira. Tumaan kunis jaarmiyaalee yakka labsicha keessatti tumame raawwatan irratti adabbii ▇▇▇▇▇‟uu adabbii hidhaa irratti hunda‟uudhaan adabbii maallaqaan tumeera.66 Adabbii maallaqaatti dabalataan ▇▇▇▇▇ Murtii kaka‟uumsa mataa isaatiin ykn gaaffii Abbaan Alangaa dhiyeessuu irratti hunda‟uudhaan jaarmiyaan akka diigamu ykn qabeenyi isaa akka dhaalamu murteessuu kan danda‟u ta‟uu kwt 18(2) jalatti tumameera. Qabeenya dhaalamuun walqabatee qabxiin ifa ta‟uu qabu qabeenya isa kamitu dhaalama kan jedhuudha. Qabeenyi dhaalamu
66 Labsii 1178/2012 kwt 18 (1) jalatti jaarmiyaan namummaan seeraan kennameef yakka hidhaa salphaa waggaa 1 ykn hidhaa cimaa hanga waggaa 5 adabsiisu raawwate Qar. hanga Qar. 5000; yakka hidhaa cimaa waggaa 5-15 adabsiisu raawwate Qar. 100- mil.1; Yakka hidhaa cimaa waggaa 5-20 raawwate Qar, mil 1- 2 ; yakka hidha cimaa waggaa 20 ol ykn du‟aan adabsiisu raawwate Qar. mil. 2 – 3 tiin adabamuu akka danda‟u tumameera.
qabeenya yakkaan walitti hidhamiinsa qabu akka ta‟e kwt 21 irraa ni hubatama. Qabeenyi yakka waliin walitti hidhamiinsa qabu immoo qabeenya yakka kwt 3,4, 8, 9, 10 ykn 11 jalatti tumame raawwachuuf oole, qabeenya bu‟a gocha yakka ta‟e, qabeenya yakkaan argame irraa qabeenya horatame ykn qabeenyi kunniin yoo hin argamne immoo qabeenyaa raawwataa yakkaa qabeenyawwan kanneen waliin wal gitu kan hammatu ta‟uu kutaa hiikoo kwt 2 (8) jalatti ifatti tumamee jira. Waan kana ta‟eef, murtiin dhaalama qabeenya jaarmiyaa yakka raawwate ilaalchisee ▇▇▇▇▇‟uu kwt 2(8), 18 (2) fi 21 bu‟uura godhachuu qaba.
Kana malees labsichi, jaarmiyaalee maallaqaan adabuu, murtiin diiguu ykn qabeenyi isaanii akka dhaalamu taasiisuun akkuma jirutti ta‟ee, abbaan qabeenyaa jaarmiyaa, hojii gaggeessaa, hojjetoonni jaarmiyaa ykn namni kamiyyuu yakkaan kan itti gaafataman ta‟uu kwt 18(3) jalatti tumameera jira. Akkaataa tumaa kanaatti jaarmiyaan adabamuun maqaa jaarmiyaatiin ykn jaarmayichaaf faayidaa argamsiisuuf yaaduun namoota gocha yakkaa irratti hirmaatan itti gaafatamummaa yakkaa jalaa hin baasu.
Akka waliigalaatti labsichi jaarmiyaalee yakkoota labsicha keessatti tumaman irratti hirmaatanii fi maqaa jaarmiyaatiin ykn jaarmiyaadhaaf faayidaa argamsiisuuf yaaduun gocha yakka labsicha keessatti tume raawwatan yakkaan kan gaafataman ta‟uu tumeera. Kana malees, hamma adabbii maallaqaa labsii 909/2007 kwt 13 jalatti tumamee foyyessuun tumee jira. Fakkeenyaaf, jaarmiyaan yakka waggaa 20 oliin ykn du‟aan adabsiisu raawwate qarshii miiliyoona 2-3 adabamuu danda‟a jechuun fooyyeessuun tumeera.
2.4. Yakka Ittisuu fi Qabeenya Dhaaluu
Seensa
Labsiin 909/2007 kutaa sadi jalatti tumaalee sirna yakka ittisuu, qorachuu fi ragaa tumee ture. Labsiin kun tumaa waliigala, dirqama gochaalee namaan daldaluu fi nama seeraan ala daangaa ceesiiisuu gabaasuu, namoota balaaf saaxilamaniif eegumsa gochuu, tooftaalee qorannaa addaa fayyadamuu, mirga addaa fayyadamuun dhorkaa ta‟uu, qabuu fi hidhaa tursiisuu, dirqama ragaa hubachiisuu, shakkamaa himannaarraa bilisa taasiisuu ykn adabbii hir‟isuu, aangoo abbaa seerummaa fi waa‟ee darbiinsa yeroo tumee ture. Haa ta‟u malee labsii 1178/2012 kutaa ▇▇▇▇ ▇▇▇▇ duree yakka ittisuu fi qabeenya dhaaluu jedhuun bakka buusuun sirna namoota balaadhaaf saaxilaman, qabeenya yakkaan walqabu ugguruu fi qabuu; qabeenya dhaaluu fi qaama qabeenya bulchu muuduu qofa diriirsee jira. Dhimmoota qorannaa yakkaa ilaalchisee jijjiirama bu‟uura labsii duraanii irratti taasiise jira. Qorannaa yakkaa guutuumaan guutuutti labsicha keessaa akka bahuu taasiisee jira. Sababni isaa ibsi barruu wixinee labsii 1178/2012 irratti taasifame dhimmoonni qorannaa yakkaa, mirga wabii fi himatamaa himannaarraa bilisaa taasiisuu seera deemsa falmii yakkaa haaraa labsamuuf jiru keessatti ni hammatamuu jedhamee waan yaadameef labsicha keessatti osoo hin hammatamin kan hafe ta‟uu ibsee jira.
Kutaa kana jalatti namoota balaaf saaxilaman baraaruu ykn oolchuu qabeenya yakka waliin walqabatu ugguruu fi qabuu akkasumas dhaaluu kan ilaallu ta‟a.
2.4.1. Namoota Balaaf ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇
Sadarkaa jalqabaa irratti gaheen poolisii yakki erga dhaqqabee boodee qorachuu qofa osoo hin taane, utuu hin dhaqabin dura gochaalee raawwii yakkichaa hambisuu danda‟an irratti tarkaanfii fudhachuuf aangoo akka qabu beekamaadha. Kunis dandeetti fi gahee ittisa yakkaa keessatti poolisiin qabu kan agarsiisudha. Bu'uura kanaanis labsii 1178/2012 kwt 19(1) jalatti poolisiin yakki namaan daldaluu ykn nama seeraan ala daangaa ceesiisuu kan raawwatame, raawwatamaa jiru ykn raawwatamuuf kan dhihaate ta‟uu shakkii gahaa yoo qabaate geejjiba kamiyyuu, mana, iddoo ykn qabiyyee sakatta‟uun namoota gocha yakkaaf saaxilaman ykn miidhaman baraaruu akka danda‟uu aangeessee jira.
Labsiin 909/2007 kwt 17 (1)(a) jalatti wantoota sakata‟‟insi irratti gaggeeffamu tumu illee sirna sakata‟iinsi ittiin geggaaffamu hin tumne. Haa ta‟u malee, labsiin 1178/2012 wantoota sakatta‟iinsi irratti taasifamu tumurra darbee Poolisiin manaa fi qabiyyee ajaja mana murtiin qofa sakatta‟uu akka qabu; haalli ariifachiisan yoo jiraate poolisiin ajaja ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ malee
sakattaa‟uun sa‟aatti 72 keessatti Mana Murtiif dhiheessuu qaba. ▇▇▇▇▇ Murtiis haalli arifachiisan kan ture ta‟uu qorachuun ajaja rogummaa qabu kan kennu ta‟uu kwt 19(2) jalatti tumee jira. Kunis labsiin kun tumaa haaraa kan tume ta‟uu agarsiisa.
Poolisiin sakatta‟iinsa yeroo taasiisu miidhamtoota kan argate ▇▇▇ ▇▇‟e wiirtuu kunuunsaa fi gargaarsa argachuu danda‟anitti ni geessa (kwt 19/3). Miidhamtoota dhukkubsatan ykn miidhaman immoo dhaabbilee fayyaa mootummaa ykn dhuunfaa kamiitiyyuu gargaarsi akka taasifamuu ajaja kennuu akka danda‟u kwt 19(4) aangoon kennameefi jira. Labsiin 909/2007 baasiin tajaajila yaala fayyaaf ▇▇▇▇ fandii irraa kaffalamu ta‟uu kwt 17 jalatti hin tumne. Labsiin 1178/2012 garuu sirni kaffaltii danbii bulchiinsa fandii bahuun ▇▇▇ ▇▇▇▇▇‟uu ta‟uu kwt.19 (5) tumee jira.
Kana malees kwt 19(1(b) Poolisiin namoota daangaa ce‟ani ykn daangaa ce‟uuf adeemsa ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ dhaabee qulqulleessuun battalatti namoota miidhama ykn shakkamaa hin taane battalatti gadlakkisuu akka qabu tumee jira.
Akka waliigalaatti labsiin 1178/2012 kwt 19 sakattaa‟iinsan walqabatee qabiyyee labsii 909/2007 kwt 17 bu‟uurarraa fooyyeessuun kan tume ta‟uu xiinxalli olitti taasifame ni agarsiisa.
2.4.2. Qabeenya Yakka Waliin Walqabatu Ugguruu fi Qabuu
Qabeenya yakkamaa qabuun adabbiilee muummee Seera yakkaa RDFI tiin tumaman keessa isa tokkoodha. Adabbiin qabeenyi yakkamaa akka qabu kan ajajamu yakkamaan sababa sirna heera mootummaa biyyattii ykn nageenya biyya keessaa fi alaa irratti korannaa raawwateen ykn gocha miidha dhaqqabsiisu danda‟u raawwateef ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ inni hin jirretti yeroo dhimmi isaa ilaalamee balleessaa ta‟uun isaa mirkanaa‟u dha. Kana jechuun qabeenyi yakkamaa kan qabamu dhimmi ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ yakkamaan hin jirretti kan ilaalame ▇▇▇ ▇▇‟ee fi gochi yakkamaan raawwate kunis sirna heeraa irratti kan raawwatamee ▇▇▇ ▇▇‟e qofa dha.67 Namni tokko bakka inni hin jirretti dhimmi isaa ilaalamee murtii argachuu kan danda‟u, yakki inni ittiin himatame ka‟umsa adabbii hidhaa waggaa 12 fi isaa oliin kan adabsiisu ▇▇▇ ▇▇‟e dha.68
Qabeenya yakkamaa qabu Seera yakkaa tiin kwt 99 jalatti tumame labsii 909/2007 keessatti hin hammatamne. Haa ta‟u malee tumaan kun labsii 1178/2012 kwt 20 (1) jalatti akka tumameetti qabeenyi ugguramuu fi dhaalamuu hin qaban jedhamanii seera biraatiin tumame
67 Seera Yakkaa RDFI bara 1996 ▇▇▇▇, keewwata 99
68 S/D/F/Y/I bara 1954 ▇▇▇▇ kew-161(2)
akkuma jirutti ta‟ee qabeenyi yakka labsicha keessatti tumaman waliin walitti hidhamiinsa qaban ugguramuu ykn qabamuu ni danda‟u. Akkasumas S/Y kwt 99 murtiin qabeenya qabuu yommuu kennamu akkaataa kwt 98(3) tiin raawwatamuu akka qabu ▇▇▇▇. Seerri yakkaa kwt 98(3) qabeenya dhaalamuu hin qabne ▇▇▇▇. Kanaafuu tumaalee kanneen walitti fiduun kan hiiknu ▇▇▇ ▇▇‟e qabeenya kanneen irraa kan hafe qabeenyi yakka labsii 1178/2012 keessatti tumamee waliin walitti hidhamiinsa qaban dhaalamuu ni danda‟a.
Labsichi qabeenya yakka waliin walqabatu ugguruu fi qabuun ilaalchisee qaama ajajuuf aangoo qabu tumee jira. Isaan keessa inni tokko ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇. ▇▇▇▇▇ murtii kaka‟uumsa mataa isaatiin, gaaffii Abbaa Alangaa fi Poolisii irratti hunda‟uudhaan qabeenyi dhaalamuu danda‟uu fi yakka waliin walqabatu eegamee akka turu tarkaanfii yeroo dabalatee ajaja uggurrii ykn qabu kennuu akka danda‟u kwt.20 (1) tiin aangeeffameera. Ajajni kunis qabeenya seeraan ugguramuu hin dandeenye fi hin dhaalame kan hin dabalanne ta‟uu tumaa kanarra ni hubatama. Qabeenyi seeraan hin ugguramnee fi hin dhaaalamne qabeenya Seeraa Yakkaa kwt 99 fi 98(3) jalatti ibsame ta‟uu danda‟a.69 Qaamni ajaja uggurrii fi qabuu akka kennu labsichaan aangeeffame inni biraa Itti Gaafatamaan Mana Hojii Abbaa Alangaa dhimma yakka irratti murtii kennuuf aangoo qabuudha. Qaamni kun haalli ariifachisaa yoo jiraate ajaja uggurrii sa‟aatii 72 turu kennuu ni danda‟a. Abbaan Alangaa sababa ajaja uggurri ibsuun sa‟aatii 72 keessatti Mana Murtiitti dhiheessuu akka qabu labsichi dirqama ▇▇▇▇ ▇▇‟eera. ▇▇▇▇▇ Murtiis dhimmacha ilaallee ajaja rogummaa qabu kennuu akka qabu kwt 20(5) jalatti ibsameera.
69 Qabeenyi hin dhaalamne fi hin qabamne Seera Yakkaa Kwt 98(3) fi 99 keeyyata 2ffaa jalatti akka itti aanutti tumamee jira.
a) jireenya adabamtichaafi maatii isaatiif barbaachisaa kan ta‟an tajaajila yeroo hundaa manaatiif kan fayyadan meeshaalee hojiin itti raawwatamu, meeshaalee ogummaa yookiin hojiin qonnaa itti raawwatamu yommuu ta‟an;
b) ▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ yeroo ji‟a jahaatiif yookiin ▇▇▇▇▇ murtichaa haalawwan addaa ilaaluun barbaachisaadha jedhee sababa tilmaameen murtii ifa ta‟eefi yaada gahaa ta‟een yeroo kana caaluuf lubbuu maatii adabamtichaafi kan ittiin jiraatan yookiin nyaata ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ta‟aniifi galiiwwan addaddaa deeggarsa jireenyasaaniitiif oolan yommuu ta‟an;
c) qabeenya sanyiirraa dhaalaan argame kamiyyuu ta‟ee adabamtichi kennaan, dhaamoon, yookiin karaa akaakuu biroon itti ajajuu kan hin dandeenye yommuu ta‟u;
d) haadha warraa yookiin abbaa warraa yakkicha irraa qulqulluu ta‟e ilaalchisee, qabeenya waliinii keessaa walakkaa, akkasumas, ▇▇▇▇▇▇ warraa yookiin abbaa warraa yookiin ijoolleewwan yookiin kanneen biroo yakka irraa qulqulluu ta‟an qabeenya dhuunfaa isaanii ta‟ee, bu‟uura seeraatiin yookiin sirna baratameen dhuunfaan sababa imaanaafi bulchitummaan, hojii gaggeessummaan yookiin ajajummaa guutuun qabeenya qabiyyee adabamtichaa ▇▇▇▇ ▇▇▇▇ hunda ▇▇▇ ▇▇‟edha.
Itti dabaluun, labsiin 1178/2012 kwt 20 hojiiira oolchuuf akka ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ugguruu fi qabuu jedhuuf hiika kennee jira. Ugguruu jechuun ajaja mana murtiin yeroo ▇▇▇▇▇‟uu ykn sa‟aatii 72(torbatamii lama) keessatti qabeenyi yakka waliin walitti hidhamiinsa qabu qaama sadaaffatti akka hin dabarre, hin jijjiiramne, hin dhabamsiifamne ykn hin sochoonne dhorkuudha (kwt 20/6). Qabuu jechuun immoo qabeenya uggurame qaama ▇▇▇▇▇ murtii muudee fi too‟atuun akka buluu taasiisuudha (20/7).
Akka waliigalatti Labsiin 1178/2012 sirna qabeenyi yakka waliin walqabatu ittiin uggaramuu fi qabamu diriirsee jira. Qaama ajaja uggurrii fi qabuu kennuu danda‟uu aangeessee jira. Kana malees, keewwata kana hojjiira oolchuuf akka ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ugguruu fi qabuu jedhuuf hiika kenne jira.
Qabeenya dhaaluun adabbiilee muummee Seera Yakkaa RDFI tiin ▇▇▇▇▇ keessaa isa tokkodha.70 Adabbiin kun kan murtaa‟u seera keessatti ifatti ▇▇▇ ▇▇▇‟▇▇▇▇ akka ta‟e S/Y kwt 98 (1) tumeera. Kanaafuu, ▇▇▇▇▇ murtii adabbii kana yakkamtoota irratti kan murteessu gochi isaan raawwatan adabbii kanaan kan adabsiisu ta‟uun isaa ifaan seericha keessatti ▇▇▇ ▇▇▇‟ame qofa dha. Qabeenyi yakkamaan gocha yakkaa murtiin balleessuummaa itti kennameen kallattiinis ta‟e alkallattiin horate guutumaan guutummaatti ykn gartokkeen dhaalamuu ni danda‟a. Adabbiin Mana Murtiin kennamu kun qabeenya yakkamaan karaa seera qabeessa ta‟een argate dabalchuu akka danda‟u S/Y kwt.98 (1) (2) irraa ni hubatama. Haa ta'u malee, labsiin 1178/2012 kwt 21 jalatti waa'ee qabeenya seera qabeessaan argame akka dhaalamu gochuu waan ka'uu hin qabu. Kanaaf ▇▇▇▇▇ murtii dhimma kana irratti qajeeltoo seera yakkaa keewwata 98(2) fayyadamuu danda'aa? kan jedhu irratti leenjifamtoonni ▇▇▇▇▇ ▇▇▇'aa gaggeessuun hubannoo isaanii kan gabbifatan ta‟a.
Kana malees seerri Yakka qabeenya dhaalamuu hin qabne kwt 98(3) (a-d) jalatti tarreessee jira. Seerri Yakkaa meeshaalee hojiin itti raawwatatamu, meeshalee ogummaa ykn hojiin qonnaa itti raawwwtamu, nyaata, qabeenya dhaalman, kennaan, dhaamoon argamanii fi kkf qabeenya hin dhaalamne jechuun tumee jira.
Gama labsii 1178/2012 ▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ yakka waliin walitti hidhamiinsa qabu murtii balleessummaa fi murtii balleessummaa malee dhaalamuu akka danda‟u labsiin kwt 21(1) (a) (b) jalatti tumeera. ▇▇▇▇▇ Murtii yakka labsii kanaan tumamee ilaaluuf aangoo qabu himatamaa irratti murtii balleessummaa erga kennee booda qabeenyi akka dhaalamu ni murteessa. Murtiin
70 Seera Yakkaa RDFI , Boqonnaa Lama, Kutaa Tokko, kwt 98
balleessuummaa sababa namni gocha yakkaa raawwate beekamuu dhabeef, badeef, du‟eef, hojiin qorannaa yakkaa ykn himannaan adda citeef ykn sababa kamiiniyyuu murtii yoo kennamuu baate ▇▇▇▇▇ Murtii qabeenyichi yakkicha waliin walitti hiidhamiinsa qabaachuusaa mirkaneeffachuun qabeenyichi akka dhaalamu ni murteessa. ▇▇▇▇▇ Murtii ajaja dhaalmaa kennuun dura nama qabeenyicha irratti mirga ykn dantaan qabuuf carraa dhagahamu kennuu akka qabu kwt 21(2) jalatti tumameera. Qabeenyi ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ dhaalame bu‟uura labsii kanaan fandii dhabbateeti galii ni ta‟a (kwt 21/3). Qabeenyi yakka waliin walqabatu gara fandiitti galii akka ta‟u osoo hin murteessiin dura ▇▇▇▇▇ Murtii kaka‟uumsa mataa isaatiin , iyyannaa Abbaa Alangaa ykn Poolisii irratti hunda‟uudhaan qaama qabeenya bulchu muuduu qaba ( kwt 21(1)(a)(5).
Gaaffilee ▇▇▇▇▇
1. Kaayyoo qabeenya yakka labsii 1178/2012 keessatti tumame waliin walitti hidhamiinsa qabu ugguruu, qabu fi dhaaluu tokko tokko kaasuun irratti mari‟adhaa?
2. Qabeenya yakka labsii 1178/2012 keessatti tumame waliin walitti hidhamiinsa qabu ( property associated with the crime) ugguruu, qabuu fi dhaaluu kan jedhu qabeenya yakka raawwachuun argame, qabeenya yakka raawwachuuf oole, qabeenya qulqulluu ykn seera qabeessa ta‟een walitti makame, qabeenya biraatti geeddarame hammachuu fi dhiisuu bu‟uura Labsii 1178/2012 kwt 20, 21 fi tumaa rogummaa qabuu irratti hunda‟uudhaan madaalaa!
3. Qabeenyi yakka labsii 1178/2012 keessatti tumame raawwachuun argame bu‟uura seera kamiin dhaalama jettuu? Maaliif?
4. Qabeenyi yakka namaan daldaluu, seeraan ala daangaa ceesiisuu fi seeraan ala hojiidhaaf biyya alaatti erguu raawwachuuf oolu bu‟uura seera kamiin dhaalama? Maaliif?
5. Qabeenyi yakka waliin walitti hidhamiinsa qabu gar-tokkeen ykn guutumaan guututti gara qabeenya birootti yoo geeddarame tarkaanfii akkamiitu fudhatamuu qabaa jettu? Tarkaanfiin bu‟uura seera kamiin fudhatamaa?
6. Qabeenyi yakkaan walitti hidhamiinsa qabu qabeenya karaa seera qabeessa ta‟een argame yoo walitti makame tarkanfii akkamitu fudhatamuu qaba? Bu‟uura seera kamiin fudhatamaa?
7. Galiin ykn faayidaan qabeenya yakkaan argame qabeenya biratti jijjiiruun/geeddaruun ykn qabeenya biroo waliin walitti makuun argamu bu‟uura seera kamiin dhaalama?
8. Adabbiin Mana Murtiin kennamu qabeenya yakkamaan karaa seera qabeessa ta‟een argate dabalchuu akka danda‟u S/Y kwt.98 (1) (2) tumu illee labsiin 1178/2012
kwt 21 jalatti waa'ee qabeenya seera qabeessaan argame akka dhaalamu gochuu hin tumne. ▇▇▇▇▇ murtii dhimma kana irratti qajeeltoo seera yakkaa keewwata 98(2) fayyadamuu danda‟aa? Maaliif?
9. Qabeenyi yakka labsii 1178/2012 keessatti tumameen walitti hidhamiinsa qabu erga dhaalamee booda essatti galii ta‟a? Kaayyoo maaliif oola?
2.5. Miidhamtootaaf Eegumsa Taasisuu, Deebisanii Dhaabuu Fi Beenyaa
Seensa
Labsiin lakk 909/2007 kutaa afur jalatti sirna miidhamtoota adda ittiin baafamuu fi deebiisanii dhaabuu, miidhamtoota biyya isaaniitti deebisuu, miidhamtoota lammiilee biyya alaa ta‟an biyya isaanitti deebisuu, eegumsa miidhamtootaa fi ragaleef taasifamu, miidhamtoota itti gaafatamummaa yakkaa irraa bilisa gochuu, beenyaa diriirsee ture. Labsiin 1178/2012 immoo miidhamtoota biyyatti deebisuu, miidhamtootaaf eegumsa taasiisuu fi deebisuun dhaabuu, eegumsa ragaaleef taasifamu fi beenyaa ilaalchisee ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ fi qabiyyee tumaalee labsii 909/2012 fooyyeessun kutaa afur kwt 23-26 jalatti tumeera. Kana malees, labsiin kun namoota gochoota yakka tokkoon ykn tokkoo oliin miidhaan qaamaa, xiinsammuu ykn diingdee ykn mirgi isaanii sarbameef akkaataa eegumsi taasifamufi qabu sirna diriirsee jira. Dhimmoota kanneen leenjifamtoonni labsicha dubbisuun hubannoo isaanii kan cimsatan ta‟ee, kutaa kana jalatti waa‟ee beenyaa qofa kan ilaallu ta‟a.
Labsiin 1178/2012 namoota yakka labsicha keessatti tumameen miidhaan irra gaheef sirna beenyaa ittiin argachuu danda‟an kwt 26 jalatti qabiyyee labsii 909/2007 kwt 31 bu‟uura irraa fooyyeessuun tumeera. Tumaan Kun akaakuu beenyaa fi akkaataa itti kaffalamu, gahee mana murtii, abbaa alangaa fi poolisii tumeera.
Labsichi beenya miidhaa fi hamilee miidhamaa irra gaheef kaffalamuu qabu ifatti tumeera. Beenyaan inni jalqabaa baasiiwwan yaalaa, geejjibaa miidhaman baasee fi baasii namoonni biroo miidhamaa baraaruu fi kunuunsuuf ▇▇▇▇▇ baasan beenyaa gaafatamuu danda‟uudha. Beenyaan inni lammaata miidhaa hamilee yakki miidhaamaa irraan gaheef beenya kaffalamuudha.
Beenya qaama murteessuu fi gaafatu ilaalchisee labsichi sirna diriirsee jira. ▇▇▇▇▇ murtii Murtiii kaka‟uumsa mataa isaatiin ykn iyyannaa Abbaa Alangaa irratti hunda‟uudhaan dhimma beenyaa galmee yakkaa waliin ykn galmee yakkaa irraa adda baasuun ilaaluu akka
danda‟u kwt 26(4) aangeeffameera. ▇▇▇▇▇ Murtii baasiiwwan miidhaman ▇▇▇▇▇, namoonni biroo miidhamaa baraaruu fi kunuunsuuf ▇▇▇▇▇ baasan fi miidhaa hamilee sababa yakkaatiin miidhaamarra gahee qar 1000-50,000 miidhamaaf akka kaffalamu murteessuu ni danda‟a (kwt 26/1/2). Himatamaan kaffaluuf humna yoo hin qabne ▇▇▇▇▇ Murtii Fandii irraa miidhaamaf ykn namoota baasii himataamaaf baasaniif akka kaffalamu murteessuu ni danda‟a (kwt 26/5). Kunis danbiin kan murtaa‟u ta‟uu tumameera.
Beenyaan hamilee seeraa haariiroo hawaastiin jiru qarshii 1000 ta‟ee osoo jiru maaliif gara 50,000 ti ol guddatee? Gaaffiin jedhu ka‟uu mala. Yakki namaan daldaluu, nama daangaa ceesiisuu fi kkf dhiibbaan xiinsammuu geesiisuu guddaa ta‟uu fi qarshiin 1,000 ▇▇▇▇▇ yeroo ammaa waliin kan hin deemne ta‟uu ibsi barruu wixinee labsichaa ni agarsiisa.
Akka waliigalaatti labsichi beenyaan miidhamaaf akka kaffalamu ▇▇▇▇▇‟uu beenyaa miidhaa diinagdee fi hamilee sababa yakkaatiin miidhamarra gahe sirna ittiin murtaa‟uu fi kaffalamu ▇▇▇▇▇ labsii isa duraa irraa fooyya‟insa qabuun kan diriirse ta‟u tumaa labsichaa irraa ni hubatama.
Labsii 1178/2012 kutaa shan jalatti namoota yakka namaan daldaluu, seeraan ala daangaa ceesiisuu fi biyya alaatti erguu miidhaan qaamaa, lubbuu fi xiin-sammuu irra gahe deebisanii dhaabuuf fandii gargaaruu hundeessee jira. Yakkooni kunniin yakka faayidaa argachuuf ▇▇▇▇▇ biyyoota garaagaraa keessaatti ▇▇▇▇▇ gurmaa‟een raawwatamu waan ta‟eef maallaqa guddaatu toora kanatti daddabarafama. Waan kana ta‟eef qabeenyi yakka raawwatoota yakkoota kanneeniin walqabatan mootummaaf galii ta‟ee deebi‟ee miidhamtootaaf akka oolu sirni gargaaru jiraachuu qaba. Kanaafuu, labsiin kun dhimmoota bu‟uura fandiin walqabatan kwt 27-32 jalatti kan tume ▇▇▇ ▇▇‟u, waa‟ee bulchiinsaa fi akkaataa miidhamtootaaf ooluu irratti immoo tarreeffamani isaa dambiin kan bahu ta‟uu akeekee jira.
2.7. Mana ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇, Gahee Dhaabbilee Garaagaraa fi Tumsaa Idil-addunyaa
Yakka namaan daldaluu, nama seeraan ala daangaa ceesiisuu fi hojiidhaaf ▇▇▇▇▇ seeraan ala biyya alatti erguu ittisuu fi too‟achuun qindominaa fi tumsa qaamolee garagaraa barbaada. Waan ta‟eefis Labsiin 1178/2012 kutaa jaha jalatti qaamoolee garaagaraa hundeessee jira; hojii fi itti gaafatamummaa isaan qaban fi sirna hordofamuu qabu diriirsee jira. ▇▇▇▇
dureewwan itti aanaan jalatti dhimmoota kanneen ▇▇▇▇ labsichaa irratti hunda‟uudhaan kan xiinxalluu ta‟a.
2.7.1. Mana ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇: Hojii fi Itti Gaafatamummaa Isaa
Yakka namaa daldaluu, namoota seera ala daangaa ceesiisuu fi seeran ala Nama biyya alaatti erguu miidhaan lammiilee irratti geessisu ittisuu fi too‟achuuf sadarkaa biyyaatti ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ biyyaleessaa hundeeffameera. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ kun labsii 909/2007 koree biyyooleessaa jedhamuun waamama kan ture ▇▇▇ ▇▇‟u, labsiin 1178/2012 jechi koree taaksi foorsii kan jedhu koree yeroof dhaabbatu waan agarsiisuuf gara mana mariitti jijjiireera.
Hojii fi gaheen mana marii kwt 34 jalatti ifatti tumameera. Hojii fi gahee mana ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇, ▇▇▇▇▇▇, fi tarsiimoo yakkoota kanneen ittisuufi to‟achuuf gargaaru maddisiisuu, dhimmoota kanneen ilaalchisee imaammata, seeraa fi tarsiimoo akka maddisiisu qaama aangoon seeraan ifatti kennameef qindeessuu fi erga ragaa‟e booda hojjiira oolmaa isaanii hordofuudha. Qajeelfama miidhamtoota baraaruu, deebiisanii dhaabuu, gara hawaasaatti ittiin makaman akka baasu aangeeffameera. Kana malees, yakkoota kanneeniif dhimoota ka‟uumsa ta‟an kan akka hojii dhabdummaa, godaansa, buqqaatti biyya keessaa ilaalchisee qaamoolee hojiin fi itti gaafatamumman kun seeraan kennameef qindeessuun imaammata, seeraa fi tarsiimoo akka bahanii taasiisuun hojiira oolmaa isaanii akka hordofu aangeeffameera.
2.7.2. ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇’▇▇▇▇▇ Biyyaaleessa fi Waajjira Isaa
Labsii 909/2007 koree taaksii foorsii biyyaaleessaa kan hundeesse ▇▇▇ ▇▇‟u, maqeeffamni ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇‟iinsaa hin agarsiisu waan ta‟eef gamtaa ▇▇▇▇▇'‟insa biyyaaleessaa jedhamee akka wamamu ta‟eera. ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇‟▇▇▇▇▇ biyyaleessaa itti waamani isaa mana marii biyyaaleessaaf ta‟e, yakka namaan daldaluu, seeran ala daangaa ceessiisuu fi seeraan ala biyya alaatti erguu ittisuu labsii 1178/2012 hundeeffameera. Gamtaan kun Mana Hojii Abbaa Alangaa Federaalaan hoogganama. ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ gamtaan kun hunda‟uu akka danda‟u labsichi kwt 35(5) akeekee jira.
Labsichu hojii fi itti gaafatamummaa gamtaa waltaa‟iinsaa biyyaaleessa kwt 36(1) jalatti tumee jira. Hojii fi itti gaafatamummaan gamtichaa yakkoota olitti ibsaman ittisuu fi to‟achuu akkasumas miidhamtoota deebisuun dhaabuuf qo‟annoowwan gargaaran qo‟achuun, imaammatootaa fi tarsiimoowwan , seeroota qopheessuun mana marii biyooleessaaf dhiheessuun qaama rogummaa qabuun erga ragga‟ee booda hojiirra oolmaasaa
qindeesuudha Hojii fi gaheen gamticha kanneen biroos kwt 36 (2-8) jalatti tarreefamanii jiru waan ta‟eef leenjifamtoonni tumaalee kanneen dubbisuun kan hubatan ta‟a.
Kana malees, labsichi ▇▇▇▇▇ Hojii Abbaa Alangaa Federalaa waajjira hojii fi itti gaafatamummaa gamtaa ▇▇▇▇▇‟iinsa biyyaleessaa deeggaruu fi qindeessu akka gurmeessu akkasumas ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ Abbaa Alangaa Naannoolee immoo gamtaa ▇▇▇▇▇‟iinsaa naannoolee waajjira deeggaruu fi qindeessu akka gurmeessan kwt 39(1) (2) kallattii ka‟eera.
2.7.3. Gahee Qaamoolee Garaagaraa fi ▇▇▇▇▇’▇▇▇▇▇ Idil Addunyaa
Labsii 1178/2012 yakkoota namaan daldaluu, seeraan ala nama daangaa ceessisuu fi seeraan ala nama biyya alaatti hojiif erguu ittisuu fi too‟achuu keessatti qaamoolee gahee qaban itti gaafatamuumma isaanii waliin tumee jira. Bu‟uuruma kanaan labsichi itti gaafatamummaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Federalaa, Ministeera Haajaa Alaa, Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa, Poolisii Federaalaa, Aangoo Abbaa Seerummaa kwt 38- 42 jalatti tumee jira. Qaamoole kunniin hubannoo uumuu, dandeettii raawwachisumma ogeeyyii cimsuu, hojii qorannaa yakkaa, odeeffannoo wal-jijjiiruu irratti kan hojjetan ta‟uu tumaalee kanneen irraa ni hubatama.
Aangoo Abbaa Seerummaa ilaalchisee ▇▇▇▇▇ Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federalaa dhimmoota labsicha keessatti tumaman sadarkaa jalqaban ofitti fuudhee akka ilaaluu labsichaan aangeeffameera. Dhimmoonni yakka namaan daldaluu cimaa [kwt 4(2)] fi yakka nama seeraan ala daangaa ceesiisuu [kwt 8(3) ] Abbootii Seeraa sadiin ilaalamuu akka qabu labsichi kwt 42(2) jalatti tumee jira.
Itti dabaluun labsichi dhimmoota tumsi idil addunyaa irratti taasifamu adda baasuun kwt 43 jalatti tumee jira. Qorannaa yakkoota kanneenii, yakkamaa dabarsanii kennuu, odeeffannoo wal jijjiiruu, shakkamtoota seeratti dhiheessuun fi kkf dhimmoota tumsi fi ▇▇▇▇▇‟iinsi idil addunyaa barbaadan ta‟uu tumameera.
Akka waliigalaatti labsichi yakkoota kanneen ittisuu fi too‟achuu ilaalchisee gahee qaamoolee garaagaraa akkasums sirna tumsii fi ▇▇▇▇▇‟iinsi idil-addunyaa ittiin hogganamu diriirsee jira.
Kutaa torba jalatti Labsiin 1178/2012 tumaalee cee‟uumsaa, tumaalee haqamanii fi raawwatiinsa hin qabne, aangoo danbii fi qajeelfama baasuu fi yeroo labsichi itti ragga‟u tumee jira.
Seeraa fi tumaa haqame ilaalchisee labsiin 909/2007 guutumaan guutuutti haqamuu kwt 45
(1) jalatti tumameera. Tumaaleen Seera yakkaa kwt. 243(2) (3), kwt. 596, kwt.597, kwt. 598, kwt. 599 fi kwt.634-638 labsicha keessatti waan hammatamaniif haqamaniiru.
Seerri yakkaa kwt.243 (1)(b) fi labsii Imigireeshinii 354/1995 kwt 20(2) gar-tokkeen fooyya‟anii jiru. Gochi yakka nama Itiyoophiyaa keessa akka turu gargaaruu faayidaa maallaqaa ykn wantoota argachuuf ykn nama biraatiif argamsiisuuf jedhamee kan raawwatame ▇▇▇ ▇▇‟e raawwatiinsa hin qaban. Hima biraatiin labsii 1178/2012 raawwatiinsa qaba jechuudha.
Akka waliigalaatti labsichi seeroota fi tumaalee guutumaan guututti haqamanii fi gartokkeen fooyya‟annii raawwatiinsa hin qabne adda baasuun tumuun isaa hojii seera raawwachiisuu fi hiiku bu‟aa qabeessa taasiisuu keessatti qooda ni qaba.
Gaaffilee ▇▇▇▇▇
1. Aangoo fi gahee hojii Gamtaa ▇▇▇▇▇‟iinsa Biyyaalessaa labsii 1178/2012 kwt 36(2-8) jalatti tumame dhuunfaan dubbisuun ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ tiif yaada qabdan qoodaa!
2. Labsiin 1178/2012 yakkoota namaan daldaluu, Nama seeraan ala daangaa ceessuuf fi hojiif seeraan ala biyya alatti erguu ittisuu fi too‟achuuf gamtaan ▇▇▇▇▇‟iinsa biyyooleessaa fi Waajjirri isaa kan hunda‟uu ta‟uu akkasumas sadarkaa naannooleetti gamtaan ▇▇▇▇▇‟iinsaa hundeeffamu akka qabu tumee jira. Akka Naannoo Oromiyaatti gamtaan ▇▇▇▇▇‟iinsaa hundeeffame hojii keessa jiraa? ▇▇▇▇▇ Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa gamticha hundeessuu/gurmeessuu, qindeessuu fi deeggaruu walqabatee dhimmoota gufuu itti ta‟an tokko tokkoon kaasuun irratti mari‟adhaa.
3. Yakkoota namaan daldaluu, Nama seeraan ala daangaa ceessuuf fi hojiif seeraan ala biyya alatti erguu ittisuu fi too‟achuu ilaalchisee gahee Poolsii, Abbaa Alangaa Fi Abbaa Seeraa tokko tokkoon kaasuun irratti mari‟adhaa.
4. Yakkoota kanneen ittisuu fi to‟achuu keessatti hudhaaleen raawwii hojii keessatti isin muudatan maal fa‟aa? Akkamiitti hiikaa akka turtan muxannoo bakka irraa dhufatanii akka fakkeenyaatti kaasuun irratti mari‟adhaa.
5. Yakkoota namaan daldaluu, Nama seeraan ala daangaa ceesisuu fi hojiif seeraan ala biyya alatti erguu ittisuu fi to‟achuun walqabatee dhimmoonni tumsa idl addunyaa barbaadan maal fa‟aa?
Wabiiwwan
Seeroota/Sanadoota Idil-addunyaa
1. United Nations Convention against Transnational Organized Crime.
2. Protocol To Prevent, Suppress And Punish Trafficking In Persons Especially Women And Children Supplementing The UN Convention Against Transnational Crime, By UN General Assembly.
3. Protocol against the Smuggling of Migrants By Land, Sea And Air, Supplementing The UN Convention Against Transitional Crime, By UN General Assembly.
4. International Labour Organization (ILO) Conventions 29, 105, and 182
5. The Recommended Principles and Guidelines on Human Rights and Human Trafficking
6. Commentary on the Recommended Principles and Guidelines on Human Rights and Human Trafficking
7. Convention on the Elimination of all Forms of Discrimination Against Women (1979)
8. Convention on the Rights on the Child and its Optional Protocol on the sale of children, child prostitution and child pornography
9. Convention relating to the Status of Refugees (1951) and its 1967 Protocol
10. The Slavery Convention (1926) and its Supplement
11. UN Convention for the Suppression of the Traffic in Persons and of the Exploitation of the Prostitution of Others (1949)
12. The principle of non criminalization of the behavior of the victim of trafficking has been articulated in the United Nations Mission in Kosovo‟s (UNMIK) Regulation No 2001/4, On the Prohibition of Trafficking in Persons in Kosovo.
13. Report of the United Nations High Commissioner for Human Rights to the Economic and Social Council
14. ICAT Policy Paper: International Legal Frameworks Concerning Trafficking in Persons
Seeroota Biyyaleessaa
1. Heera Riipabilika Dimokiratawaa Fedelawaa Itiyoophiyaa, Labsii Lakk. 1/1987
2. Labsii Imigireeshinii Lakk. 354/1995
3. Labsii Lamummaa Itiyoophiyaa Lakk. 378/1996
4. Seera yakkaa Riipabiliika Dimokiratawaa Federalawaa Itiyoophiyaa, Labsii Lakk. 414/1996
5. Labsii Eegumsa Ragaa Baatootaa fi Eeruu Kennitootaa Yakkaa Lakk. 699/2003
6. Protocol Against the Smuggling of Migrants by Land, Sea and Air Ratification Proclamation No. 736/2012;
7. Protocol to Prevent, Suppress and Punish Trafficking in Persons Especially Women and Children Ratification Proclamation No. 737/2012
8. Ethiopia‟s Overseas Employment Proclamation No. 923/2016
9. Labsii Dhimma Baqatootaa Lakk.1110/2011
10. Labsii Hojjetaa fi Hojjechiisaa lakk. 1156/2011
11. Labsii Namaan Daldaluu fi Nama Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu Lakk. 1178/2012
Kitaabotaa fi barreeffamoota addaa addaa
1. ▇▇▇▇▇▇▇, ▇. (2008).'Not for sale.'In New Statesman (2008). ▇▇▇▇▇ and ▇▇▇▇▇▇.2 June 2008 Edition: Volume 137.Number.4899
2. Developments Special Report, "Everywhere in Chains", Developments, Department for International Development, No.37,2007, DFID, UK.
3. IOM, (2008). Fact sheet: counter Trafficking Activities in Ethiopia. Addis Ababa: IOM Addis Ababa Liaison Office.
4. Trafficking in persons overseas for labor purposes, the case of Ethiopian domestic workers, Research conducted by: play Therapy Africa Ltd, Edited by: ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇, 2011.
5. AGRINET (2003). Assessment of the magnitude of women and children trafficked within and outside Ethiopia: In Country trafficking. Unpublished document, working paper, Addis Ababa, Ethiopia.
7. ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇, Trafficking in Human Beings Human Rights and Transnational Criminal Law, Developments in Law and Practices ▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇, UNESCO 2010.
8. ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇, Trafficking, smuggling and human right: tricks and treaties, Human Rights Quarterly, Vol 23, 2001.
9. ▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇, Victim and Witness Intimidation: New Developments and Emerging Responses, 1995.
10. Criminal Liability of Corporations Comparative Jurisprudence, Anca ▇▇▇▇▇ ▇▇▇, Submitted in partial fulfillment of the requirements of the King Scholar Program Michigan State University College of Law under the direction of ▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ Spring, 2006.
11. Corporate culture as a basis for the criminal liability of corporations, prepared by ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇ for the United Nations Special Representative of the secretary-General on human Rights and Business.
12. Black‟s law Dictionary, 6th ed.
13. ▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇▇, Trafficking, smuggling and human rights: tricks and treaties.
14. TULANE J. OF INT‟L & COMP. LAW, [Vol. 14:1, Incorporating the Five Basic Elements of a Model Anti trafficking in Persons Legislation in Domestic Laws: From the United Nations Protocol to the European Convention, by ▇▇▇▇▇▇▇ ▇. ▇▇▇▇▇▇.
15. Ibsa Barreeffama Wixinee Labsii 1178/2012, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Federalaa
Tarree Dhimmoota
1. A/A vs Miimmii (Hodee) Dhibba Qecee, Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Horroo Guduruu Wallaggaa, Lakk.Galmee 25319/2012
2. A/A vs Aagee Gaaddisaa, ▇▇▇▇▇ Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Wallaggaa Bahaa, Lakk. Galmee 53433/2012
3. A/A vs Aliyyii Qaasim Abdallaa, Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Arsii, Lakk. Galmee 86811 fi Dhaddacha Dhaabbii MMWO Bahaa, Dhaddacha yakkaa 1ffaa, Lakk Galmee Ol‟iyyannoo 340521/2013
4. A/A vs ▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇, Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Harargee Bahaa Lakk. Galmee 46489/2012 fi Dhaddcha Dhabbii MMWO Bahaa, Dhaddacha yakkaa 2ffaa, Lakk Galmee Ol‟iyyannoo 331692/2012
5. A/A vs Alamuddiin ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇ faa N-4, Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Harargee Bahaa, Lakk. Galmee 48161/2012
6. A/A vs ▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇ ▇▇▇▇▇▇▇▇, Mana Murtii Ol‟aanaa ▇▇▇▇▇▇ Harargee Lixaa, Lakk. Galmee 51552 fi Dhaddacha Dhaabbii MMWO Bahaa, Dhaddacha Yakkaa 1ffaa, Lakk Galmee Ol‟iyyannoo 317154/2012
Toora Marsaariitii
1. ▇▇▇▇▇://▇▇▇.▇▇▇.▇▇▇/▇▇▇▇-▇▇▇▇▇▇▇▇/▇▇▇▇-▇▇▇▇▇-▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇
2. ▇▇▇▇▇://▇▇▇.▇▇▇▇▇.▇▇▇/▇▇/▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇/▇▇▇▇▇/▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇. aspx.
3. ▇▇▇▇▇://▇▇▇.▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇.▇▇▇/▇▇▇▇▇▇/▇▇-▇▇▇▇▇▇-▇▇-▇▇▇▇▇-▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇/
4. ▇▇▇▇▇://▇▇▇.▇▇▇▇▇.▇▇▇/▇▇▇▇▇▇▇▇▇/▇▇▇▇▇▇/▇▇▇▇▇/▇▇▇▇/▇▇▇▇▇▇▇▇▇/▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇▇ oncerningTraffickingpersons_Aug2014.pdf